Dr. Jaafar Kadir: Miila qullaa barumsaa deemuurraa hanga ispeeshalistii wallaansa ijaa beekamaatti

Madda suuraa, Dr Jaafar Kadir
Dr. Jaafar Kadir jedhama. Magaalaa Jimmaa naannawaa Jireenitti dhalatee guddate. Maatiisaatiif mucaa dhumaa ture; garaa 'duguuggaadha.' Obbolaa dhiiraa sadii fi obboleettii tokko qaba.
Maatiinsaa qabeenya bal'aa qabu turani. Yeroo inni dhalatu garuu maatiinsaa harkaa duwwaa turani. Erga mootummaan Darguu dhufee booda garuu waan qaban hundatu jalaa fudhatame. Haala ulfaataa keessatti barnootasaa hordofaa ture.
Barruulee obboloonnisaa irratti baratan irraa waraqaa walitti qabaniitu barataa ture. Barruulee haaraan kan bitameef erga kutaa shanaffaa gahee boodadha. Huccuu jijjiiruudhaafis ulfaataa ture.
Haala rakkisaa kana keessatti garuu abdii hin kutanne, barnootasaatti cimaa ture. Kutaa 12ffaa yeroo qoramu qabxii akka Jimmaatti qofa otoo hin taane akka naannawaa sanaatti hin baratamne galmeesse. Qabxii afur fiduun Yunivarsiitii Gondaritti ramadame.
Namni bu'aa bayii jireenyaa ulfaataa keessa darbe kun har'a sabispeeshaalistoota cornea transplantation [ogeessa jijjiirraa qaroo ijaa] muraasa biyyattiin qabdu keessaa nama tokkodha.
Dr. Jaafar bu'aa bayii jireenyaa ulfaataa ijoollummaan isa mudate, imala milkaa'inasaa fi waa'ee ogummaasaa akkanaan BBC'tti himeera.
Miila duwwaa deemaa, baruulee obboloonnisaa hangafaa irratti baratanii darban keessaa waraqaa walitti funaanuun irratti barataa ture.
Haala rakkisaa akkasii keessatti garuu barataa cimaa ture. Barnootasaa hanga kutaa 12ffaatti achuma magaalaa Jimmaatti goolabe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seensa yunivarsiitiitiif qaxii olaanaa afur galmeessuudhaan Yunivarsiitii Godaritti ramadame. Qabxiinsaa yeroo sanatti akka Jimmaa qofatti otoo hin taane Iluu Abbaaboor dabalatee akka Kibba Lixa Itoophiyaatti qabxii olaanaa ture.
Haala kanaan namni bu'aa bayii jireenyaa ulfaataa dabarse, yunivarsiitii Gondarirraa barnoota fayyaa namaatiin [medicine] digirii jalqabaa argatee, Dr. Jaafar jedhamuun imala ogummaa doktarummaasaa jalqabe.
Meedikal Dokrtarii [MD] ta'uudhaanis biyya isa barsiisee guddise Jimmaa akkasumas Aggaarootti waldhaansa kennaa ture. Sana booda Yunivarsiitii Finfinneerraa ammoo ispeeshalistii yaala ijaa [ophthalmologist] ta'uun eebbifame, Dr Jaafar.
Sabispeeshaalitii isaa ammoo biyya Ameerikaa fi Neeppaalitti goolabe. Sabispeeshaalistiin qaroo ijaa [cornea subspecialist] kun yeroo ammaa yunivarsiitii Jimmaatti barsiisuu, qorachuu fi waldhaanuu irratti argamu.
Dr. Jaafar ganna digdamaa oliif hojii waldhaansarratti kan argaman yoo ta'u, imala dheeraa kana keessatti gammachuun guddaan nama gargaaruu ta'uu ibsu. Namoonni baay'een hojiisaatiin dukkana yeroo dheeraa keessaa ifa arguu danda'aniiru.
Sab-ispeeshalistoota koorniyaa 12 keessaa tokko
Sabispeeshaalitiin jijjiirraa qaroo ijaa [cornea transplantation] namoonni otoo lubbuudhaan jiranii ijasaanii arjoomuuf waadaa galan, erga isaan addunyaa kanarraa du'aan boqotanii booda yaala baqaqsanii waldhaanuutiin qaroo ijasaanii namoota rakkoo qaroo ijaa qabaniif jijjiiruudha.
Dr. Jaafar ogeeyyii waldhaansa jijjiirra qaroo ijaa (cornea transplantation) akka biyyaatti beekaman kudha lama hin caallee keessaa tokkodha.
Tajaajilli waldhaansa kanaas bal'inaan magaalaa Finfinneetti daanga'ee argamuu kan ibsu, sabispeeshaalistiin kun, akka Oromiyaatti giddugala waldhaansi kun itti kennamu Jimma qofa ta'uu himu.
Giddugalichattis ogeessi cornea transplantation [jijjiirraa qaroo ijaa] sabispeeshaalistii kana qofadha.
"Akkuma biyyaattuu wiirtuun yaalii ijaa bakka muraasa jira. Sadarkaa yaalii olaanaa ta'een kan jiran, iddoo shan caala hin jiru.
Magaala gurguddoota keessa malee ammallee gara baadiyyaatti gadi hin buune. Wiirtuun yaala ijaa Jimmaa kun hawaasa Jimmaa qofaaf osoo hin taane, naannoo Kibba Lixaa, Kafaa, Miizaan, Gambeellaa, Asoosaa, Iluu Abbaaboor dabalatee hawaasa gara miliyoona digdamaa ol ta'antu tajaajila itti argata" jechuun yaala giddugalli ijaa meedikala yunivarsiitii Jimmaa kennuu ibsu, sabispeeshaalistiin kun.
"Ogummaa kaan waliin yeroon madaalu ogummaa [waldhaansa] ijaa hunda caalee natti [mul'ate]. Tokkoffaa saayinsiinsaa, barumsisaa baay'ee addadha. Medicine akkuma hojii aartiiti, saayinsiif aartiidha. Aartiin harkaan hojjechuu sun baay'ee adda.
Microscopic surgery kan jedhamuun hojjetta. Namni qaroo dhabe, ijji jaame tokko sarjarii ati daqiiqaa kudhan, kudha shan hojjettuun borumtaa sirriitti ilaalee gammachuunni argatu sirriitti na gammachiisa" jechuun waa'ee waldhaansa ijaa ibsu sabispeeshaalistiin conrnea transplantation kun.
Arjooma qaroo ijaa
Dr. Jaafar sabispeeshalitii isaanii cornea transplantation [jijjiirraa qaroo ijaa] tiin hojjetani. "Cornea transplantation nama lubbuudhaan hin jirrerraa qaroo fuudhanii nama biraaf geeddaruudha. Ogummaa dhiyeenya jalqabamedha.
Akkuma kaleen nama tokkorraa nama biraatti jijjiiramu, qaroon ijaa nama biraa [lubbuun hin jirrerraa] nama dhukkubsatetti jijjiirama.
Nama lubbuun jirurraa osoo hin taane nama lubbuun hin jirreerraa fuudhamee nama rakkina kana qabutti jijjiiramee akkasaan sirriitti ilaalan godhama, kan jijjiiramus guutummaa ijaa otoo hin taane qaroo ijaati" jechuun ibsu sabispeeshaalistiin kun.
Jijjiirraan qaroo ijaa namni erga du'aan boqotee booda garaa garummaa sa'aatii jahaa hanga saddetii gidduutti fuudhamuun nama barbaachisuuf baqaqsanii waldhaanuun akka jijjiiramu ibsu ogeessi kun.
Waldhaansi qaroo ijaa jijjiiruu "biyya keessatti erga jalqabamee gara waggaa digdamaa ta'uutti deema.
Waggaa digdamman kana keessatti ogeeyyiin baay'ee miti kan jiran. Waggaa lama sadii keessatti tokko wayiitu dabalama. Walumaagalatti Itoophiyaa keessa [ogeeyyii] 12'tu jira. Gara caalmaa Finfinneetti hojjetu.
Finfinneen ala ammoo bakka afurtu jira. Oromiyaa keessa ammoo [wiirtuu ijaa] Jimma yunivarsiitiitti anumatu hojjeta. Oromiyaa iddoo biraa hojjechuun hin jalqabamne" jechuun ibsu Dr. Jaafar.
Waldhaansi kun kan kennamu "namoota ijji jaraa ilaaluu dide, rakkina adda addaa godaannisa qaroo ijaatti fiduun jaamina dhufu, kan [yaala] biraatiin fayyuu hin dandeenye, [qaroo] jijjiiramu malee abdii hin qabneef, qaama sana fuunee jijjiirra" jechuun waa'ee yaala jijjiirraa qaroo ijaa dubbatu ogeessi kun.
Akkuma seerota idil-addunyaa kaan irra jiranii Itoophiyaanis namoonni otoo lubbuun jiranii fedhii isaaniitiin qaroo ijasaanii akka gumaachaniif hayyamuu kan kaasan Dr. Jaafar, namoonni fedhiidhaan qaroo ijasaanii arjoomuuf murteessan erga lubbuun addunyaa kanarraa darbanii booda akka qaroonsaanii namoota barbaadaniif jijjiiramu ibsu.
Qaroo ija nama tokkoo fuudhanii tajaajila kanaaf oolchuuf namni sun yeroo lubbuun jiru "waadaa galuu qaba. Waadaa qofas otoo hin taane mallatteessee kaardii qabachuu qaba" jechuun ibsu.
Namni qaroo ijasaa arjoomu tokko "otoo lubbuun jiruu 'yoo lubbuunkoo darbe qaroo ijaakoo nama biraatti jijjiiruuadhaaf, kennuudhaaf fedhii qaba' jedhee mallatteessinaan" erga namni sun addunyaa kanarraa boqotee booda "haala qaamasaa hin hir'isneen, qaamnisaa waa tokko otoo hin miidhamiin waanti xiqqoon wayii ijarraa fuudhamti.
Iddoosaallee [qaamni] artefishaal ta'e wayii bakka bu'ee, haala qaamni nama lubbuun boqote sanaallee waan tuqame hin fakkaanneen of eeggannoon fuudhamee [nama biraaf] jijjiirama" jedhu haala itti waldhaansi kun taasifamu yeroo ibsan Dr. Jaafar.
Waldhaansi kun bakka murtaa'aa ta'anitti malee "iddoo hundatti kan hojjetamu miti; yaala ijaa sadarkaa olaanaa ta'edha malee yeroo hunda kan hojjetamu miti" jechuun waa'ee waldhaansa kanaa dabalanii ibsu sabispeeshaalistiin kun.
Baankiin ijaa bakka qaroo ija namoota waadaa galanii yeroo du'aan boqotan fuudhamuun itti kuufamudha.
Tajaajilli kun "faasiliitii meeshaa gaarii, keemikaala gaarii qabu, namoonni muuxannoo gaarii qaban bakka tokkotti guutuun baay'ee cimaa gatii ta'eef" akka biyyaatti baankiin ijaa Finfinnee hospitaala Minilik qofa akka jiru ibsu.
"Biyya Afrikaa Sahaaraan gad jiran keessaayyuu, baankii ijaa kan biyya keenyaatu caala. Akkuma biyyaattuu kanaan beekamna, kan jalqabaa fi isa cimaadha" jechuun waa'ee baankii ijaa Itoophiyaa dubbatu Dr. Jaafar.
Namoonni qaroo ijasaanii kennuuf "waadaa galan baay'ee waan hin taaneef, hanqinnisaas baay'eetu jira" jechuun namoonni erga lubbuun addunyaa kanarraa darbanii booda nanmi biraa qaroo ijasaaniitti akka fayyadamaniif waadaa seenaan muraasa ta'uu himu ogeessi kun.
Baankiin ijaa hanga yoonaatti Finfinnee qofa ture, Jimmatti akka baname kan ibsan Dr. Jaafar, waldhaansa jijjiirraa qaroo ijaa kanaan dura ture akka fooyyessu himu

Madda suuraa, Dr Jaafar Kadir
"Mucayyoon tokko Miizaan [naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa] baadiyyaa keessa jiraatti. Ijjisii lammanuu badeera.
Ennaa ilaalamus ijjisii waanuma deebi'ee ilaalu hin fakkaatu. Namoonni achitti arganii natti ergani. Ennaa ilaalamu ijjisii ijuma hin fakkaatu; ija lachanuurra ijji adiin irra gara galee qaamni ijaa inni gurraachi mastaawotii fakkaatu hin jiru.
Waanti kun ni fayyamoo hin fayyu jedhee shakkii keessan galee qorannoo adda addaa godheef. Qorannoo ultrasound ennaa goonu fuuldurrisaa rakkina cimaa qaba; duubnisaa fayyaa nutti fakkaate.
Maaliifuu nan ilaala jedheen oppireeshinii otoon hojjedhuu wanti gurraachi dhokatee jiru fuulduratti mul'ate.
[Waan haguuge] irraa baasnaan waan ilaaluu danda'u waan natti fakkaateef, qaroo nama kan biraarraa fuudheen isiidhaaf geeddare.
Borumtaasaa ilaaluu jalqabde. Nama hundatu dinqisiifate; anis nan dinqisiifadhe. Ji'a shan guuteera. Mucaan kun sirriitti ilaalaa jirti" jechuun seenaa waldhaansa dargaggeettii baadiyyaa fageenyaarraa dhuftee dubbatu. waldhaansa
Shamarreen ganna kudha sadii kun erga ijjisii lamaanuu arguu dhaabee ganna torbaaf dukkana keessa turtee booda ammatti ijjisii tokko ifa argeera.
"Ijjisii sirriitti qulqullaa'eera, waan duraan akkas ture hin fakkaatu. Ijji tokko ilaaluunsaa jijjiirama guddaadha. Isa lammaffaa ammoo kanarratti ilaallee si'achi hojjennaaf" jechuun dubbatu sabispeeshaalistiin jijjiirraa qaroo ijaa kun.
"Qaroo jijjiiruun nama koorniyaa qabuuf" ta'uu kan kaasan Dr. Jaafar, "koorniyaa nama hin qabneef jijjiirraan sun ammallee hin baramne.
Sadarkaan isaas xiqqoo rakkisaadha. Kan ishee garuu milkaa'uu danda'eera. Baay'ee gammadan, amanuu hin dandeenye" jechuun miira gammachuu maatii shamarree kanaa ibsu.
"Namoota iddoo biraatti hin fayyan jedhamantu asitti fayyu. Qaroon ijasaanii abdii hin qabu jedhamanii ala as dhufan, namarraa fuudhamee gatii geeddaramuuf jijjiirraansaa baay'ee cimaadha.
Namoota waggaa kudhan, waggaa kudha shan hin ilaaliin turantu asitti qaroon jaraa geeddarameefii gammachuu argatu" jechuun waldhaansa jijjiirraa qaroo ijaa ibsu ogeessi kun.
"Sarjarii daqiiqaa kudhaniin jireenyuma jaraatu geeddarama. Jaaminaaf dukkanarraa borumtaa ifatti bahu. Namoota akkanaa baay'eetu nu qunnama.
Hojiidhuma keenya guyyaa guyyaati, kanuma hojjetaa oolla" jechuun humna yaalli ijaa dukkanarraa ifatti nama deebisuu ibsu Dr. Jaafar
Hojii yaala "ijaa irratti waanti baay'ee nama gammachiisu, namni tokko waggootaaf ijjisaa bade jaamaa ta'ee, abdii hin qabdu jedhamee ka'ee nu bira dhufee, yaala baqaqsanii waldhaanuu daqiiqaa muraasatti hojjennuun bulee borumtaasaa addunyaa kana ennaanni ilaalu gammachuun nutti dhaga'amutu baay'ee nu gammachiisa.
Akkuma milkaa'inaan yaalanii miira gammachuu namoota qooddatan miira gaddaa namoota sababoota gara garaatiin ijjisaanii miidhame carraa deebi'anii arguu hin qabnees akka qooddatan kaasu, Dr. Jaafar.
Turanii dhufuun yaala fayyaa ijaarratti dhiibbaa guddaa akka geessisu kan himan Dr. Jaafar, namoonni baay'een yaala ijaarraa fagoo waan ta'aniif dafanii akka hin waldhaanamne dubbatu. Yeroon yaala argachuu dhabuun ammoo carraa fayyuu ijaa dhiphisa.
'Rakkinattin dhaladhe garuu iddoo guddaa akkan gahu beekan ture'
Qormaanni jireenyaa ijoollummaadhaan akka isaanitti jabaate kan yaadachiisan Dr. Jaafar, yeroo sadarkaa jalqabaa baratan "otoo [sirni] Dargii hin dhufiin maatiinkoo of danda'anii sadarkaa guddaarra turani.
Yeroo Dargiin dhufu waanti hunduu ni warasame [mootummaan dhuunfatame]. Yeroon dhaladhu waan tokko wanti maatii keessatti hafe hin jiru" jechuun rakkina maatii keessa ture ibsu.
"Rakkina irrattan dhaladhe. Sadarkaa tokkoffaa yeroon baradhu dabtara haaraallee kanan arge ergan kutaa shanaffaa gaheeti. Dabtara jarri [obbolaakoo] irratti baratan irraa waraqaan kutamee walitti qabsiifamee baradha ture.
Waggaa tokkotti ufafta jijjiiruudhaafis hin danda'un ture. Kopheellee hin qabu, miilaanan deeman ture.
Sana hunda ta'ee iddoo guddaa akkan gahu beekan ture. Barumsa kootti baay'ee cimaan ture. Rakkina kana hunda keessa ta'ee mana barumsaatti qabxiinkoo hundarraa olaanaa ture.
Ennaa alas ilaalamu akkuma hiriyoota kootii waanan achitti hafu malee waan sadarkaa cimaa wayii gahuun waan abdii hin qabne ture" jechuun haala ulfaataa keessatti baratan yaadachiisu Dr. Jaafar.
Haala rakkisaa sana keessatti abdii guddaa horachuun barnootasaanii hordofaa kan turan ogeessi kun qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti akka Jimmaaf naannawaasaatti afur fiduudhaan qabxii olaanaa galmeessuu dubbatu. "Alas qabxii afur fiduun baay'ee cimaa ture.
Akkuma biyyaattuu namoota muraasatu fidu ture. Gammachuu cimaan umriikoo keessatti qabu tokkoffaan isadha" jedhu Dr. Jaafar gammachuusanii yeroo sanaa yaadachuun.
Gammachuu kanarra otoo jiranii yaaddoon biraa itti dhufe. "Dhalonniikoo illee naannoodhuma yunivarsiitii Jimmaati.
Asumattan ramadama jedheen eegaa ture. Garuu yunivarsiitii Gondarittan ergame. Naasuu cimaa natti ta'ee ture.
Akkamittan achi deema, geejibnisaa akkam ta'a, achis taa'ee maaltu na gargaara kan jedhu yaaddoo natti ta'ee ture" jechuun barnoota yunivarsiitii hordofuuf fageenyatti ramadamuun yaaddoo isaanitti uumee turuu dubbatu, Dr. Jaafar.
Akka carraa obboloonnisaanii hangafaa hojii argatan waan turaniif, "na gargaaruu jalqaban.
Jarri waan qaban hunda anarratti invest godhanii barnoota kiyya fixee GP [General Practitioner] ta'ee eebbifamuu danda'e" jechuun imala isaanii digirii jalqabaa ibsu ogeessi kun.
Erga Meedikal Doktarii ta'anii booda garuu "qormaanni cimaan" akka isaan hin mudanneefi imala gaarii akka ture ibsu sabispeeshaalistiin jijjiirraa qaroo ijaa kun.












