Kubbaa Miilaa Itoophiyaa: CAF isteediyeemiiwwan Itoophiyaa ''haa qotaman'' maaliif jedhee?

Istaadiyeemii Wallaggaa eebbaaf qophaa'e

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii BiirooKomunikeeshini Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsi Istaadiyeemii Wallaggaa waggoota 10 booda xumurame CAF jalatti hin galmoofne

Gareen Waaliyaa taphawwan dirree ofii irratti taphachuu qaban erga dirree ''ormaarratti'' taphachuu eegalanii bubbulaniiru.

Kanaaf sababni ammoo dirree ulaagaa sadarkaa CAF guutan hin jiran jedhamusaati.

Itoophiyaan hanqina dirree hinqabdu osoo jedhamee kun dubbii harbeessuu hin ta'u.

Naannooleetti istaadiyeemii yoo xinnaate namoota kuma 50 keessummeessu danda'u ijaaramaniiru. Kanaafu, CAF maaliif Itoophiyaan istaadiyeemii ''gaarii'' hin qabdu jedhe?

Taatee dhiheenya keessaa haa kaafnu.

Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara dhufaa gaggeeffamu keessatti hirmaachuuf calallii taasisuuf qophaa'aa jirti.

Masrii, Maalaawiifi Giiniin ramaddii Itoophiyaa keessatti argamtu keessa jiru.

Gareen Waaliyaas haala seeraatti taphasaanii jalqabaa dirreessaaniitiin alatti Maalaawwii waliin taphatu.

Haata'u malee, taphni isaanii ittaanu Masrii waliin dirreesaanii irratti ta'u sagantaan CAF ni mul'isa.

Ta'us taphni kun Maalaawwiitti akka gaggeeffamuuf Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa - CAF murteesseera.

Pirezidantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Maalaawwii, Waaltar Niiyaamiilaandu, ''Deeggartoonni Liivar Puul biyyakootti argamtan Moo Saalaah isiiniif dhufaa jira.

''Baga gammaddan,'' jechuun karaa toora tiwitara isaanitiin ergaa dabarsaniiru.

Baayyeenis kun ''daba Masriiti'' jedhu. Biyyi Mohaammad Saalaah dirreen Itoophiyaa anaaf hin ta'u jechuun komii waan dhiyeessiteef kun ta'e kanneen jedhaniis jiru.

Haata'u malee, waa'ee kubbaa miila Itoophiyaa itti dhiheenyaan kan hordofu Firewu Asiraat dhimmisaa waan biraati jedha.

''Dirreen kubbaa miilaa kan qoratame haaluma Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaafi Komishiiniin Ispoortii 'dirreekoo fooyyeesseeraatii' naaf haa qoratamu jedhanii CAF gaafataniin qoratame,'' jedha.

Haaluma gaaffii kanaatinIis namni qorataa CAF ta'an torbanoota muraasaan dura gara Istaadiyeemii Baahir Daariitti imaluun qulqullina dirree ilaaleera.

''Kana jechuunis Masriin dirreen naaf haa qoratamu hin jenne jechu miti'' jedha Fireewu.

"Yeroodhuma walfakKaataatti Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Masrii CAF'tti xalayaa galfatee ture. Haata'u malee, CAF ergamaa kan erge haaluma gaaffii itoophiyaatiin.''

Xalayaan Masrii ol ka'iinsa (altitude) Finfinneen irratti argamtu sodaachuun kan barraa'e malee kan dhimma dirree kaasu hinturre jedha.

''Dirrichi haa qotamu''

Ergamaan CAF dirree Baahirdaar erga sirriitti qoratanii booda aanga'oota bu'aasaa hawwiin eeggataa turaniif deebiin kenname gaarii hin turre.

Qoratichis itti-gaafatamtoota biiroolee Ispoortii naannooleefi federaalaa ''maaltu hir'atee?' jechuun miiraan eeggataa turaniif ajaja kan dabarsan. ''Dirrichi haa qotamu,'' kan jedhu ture.

Qorataan sunis istaadiyeemiin Baahirdaari ulaagaa CAF isa gadaanaayyuu hin guutu jedhan.

''Dhugaatti rakkoo istaadiyeemii ijaaruu hin qabnu'' jedha Fireewu.

Haata'u malee, ''Istaadiyeemoti sadarkaa CAF gaafatu qabatanii hin xumuraman. Alarraa bareedanii haalli itti xumuraman garuu kan nama aarsuu ta'a.''

Sadarkaa CAF ''Minimum Standard'' jedhuun sana illeen hin guutan.

Ulaagaalee CAF barbaadu hedduu keessaa muraasa isaanii akkasiin kaasa Fireewu.

''Tokkooffaan dirree taphaati. Istaadiyeemoonni baay'ee dirreensaanii wayita roobaatti bishaantu irra cisa. Baayyeen isaanis kana ittisuuf sirni dhanga'aa diriireef (drainage system) hin qaban.''

"Kanaan alatti kutaan uffannaa teessuuma maleedha. Dhimmoota ulaagaa CAF akka kufnuuf nu taasisan keessaa kun tokko.''

''Dirreewwan baay'ee agarte yoo ta'e teessuma deeggartootaaf hojjatame hin qaban. Kun ammoo balaaf kan saaxiluudha. CAF dorgommiiwwan isaa istaadiyeemii akkasii keessatti akka ta'aniif gonkumaa hin barbaadu.''

Kana malees dirreewwan baayyeen ibsaa Halkan keessa tapha gaggeessuuf dandeessisu hin qaban jedha.

''Kana malees CAF yoo danda'ame istaadiyeemiiwwan akka baaxii qabaatan gaafata. Istaadiyeemiiwwan keenya ammoo baaxii maleeyyiidha.

''Kan biraa ammoo dhimma kutaa miidiyaa teeknooloojiiwwan guutameefidha. Kanas hin guunnu. Akkasumas kutaa wallaansaa fayyaa sadarkaasaa eegee akka qabaatu gaafata.''

Fireewu akka jedhutti ulaagaaleen gubbaatti tarreeffaman muraasni illeen osoo guutamanii taphawwan gaggeeffamaa akka fooyya'u ni yaalama ture.

Haata'u malee Baahirdaariin dabalate istaadiyeemiiwwan hunduu ulaagaa gadaanaa jedhame hin guutan.

''Erga istaadiyeemii Baahirdaarii ilaaleen booda dirreen qotamee margi haa dhaabbatu jedhe. Sirni yaa'aa bishaanis akka sirreeffamuuf akeekkachiisa kenneera.

''Kutaan uffannaa istaadiyeemii Baahirdaar qulqullina qaba jennee amannu diigamee akka haaraatti ijaaramu qabaata deebii jedhu kenneera.''

Istaadiyeemii Wallaggaa eebbaaf qophaa'e

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii BiirooKomunikeeshini Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsi Istaadiyeemii Wallaggaa waggoota 10 booda xumurame CAF jalatti hin galmoofne

Isaadiyeemiin haaraafi ni fooyya'a jedhame erga kana hinguunnee kaan hoo? jechuun gaaffii kaasa Fireewu.

Istaadiyeemiiwwan Itoophiyaa kan eenyuuti?

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa istaadiyeemiiwwan ijaaruus ta'e bulchuun itti gaafatamummaakoo miti jedha.

Barreessaa Olaanaan Federeeshinichaa, Baahiruu Xilaahuun biyya kamittuu federeshiniin kubbaa miilaa istaadiyeemii ijaaruus ta'e bulchuuf aangoo hin qabu jedhan.

''Aangoon keenya kubbaa miilaa babal'isuu malee ijaarsa bu'uuraalee misoomaa mit. Dhimmi kun kan ilaalatu motummoota naannooleefi kan federaalaati. Kana jechuun ammoo deeggarsa teekiniikaa hin kenniinu jechu miti,'' jedhan.

''Oggeessota damee kanaan beekumsa qaban motummoota waliin walitti fiduu, fi hojiiwwan dhiyeessii ekispartootaa hojii federeshinichaa ta'u danda'a.''

''Siriiyyuu yaalii pirezidantii federeeshinichaatiin istaadiyeemiiwwan keenya osoo hin dhorkamiin bara dheeraaf kan turan,'' jedhu Obbo Baahiruun.

''Yeroo dheeraadhaaf taphawwan Baahirdaariitti gaggeessaa kan turre karaadhuma bu'aa dippilomaasii kubbaa miilaatiin.

''Obbo Isaayaas Jiraa (pirezidaantiin federeeshinichaa) haala keessa jiru CAF hubachiisaati kun ta'aa kan ture malee guutummaa guutuutti istaadiyeemiiwwan keenya dhorkuuf kan murteessan waggaa lamaan dura ture.''

Barreessaa Olaanaan kunis xalayaawwan CAF yeroo garaa garaatti ergu naannoo Amaaraafi Komishinii Ispoortiitti dhiyeessuun furmaata barbaacha hojjataa akka turan yaadatu.

''Fooyya'insa hanga tokkoo agarsiifnulleen haala CAF barbaaduun hin turre. CAF's fooyya'iinsi jiraachuu ni amana. Garuu sadarkaa kanaan tapha gaggeessuun akka hindanda'amne nutti hime.''

Adeemsa keessa fooyya'insa beeksisuufi ogeessa dhiyeessuun itti-gaafatamummaa federeeshiniiti jedhu Obbo Baahiruun.

''Fakkeenyaa, Dhaabbata Girigoorii International jedhamuufi Afriikaa keessatti istaadiyeemiiwwan 20 ol ijaare fidnee Ministeera Aadaafi Ispoortii waliin wal agarsiifneera.

''Haaromsa istaadiyeemii FInfinnee ilaaluun gatii ittiin hojjatu dhiyeesseeti deeme.''

Obbo Baahiruun Itoophiyaan dirreen ala taphachuun gatii baasaa kan jiru federeeshinicha jedhu.

''Federeeshinichi galii FIFA fi CAf ramaduufi kan deeggartoota irraa argatuun bula. Garee biyyaalessaatiif jedhame maallaqni mootummaa irraa ramadamuuf hin jiru.''

Gareen biyyaaleessaasi Maalaawwiitti aansee Masrii waliin qabu istaadiyeemiidhuma Maalaawiitti gaggeessuuf kan murteesse baasiif jecha akka ta'e himu.

''Yeroo darbe Gaanaatti tapha ilaaleera. Amma ammoo Maalaawiitti Masrii waliin taphachuu yaadneerra. Maalaawii kan filanne baasii hir'isuuf yaadneeti.

''Lammaaffaa ammoo biyyaa gara biyyaatti deddeebi''uun akka hin dadhabne yaaduun. Kun ammoo kan nama qaanessu malee kan nama boonsu miti.''

"Amma maallaqa sochoonuun waan arganneef hirmaataa jirra ta'a. Haalichi cimaa adeemnaan garuu hanga dorgommii adda kutuu gahuu dandeenya.

''Kunimmoo akka biyyaatti gaaffii baay'ee kaasa. Haata'u malee, kana hambisuuf jecha Aadaafi Ispoortii waliin hojjataa jirra.''

Abdiin qabnu maal?

Fireewu yaada Barreessaa Olaanaa kana waliin waliigala. Istaadiyeemii ijaaranii xumuruufi bulchuu kan qabu motummaa federaalaa ykn biiroolee ispoortii naannooleeti malee federeeshinii miti jedha.

Fakkeenyaaf, istaadiyeemiin Finfinnee qabeenya Komishinii Ispoortii Federalaati. Kan to'atus isuma.

''Ta'ulleen garuu hanga istaadiyeemii itti fayyadamu ta'eetti qulqullina isaanii eeggachuun akka ijaaramaniif dhiibbaa taasisuuf ittigaafatamummaa akka qabu nan amana.''

Istaadiyeemiiwwan keenya ulaagaa sadarkaa CAF gaafatuun gadi ta'an illeen istaadiyeemiin Finfinneefi Aday Ababa amma haroomsaafi ijaarsarratti argaman kan abdii namatti horan ta'u kaasa Fireewu.

Isaadiyeemiiwwan Baahirdaariifi Dirre Dhawaa haala ulaagaa CAf guutaniin yoo xinnaate bara kana xumuramuu akka danda'an Fireewu kaaseera.

''Haala qabatamaa jiru irraa ka'uun istaadiyeemiiwwan yeroo tokkootti xumuruun kan ulfaatu natti fakkaata,'' jechuun hima Fireewu.

Tarkaanfiin amma Ministeerri Ispoortii istaadiyeemiiwwan eegalaman sadarkaa haala guutaniin akka xumuramaniif fudhataa jiru furmaata akka ta'e hima.

"Inumaa yoo attam fagaate walakkeessa bara dhufuutti Waaliyaawwan yeroo dirree ofiisaanii irratti taphatan argu dandeenya ta'a.''