Biyya dhiiroonni baasii dubartoota ulfeessan kamuu danda'uuf dirqaman

Biyya Ameerikaa bulchiinsa Yutaah keessatti dhiironni dubartii waliin yeroo jaalalaan dabarsanitti ulfoonnaan dhokachuu tasumaa hin danda'amu. Baasii yeroo isheen garaatti baattu ishee barbaachisu sana waliin wal qabate hunda hirmachuu qabu.
Dirqamni kun hanga tokkicha ulfi umamuuf sababa ta'aniitti, kan abbaa warraa seera-qabeessaa, jaalalleewwan yeroodhaaf waliin dabarsanii ykn kanuma guyyaa tokkoof wal argan hundaa ilaallatudha.
Dirqama kanaan baasiin wayita dubartiin ulfa jirtutti ishee barbaachisu qooddachuu yoo ta'u, isaanis qorichaa baatiiwwan salgan keessa baarbaachisuu dabalatee, nyaata, baasiiwwan fayyaafi kan isaan wal qabatan hundadha. Baasiin dahumsaas dirqama abbaati.
Seerrii kun hojiirra yoo oolfamu Ameerikaatti Bulchiinsi Yutaah kan jalqabaati.
Deegartoonni seera kanaas seerri haaraan kun ''rakkinaafi dhiibbaa dubartoota Ameerikaarra gahu hanga tokko ta'us kan hir'isuudha'' jechuun leellisan.
Seerrichi deeggarsa miseensoota Riippablikaanotaafi Dimokiraatootaa lamaaniinuu argateera. Ergasiin boodas baasii maatii irratti marii haaraan akka eegalamuuf sababa ta'eera.
Keessattuu, bulchiinsa Yutaahaatti seerri dubartoota ulfa baasuu dhorku cimaa dhufusaatiin walqabatee seerri haaraan kun baayyee mata-duree marii ta'aa jira.
Seerichi maal jedhaa?
Seerrichi dhiirri dubartii ulfeesse kamuu dubartii haadha dhalasaa taatee, yeroo itti ulfichi uumamee kaasee baasii akka qooddatu dirqisiisa.
Baasiin kunis kaffaltaai inshuraanii ji'aafi baasiiwwan wallaansaa hunda dabalata. Baasiin kun baasii dahumsaas ni dabalata.
Dubartii Ameerikaa takkaaf daa'ima tokko ulfoofte haga deessuutti jidduugalaan dolaara Ameerikaa 4,500 baasisa.
Maallaqni kunis baasii inshuraansii osoo hin dabalatiin maallaqa kisii isheetii baaftudha.
Baasiin kun dubartoota inshuraansii hin qabneef dachaa ta'a. Akka qorannoo 'Fair Health' jedhuutti, dubartoonni inshuraansii hin qabne hanga deessuutti baasii dolaara kuma 10 hin gahuuf.
Sababii kanaan dubartoota dhiirri ulfeessee gargaaruu hin feeneef baasiin kun baayyee cimaa akka ture himama.
Seeraa haaraa bahe kanaan garuu baasiin kun abbaa warra/jaalallee ykn nama guyyaa tokkoon 'abbaa ulfaa' ta'een qooddatama.
Sababii dubartiin garaatti baachuun walqabatee dhiirri haalee ykn yeroos eenyummaan kan hin beekamne yoo ta'e, baasii adeemsicha keessa bahuu kan gaheessaa baasuuf turulleen, booda wayita barameetti baasiiwwan ulfa sana waliin walqabatee erregamuun ni dhiyaataaf.
Haata'u malee, dubartoonni abbaan ilamsaanii tasumaa akka baasii hirmatan kan hinbarbaannee yoo ta'e, dhiiuu mirga isaaniti.
Gama biraatiin ammoo dubartoonni ulfa garaatti baatan baasuu yoo barbaadan baasiin abbaa hinilaallatu, baasiis jedhamee seeraan dirqiisifamu hindanda'amu.
Haata'u malee lubbuun haadhaa balaarra yoo ta'e, ykn ulfichi kan umamee fedhii dubartittiin ala yoo ta'ee dhiirrii sun baasii akka danda'u taasifamu danda'a.

Serrii kunis bulchiinsa Yutaah keessatti Caamsaa dhufaa irraa kaasee hojiirra ola.
Ameerikaatti dubartiin tokko ulfa baasisuuf jidduugalaan doolaara kuma tokko ol barbaachisa.
Seerri kun akka ragaasiifamuuf miseensoota mana maree gumaata olaanaa kanneen taasisan keessaa tokko Biraadii Biraaman ni argamu.
''Dhimma ulfa baasiisu irratti osoo hinmormiin seera dubartiifi ilmooshee gargaaruuf dendeessisuudha'' jedhan. Miseensi mana maree Bilaamar riippablikaanoota kanneen ulfa baasuu morman keessaayi.
Ameerikaatti dubartoonni %25 ta'an hanga umuriinsaanii waggaa 45 gahuutti ulfa baasu keessatti akka hirmaatan qorannoon tokko ni hima. Isaan keessaa walakkaansaanii kanneen hiyyummaa keessa jiraatan.
Kanneen ulfa baasisuun mirga jedhanii morman illeen seera haaraa bulchinsa kanaa haala gaariin fudhatan.
Haata'u malee haala seerichi dhimma kana ittiin ilaalee hinjaalanne.
Seericha caalaa dhiyeessiitii inshuraansii fayyaa, tajaajila karoora maatii waliinii, hayyama maatii kanfaltii qabuufi kan biraa sadarkaa imaammataatti xiyyeeffannaan osoo kennameef dubartiif carraa bal'aa kenna jedhu.
Dhiirri baasii ulfaa akka hirmatu taasisuu qofti dubartiif baayyee hinfayyadu jedhu.
Akka ragaa Ejansii qonnaafi Maatii Ameerikaatti, daa'ima tokko hanga waggaa 17 gahuutti guddisuuf hanga doolaara kuma 233 ni barbaachisa.
Bulchiinsi Yutaah ulfa baasisuu cimsite mormiti. Seerri haaraan kunis sababiidhuma kanaaf kan ragga'e ta'u himu qaamooleen mirga ulfa baasutiif morman.
''Seera kanaan ulfa baasuu sammuu dubartii keessaa akka haqamu taasisuudha'' jetti Meeriilii Boyaak.
Ameerikaa bulchonsoota hundatti haal dureewwan hedduu kaa'uun ulfa baasuun cimsaa jiru.
Seerri Bulchiinsi Yutaah bara 2019tti baasee tokko, dubartiin tokko haala adda ta'een yoo ta'een alatti ulfa torban 18 darbe baasuu hindandeessu jedha. Kanneen baasuu barbaadanis oggeessootaan gorsa walitti fufaa argachu qabu jedha.
Erga gorsa oggeessaa argatanii booda sa'aatii 72 booda eeguun kan baasisuu danda'an.
Seerri biraa dubartoonni umuriinsaanii waggaa 18 gadi ta'e akka ulfa baasaniif maatiin waliigalte mallatteessu qabu.
Bara 2017 qofaatti Ameerikaatti dubartoonni kuma 800 ol ta'an bufata fayyaatti tajaajila ulfa baasisuu argataniiru. Kanneen keessaa kumi sadi jiraattoota Bulchiinsa Yutaahiti.













