'Dahuu hin barbaadu'

Madda suuraa, Caroline Mitchell
Lakkoofsi dubartoota daa’ima dahuu hin barbaadnu jedhanii dabalaa jira, walumaa galatti daa’ima godhachuunis akkuma kana gadi bu’aa jira.
Sababoonni maaliif daa’ima dahuu akka hin barbaadneef kennaman garaa garadha. Sodaa jijjiirama haala qilleensaa, hanqina maallaqaafi rakkoo fayyaa eeruun ni danda’ama.
Gama kaaniin ammoo “daa’ima dahuu dhiisuun fedhii bilisaan ofiin murteeffanudha” dubartoonni jedhanis jiru.
Murteen akkasii [daa’ima dahuu dhiisuun] fudhatama inni hawaasa keessatti qabu garuu guddaa miti. Kana jechuun, dubartootarratti miidhaa qoor-qalbii fidu qaba jechuudha.
Yunaayitid Kingidam keessatti gurmuun ‘Bristol Childfree Women’ jedhamu jira. Waldaa dubartoonni dahuu hin barbaadne, dubartoota dahuu hin barbaadneef hundeessanidha. Miseensota 500 ol qaba.
Dubartoota kanneen keessaa tokko umuriinshee wagga 46 kan ta’e Kaarolaayin Miichel jedhamti. Biristol keessa abbaa warraashee waliin jiraatti.
Yeroo dargaggummaa keessa jirtu daa’ima dahuu dhabuunshee ishee hin yaaddessine ture. Yeroo umuriinshee deemaa dhufetti garuu hiriyyootasheefi michootashee daa’ima dahanii qabanirraa gaaffiin dhiyaatuuf ni baayyate.
“Ijoollee hin barbaadu jechuukootiif akka uumama addaatti ilaalamuun jalqabe. Ejjennoon kiyya fudhatama akka hin qabneetti natti dhaga’ame,” jetti.
Hawasni kan simatu dubartoota ijoollee dahan qofaadha kan jettu Kaarolaayin, “miira jireenya keessaa bahu keessa nama galcha,” jechuun ibsiti.
Haala hunda keessatti haadholiif addunyaa mijataa ta’e keessatti “namoota waliin wal arguun mataansaayyu” ulfaataadha jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addunyaan dubartoota ijoollee qabanii “dubartoota hin dahiiniif mijooftuu miti” jedhanii yaaduu akka danda’an amanti. Dhugaan isaa garuu kana miti.
Hiriyyoota koo keessaa harki caalan ijoollee qabu. Isheen waan hin deenyeef akka wanti hin taane itti dhaga’amu kallattiin wanti godhan jiraachuu baatus, hunduu haala wal fakkaataa keessa ta’uun isaanii [isheen baayyee keessaa adda ta’uun] mataan isaayyu “haala jiru ulfaataa taasisa”.
Kaarolaayin daa’ima dahuu akka hin barbaadne guutummaan guutuutti ni beekti. Murteeshee kanas “kan itti amantuufi itti gammaddu” akka ta’e dubbattus yeroo tokko tokko murteeshee kanarratti gaaffii kaasuun ishee hin hafne.
Aadaa keessatti fudhatama kan qabuufi dubartootaaf “uumama” jedhamee kan fudhatamu daa’ima dahuu ta’uusaa dubbatti.
Akka qorannoo bara 2022 keessa bahe tokkootti, lakkoofsi dubartoota hanga umuriin isaanii wagga 30 qaqqabutti hin deenye dabaluu agarsiisa.
Akka lakkoofsa Yunaayitid Kingidam keessaa fudhatameetti, baroota 1990oota keessa dubartoota dhalatan keessaa %50.1 kan ta’an, bara 2020 hanga umuriin isaanii wagga 30 keessa galutti daa’ima hin deenye.
Meghaan Istanliin daa’ima dahuu akka hin barbaadne ni beekti turte.
Umuriishee wagga 19 irraa kaastee dahuu dhiisuuf carraaqaa turte. Kana ammoo akka dahuu hin dandeenye ykn of maseensuun (sterilize) gochuu dabalata.
Miira dhukkubbii hamaa yeroo daraaraan jiraa (Menstruation) itti dhaga’amu ibsuun, “ji’a ji’aan dhukkubbii sana keessa darbuu hin barbaachisu,” jetti.
“Maseensuun dararaa ji’aa akka hin dhaabne nan beeka. Garuu dhukkubbii yeroo dararaan ji’aa dhufu ni hir’isa,” jetti.
Amma umuriinshee wagga 31 guuteera. Hakiimonni “ati baayyee dargaggeettiidha” ykn “boodarra yoo yaadakee jijjiirte hoo” deebii jedhu akka kennaniif dubbatti.
Yeroo umuriinshee wagga 29 ture ogeessa baqaqsanii wallaanuu waliin beellama qabattee ture.
“Seenaa wallaansa fayyaakoo dabalatee waan hundan qopheesse. Ogeessa xiinsamuurraa raga-baatii osoo hin hafiin qopheesseen ture,” jetti. Ta’us garuu hayyama hin arganne turte.
Yeroo sanatti jaalala ji’a sadii ture keessa turte. Amma michuu jireenyaashee ta’ee itti fufeera.
Hiriyyaanshee dhiiraa kun daa’ima godhachuu akka hin barbaadneefi wallaansa fayyaan gargaaramee akka dahuu hin dandeenyeef wallaansa baqaqsanii yaaluu (vasectomy) akka gaggeeffateerus hakiimasheetti himteetti.
Haata’u malee, deebiin hakiimashee “inni dahuu kan hin dandeenye yoo ta’e siin maaliif wallaansaan of maseensuun si barbaachise” kan jedhu ture.
“Inni qaamasaarratti waan barbaadu yoo gochuu danda’e, animmoo qaamakoorratti maaliifan waanan barbaade gochuu hin dandeenye?” jetti Meghaan.
“Amma hangan gaafa umurii dahumsaa keessaa ba’uuttin eega” jetti.

Madda suuraa, Meghaan Istanliin
Kaarolaayin akka jettutti ammoo, dubartoonni daa’ima dahuu hin barbaadne waa’ee dhima kanaarratti dubbachuu dhiisuun daa’ima dahuun akka karaa sirrii ta’etti akka ilaalamuuf gahee ni qaba.
“Waa’e dhimma kanaa hin dubbannu. Kanaaf, yeroo hunda dubartiin ni deessi ilaalcha jedhuti jira. Haadha ta’uun kallattii kamittiyyu deemnu waanuma jiru nutti fakkaata,“ jechuun ibsiti.
“Aadaa hawaasichaa waliin deemuu dhiisuun” salphaa akka hin taane dubbatti.
Murtee “addaa” osoo hin murteesisne ta’ee jireenyi “salphaa” ta’uu akka danda’u dubbatti. Haata’u malee, dubartoonni waan fedhan murteessanis “murteen isaanii fudhatama dhaba. Murteeseeniitti akka gaabbanis ni taasifamu,” jetti.
Fiyoonaa Paawol yeroo wagga 12 turterraa kaastee daa’ima dahuu akka hin barbaadne ni beekti ture.
Murtee kanarra kan geesseef ammoo bu’aa ba’ii haatishee keessa dabarte ilaaluunidha.
Amma umuriinshee wagga 49 guuteera. Biristol keessatti waldaa dubartoota dahuu hin barbaadnee gaggeessiti.
Amma mallattoo umurii dahumsaa keessaa qaamasheerratti yeroo argitu, dahuu dhabuushee yaaduun “akka hin naane” dubbatti.
“Miira gaariitu natti dhaga’ama,” jechuun miirashee ibsiti.
Maatii gaarii ta’uu akka dandeessu kan amantu Fiyoonaan, dahuu garuu hin barbaaddu.
Fiyoonaan akkuma Meghaaniifi Kaarolaayin daa’ima dahuu akka hin barbaadne namootatti yeroo himtu akka rifatan hubatteetti.
“Ni gaabbita. Akkas taanaan hiikni jiraachuukeetii maalidha? Daa’ima hin deessu taanaan dubartii miti“ akka jedhamte dubbatti Fiyoonaan.
Daa’ima dahuu fedhuu dhabuun ishee “namootatti akka hin talle” ibsiti. Namoonni akka isaan filannoo hin qabneetti akka yaadan hubatti.
Daa’ima dahuu hin barbaadu jechuusheetiif “ijoollee kan jibbitu” ykn “hamtuu” akka taatetti akka fudhatamte yaadatti.
Akka ilaalchasheetti garuu daa’ima dahuu fedhuu dhabuun “qama eenyummaasheeti”.
Erga umuriinshee deemee booda guyyaa tokko hirribaa dammaqxee murteeshee kanatti akka hin gaabbines ni amanti.
Kaarolaayin akka jettutti, osoo daa’ima deessee “haadha gammachuun irraa fagaate taati” turte. Daa’ima dahuu dhabuusheetiin xiyyeeffannaashee hariiroo jaalalaasheefi fedhii dhuunfaasheerra akka godhachuu dandeesse dubbatti.
Meghaan yaadashee kanaan waliigalti.
“Wantichi dhimma bilisummaa ykn maallaqaa qofa osoo hin taane dhimma filannootis,” jetti.












