Atileetiin Keeniyaa riikardii Tigist cabsite sababa qorichaan dhorkamte

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Keeniyaa abbaa riikardii maaraatoonii taate qoricha si'eessu fayyadamuun yeroof dorgommiirraa dhorkamte.
Murtee kana dhaabbata naamusa ispoortii faana bu'u, Athletics Integrity Unit (AIU), jedhamutu murteesse.
Saamuda Bitootessa 14 isheerraa fudhatame keessaa qorichi diuretic hydrochlorothiazide (HCTZ) jedhamu argamuu dhaabbatichi ibseera.
Atileetiin ganna 30, Chepingeetich, jalqaba waggaa kana baatii Onkololeessa keessa Maaraatoonii Chikaagoo mo'achuun riikardii addunyaa cabsite.
Yeroon itti xumurtees sa'aatii lama, daqiiqaa sagaliifi sakandii 56 dha.
Qorichi kuni maalii?
Qorichi ishee keessa argame dhangala'aan qaama keessa gaafa sosso'uu dhabu akkasumas dhiibbaa dhiibbaa wal'aanuuf fudhatama.
Haa ta'u malee, koodii Eejansii Farra Qoricha Si'eessuu Addunyaan (WADA) gubbaa akka eerametti qoricha dhorkamedha.
Yeroon Chepingeetich Maaraatoonii Chikaagoo itti xumurte yeroo atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa Maaraatoonii Barliin bara 2023 itti xumurte daqiiqaa lamaa oliin ni caala ykn foyyeessiteetti.
Qorichi kuni gara caalu qoricha liqimsan ittiin dhoksuuf qoricha liqimfamudha.
Fincaan keessatti mililiitirii tokko keessatti yoo xiqqaate naanogiraamii 20 mul'isa.
Saamudi Chepingeetich irraa fudhatame garuu mililiitirii tokko keessatti naanogiraamii 3,800 mul'ise.
Sababa murtee kanaan riikardiin irraa fudhatamaan ammaaf ifa miti.
Atileetiin kuni Ebla 19 osoo qorannoon dhaabbata kanaa itti fufee jiruu yeroof dhorkamu filatteetti.
Hogganaan AIU Bireet Kilootiyeer dhaabatichi qorannoo itti fufuufi yeroof dhorkamuu ishee dubbataniiru.















