Dr Sanyii Jalqabaa - Ispeeshaalistii yaala ijaa hubannoo hawaasaa cimsuuf carraaqu

Kitaala yaala ijaa

Madda suuraa, Dr Segni

Doktar Sanyii Jalqabaa jedhamu. Yunvarsiitii Jimmaa wiirtuu Fayyaa Jimmaatti Gargaaraa Piroofeesaraafi Ispeeshaalistii yaala ijaati.

Dr. Sanyiin tibbana Kitaaba ogummaa isaaniitiin walqabatee, mata dureen isaa ‘FAYYAA IJAA’ jedhu Afaan Oromootiin barreessaniiru.

Dhimma kitaaba isaanii, kan waa’ee fayyaa ijaa fi haala qabatamaa hawaasa akkasumas bu’aa bahii keessa dhufan irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Gaaffiifi deebii isaanii akka isaan dubbatanitti isiniif qixeessinee jirra, itti dhihaadhaa.

BBC:Waa’ee Fayyaa ijaa irratti kitaaba akka barreessitaniif kan isin kakaase maali?

Dr. Sanyii: Ani hawwiin jalqabuma qabu waanin beeku tokkoon waa hojjechuu ture. Dalagaan kiyya ispeeshaalistii yaala ijaati. Kanaan waan tokko bareechee barreessuu danda’ummoo ogummuma kiyya kanaan.

Kanaaf fedhii bareessuu duruu nan qaba. Dhimman irratti barreessu kan murteessemmoo ogummaa kiyya. Karoora kitaaba barreessuu keessakoo jiru kana akkan hojiirra oolchu carraa gaarii kan naaf uume ammoo dhufaatii COVID19ti.

Yeroo sana hojiin idilee gara dhaabbachuutti waan tureef sa’aatii bal’aan argadhe. Kanaaf yeroo sanan kitaba kana barreessuu jalqabeen bara kana maxxanse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC: Kitaabichi maal fa'i ofkeessaa qaba?

Dr. Sanyii: Kitaabni kuni waliigala dhimmoota Ijaa irratti boqonnaa 20 qaba. Caasaa ijaa, hiikaa caasaalee ijaa suuraafi fakkiidhaan kaa’e qaba. Bifa salphaa fi uummanni keenya hubaachuu danda’uunin kaa’e.

Inni biraan haala uumama dhibeewwan ijaa sirritti ibsa. wantootni dhibee ijaa nutti fidan maalfaa akka ta’an bal’inaan ibsa. Dhibeewwan dhaalaa fi kaansarii akkamitti akka uumaman bifa salphaa ta’een kan kaa’udha.

Dhibeen erga nuqabee mallattoolee akkamii argina kan jedhus qabiyyee kitaaba kanaa keessaayi. Kana jechuun dhibeewwan ijaa tahan kan akka gilaakoomaa, moora ijaa akkasumaas dhibeewwan qaama biraa kan ija miidhuu danda’anis sirritti ibsameera.

Dhibeewwan akka sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa gaafa nuqabu ija keenya miidhuu danda’u. Gaafa dhibeewwan kun ija keenya miidhan iji keenya mallattoolee akkamii agarsiisa kan jedhu hawaasni akka beekufi.

Mallattoolee kana beekuun qoftis gahaa miti. Yeroo kam manuma keenya teenyee of yaaluu akka qabnuu fi yeroo kam ariitiidhaan gara yaalaa deemuu akka qabnus ibsameera. Amala hojiitiin balaawwaan ijaa numudachuu malan, akkamitti akka ofeegnus sirritti kaa’a.

Kunuunsaa fi deeggarsi qaroo dhabeeyyiif taasifamuu qabus qabiyyee kitaaba kanaa keessaayi. Mana keessatti kunuunsa akkamii gochuufii akka qabnu, namni qaroo dhabeeyyiin miseensa maatii keenyaa yoo ta’e akkamitti deeggara kan jedhu sirritti ibsa.

Qabiyyeen kitaaba kanaa kan biraan itti fayyadama Marayaalee (fuullee ijaa) ti. Kitaaba kana jalqabarraa hanga xumuree maxxansaaf geesisuutti waggoota sadii natti fudhate.

BBC: Kitaabni kuni hangam hawaasa fayyada jettanii yaaddu?

Dr. Sanyii: Hawaasni bal’aan hubannoon waa’ee fayyaa ijaarratti qabu gadi bu’aadha. Namumti barnoota qabuyyuu hubannoon fayyaa ijaatif qabu yeroo tokko tokko gadi bu’aadha.

Hawaasni keenya gariin waa’ee dhibee ijaa kana odeeffannoo warri qaban jiru, gariin ammoo waa’uma dhibee ijaa kana warri dhagahanii hin beeknes jiru. Kitaabni kuni hawaasni keenya waa’ee fayyaa ijaa hubannoo walfakkaataa akka qabaataniif deeggara.

Kitaaba kana namni afaan Oromoo beeku hunduu akka salphaatti hubatutti qophaa’e. kitaaba kana ani haa barreessu malee gulaalliin isaa ispeeshaalitoota ijaa muuxannoo yeroo dheeraa qaban sadiin gulaalame.

Kitaabni kuni namoota dhibee ijaa qaban waa’ee dhukkuba isaanii akka beekan, kanneen dhukkuba ijaa hin qabne ammoo akkaataa itti ijasaaanii eeggatan barsiisa. Qorichootaa fi Marayaalee akkamitti akka fayyadamuu qabnus hubannoo kenna.

Kitaabni kuni hawaasa qofa osoo hin taane ogeeyyii fayyaa yaala ijaarratti hojjetaniifis nifayyada. Isaan fayyade jechuun hawaasa tajaajilamu fayyade jechuudha. Qaamolee miidiyaatiifis akka madda odeeffannootti nigargaara.

Dr Sanyiin kitaaba waa'ee ijaa qopheessuu BBC'tti himan

Madda suuraa, Dr Segni

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Sanyiin kitaaba waa'ee ijaa qopheessuu BBC'tti himan

BBC:Maxxansa kitaaba kanaarratti Rakkoon sinmudate maali?

Dr. Sanyii: Kitaaba kana ergan barreessee xumuree ji’oota lamaan darban maxxansiisuuf hojiirran ture. biyya keenya keessatti mindaan hojjetaa mootummaaf kanfalamu kanuma beekamu. Kitaaba kana maxxansuuf ispoonsara argachuun rakkoo cimaa ture.

Ani beekumsan qabu kana barreessee hawaasa biraan gahuufi karoorri kiyya. Kana gochuufimmoo maxxansa hedduu barbaada. Dhaabbilee hedduu, namoota dhuunfaa hedduun gaafadhe. Fedhii fi hubannoon gama Kanaan jiru baayyee rakkisaa ture.

Akka hawaasaatti dhaloonni duubaan dhufu kuni fedhii kitaaba dubbisuu caalaa miidiyaa hawaasummaa fayyadamuu irra filata. Dhaabbanni kitaaba afaan Oromoo ispoonsara gochuuf fedhii hin qabnes namudateera.

Kitaaba kana hamma barbaadameen baayinaan maxxansamee hawaasa bira gahuurratti rakkoon maallaqaa gufuu natti ta’eera. Beekumsi ogeessi hawaasa biraan gahuu barbaadu sababa hanqina bajataatin hafa. Kuni rakkoo cimaadha.

Ani hakiima ispeeshaalitii ta’ulleen kaffaltii amma ana qofa osoo hin taane hojjetaan mootummaa kaanis argatuun kitaaba maxxansiisuuf nama hin dandeesisu. Kanaaf warri humna qaban karaa kana deeggarsa gochuu qabu jedheen yaada.

Ani kitaaba kana kanan barreesse sa’aatii hojii mootummaatiin ala yeroo ta’etti. Yeroo kanatti hojii dhuunfaa kiyyaa hojjechuu nan dandaha ture. Garuu beekumsi kuni hawaasa kana fayyada kan jedhu yaadeeni. Sababa hanqina bajataatiin yoo uummata bira hanqate ammoo hamilee namaas nituqa.

Irra caalaammoo kitaabota waa’ee fayyaa kana maxxansuun biyya keenyatti baayyee hin baratamne. Afaan Oromootiin kan maxxanfaman ammoo qubaan lakkaa’amu. Kuni gaafa ta’uu baatu hamilee qofa osoo hin taane wanta uummanni argachuu malu suni nihanqata.