Ganama leenjisaa tureen waaree booda nagumaan dahe-Leenjistu ispoortii

Aadde Shillimaat Sisaay haadha Ijoollee sadii ji’a tokkoon dura BBC seenaa ishee hojjete ulfa ji’a saddeetiin leenjii Ispoortii kennaa turte.
Haati kuni ergasii hanga guyyaa Dilbata darbeetti leenjii kana osoo addaan hin kutin kennaa turte.
Dilbata darbe ganama leenjistee mana galtee guyyichuma waaree booda nagumaan dahuu himti.
''Gaafa Dilbataa ganama leenjiseen gale. Waaree booda sagantaa mana namaa deemuun qaba ture. Osuman isaaf qophaa’aa jiruu ciniinsuun naqab,'' jetti.
Ciniinsuun qabee daqiiqaa kudhan yeroo hin caalle keessatti akka deesse kan himtu leenjistuun Ispoortii kun, daa'ima dubraa argachuun amma haadha Ijoollee afurii taateetti.
''Kanaan duras ijoolleekoo sadan ispoortii leenjisee galeetuman dahe. Galatni waaqaaf haa ta’u kan ammaa kanas nagumaan hiikameera,'' jetti.
Gareen ispoortii isheen leenjistu dahuushee wayita dhagahan amanuuf rakkachuus himti.
''Garee ispoortii fayyaa jedhamu kuni nama dahe wayii gaafachuuf gara galgalaatti beellama qabannee ture. yeroon gahee bahuufi koottu yoo naan jedhan ani daheera jedheen. Amanuu dadhaban,'' jetti.
Maqaa intalashee kanas Eleroo’ii jechuun akka moggaastee fi hiiknisaas Kitaaba qulqulluu irratti ''Kan na argu argeera'' jechuu akka ta’e himti.
Leenjistuun Ispoortii kuni hanga guyyaa da’umsa isheetti leenjii kana osoo adda hin kunne ilmaan afur walitti aansuun nagaan deessulleen yeroo ulfaatti ispoortii ciccimaa hojjechuun akka hin gorfamne ogeessi Fayyaa BBC’n dubbise himanii ture.
Leenjistuun ispoortii kun eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin kun ispoortii kan jalqabdee yeroo barnoota sadarkaa duraa barattu fiigichaan akka ture BBCtti himte.
Kanaanis mana barumsaashii bakka bu’uun dorgommiiwwan adda addaa irraatti hirmaachuu himti.
Ergasii barnoota tekwaandoo waggoota shaniif barachuun hanga gulantaa Qabaattoo Gurraacha hidhachuurra geesseerti.
Dorgommiiwwan ispoortii tekwandootiinis Oromiyaa bakka bu’uun bakka adda addaatti hirmaachuus himteetti.
Aadde Shillimaat bultii erga ijaarrattee booda mana jiimii nama dhuunfaatti leenjistuu ta’uun tajaajilaa turte.
Hojii leenjisummaa ispoortii Aadde Shillimaat wanti adda godhu yeroo ulfaas hojiinshee adda hin citu.
Guyyaa leenjisaa ooltee galtee dahuu kan himte dubartiin kun kanaan duras Ijoollee sadii haaluma kanaan akka deesse himti.
Mucaashee sadaffaan garuu bakka leenjiitii xumurtee isheedhaa mana gahuu daqiiqaa muraasa keessatti waan deessef seenaa addatti yaadattu ta’uus himti.
Aadde Shillimaat akkaataan maamilotasheef leenjii kennitu akka dubartii ulfaatti sochii daangeffame osoo hin taane akkuma barbaaddetti sochootee leenjisti.
Ulfa jalqabaa irratti abbaan warraashees dhiibbaa namootni isarraan gahaniin sochii ispoortii kana akka hir’istu, yaaddoo qabaachaa turuu fi boodarra ''na deeggaruu'' jalqabes jetti.
Amalashee kan baran maamilootnishee yoo akka carraa ganama barfattellee “Ni deessemoo” jedhanii bilbilanii natti qoosu jetti.
Yaaddonni hamilee buusan “fayyaa hin qabduu, dhuguma dhirsa qabdii kuni, daa’imicha hin barbaadduu? jedhan irra deddeebiin ishee qaqqabanis isheen garuu hanga guyyaa deessuutti ispoortii kanarraa adda bahu akka hin barbaanne dubbatti.
Sochiin ispoortii yeroo ulfaa taasiftu kun sochii dubartoonni ulfaa taasisan kan baratamerraa adda ta’ulleen, isheef garuu yeroo da’umsaa miixuun (ciniinsuun) osoo hin rakkatin battalumatti akka deessuuf ishee gargaaraa jiraachuus dubbatti.












