Atileetonni Keeniyaa Chibeet fi Kipyeegon riikardii addunyaa cabsan

Feeyiz Kipyegoon (bitaa) fi Biyaatiris Chibeet (mirga)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Feeyiz Kipyegoon (bitaa) fi Biyaatiris Chibeet (mirga) lamaan isaanii medaaliyaa Olompikii biyya isaaf galmeessaniiru

Atileetonni Keeniyaa lama, Feeyiz Kipyegoon fi Biyaatiriis Chibeet, Diyaamand Liigii Ameerikaa Yuujin dorgomameerratti riikardii addunyaa caccabsan.

Atileetonni Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaataniiru.

Kipyegoon fiigicha fageenya 1500m daqiiqaa sadii fi 48.68'n seenuun riikardiidhuma ishee sakandii 0.36'n cabsite.

Fiigicha kanarratti kan dorgomte atileetiin Itoophiyaa Dirribee Waltajjii sakandii sadiin duubatti haftee, 3:51:44, lammaffaan xumurte.

Saaron Bariheefi Firewaynii Hayiluu 8ffaafi 9ffaan xumuran.

Atileetiin fageenya 1500m si'a sadii Olompikii irratti shaampiyoonaa taate, Kipyegoon, torban tokko dura fageenya maayilii tokko daqiiqaa afur gadi seenuun dubartii jalqabaa ta'uf yaaliin taasiste hin milkoofne ture.

Gama kaaniin fiigicha 5000m illee riikardiin addunyaa haaraa galmaa'eera.

Lammiin Keeniyaa Biyaatiriis Chibeet dorgommicha 13:58.06'n xumuruun riikardii addunyaa kana dura Atileet Gudaaf Tsaggaayin galmaa'e cabsiteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Riikardii waggaa lama dira atileetiin Itoophiyaa Gudaaf Tsaggaay achuma Yuujinitti galmeessite Chibeet sakandii lamaa oliin cabsite.

Dorgommii Sambata dorgomame kanarratti Gudaaf morkattuu cimtuu turte. Garuu gara xumuraa saffisa Chibeet dandamachuu hin dandeenye.

Dorgommichas sadaffaan xumurte.

Akkaataa kanaan Chibeet yeroo ammaa fageenya 5000m fi 10,000m'n riikardii addunyaa qabdi, lamaaniinuu shaampiyoonaa Olompikiitis.

Fiigicha 5000m kanarratti Madiinaa Iisaa dabalatee atileetonni Itoophiyaa 13 irratti dorgomaniiru.

Kanneen keessaa lama dorgommicha hin xumurre.

''Gaafan gara Yuujin dhufu, riikardii addunyaa fiiguuf qophaa'an ture,'' jechuun ''baay'een gammade'' jette Chibeet.

Atileetonni Keeniyaa riikardii cabsan lamaan isaanii Olompikii irratti Keeniyaaf medaaliyaa olompikii torba fidaniiru.

Dorgommiin Diyaamand Liigii itti aanu, Faransaay Monaakootti dorgomama.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Hagayya keessa eegaluu dura Diyaamand Liigiin Landan dabalatee magaalota garagaraatti dorgomama.