Mudannoon Galatee Burqaa jiruu atileetota kaanii akkamiin 'saaxile'?

Madda suuraa, Gammadaa Show
Atileet Galatee Burqaa dhihoo waan guddaa buruqsite. Rakkoo atileetonni isaan mudatu ammoo dhokfatan dirree baafte jedhu kanneen itti dhiheenyaan hordofan.
Atileetiin fiigicha fageenya gabaabaafi dheeraa kuni miidiyaatti bahuun abbaa warraa ishee duraaniin saamichi fi dararaan irra gahuu miidiyaatti himatte.
Aangawoonnii federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaas 'Galateen baay'ee akka jiran' fi bira akka dhaabbatan ejjennoo isaanii ifa godhaniiru.
Atileetiksii Itoophiyaa keessatti dhimmi kuni ajandaa guddaa ta'eera. Sochii federeeshiniichaas jajjabeessaa ta'u kan eeran jiru.
Haa ta'u malee, miidhaafi saamichi darbees haleellaan garagaraa atileetiirra gahu 'bal'aa' ta'uufi ummata bal'aaf waan hin baramiin ijoo dubbii ta'e jedhu xinxaltoonni.
Kanneen atileetiksii keessa jiraniif garuu rakkoo hamaafi hidda fageeffate ta'u atileetonni gara garaa ibsaniiru.
BBC'n rakkoon kuni hangam bal'aadha waan jedhu hubachuuf qaamolee garagaraa quunnameera.
Itoophiyaa keessatti atileetiksiin ga'umsaafi beekkamtii qofa miti, ogummaa hiyyummaa jalaa itti bahanillee.
Sababa kanaaf guyyuu cimanii hojjechuun, dafquun, yeroo hundaa kan caalutti bahuuf dhamahuun waan barame.
Kanaaf, gaarreen fi dirreewwan Finfinnee marsanii jiran atileetota halkan manaa bahaniifi galgalas keessa fiiganiif ragaadha.
Haa ta'u malee, adaaduma maqaafi maallaqni argamu atileetota rakkoon qunnama jedha leenjisaa akkasumas atileetota kana itti dhiheenyaan kan hordofu.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mohaammad Hebboo, Pirezidaantii Waldaa Leenjistoota Atileetiksii Oromiyaati. Waggoota 17 darbeef atileetiksii keessa jiru.
Akkasumas Daarektara Kilabii Atileetiksii Korporeeshiinii Konistiraakshiinii fi Injinariingii Oromiyaati.
''Gadi bahee miidiyaadhaaf hin oolle malee baay'ee baramaadha. Manaa mana rakkoon jira.
''Rakkoon inni guddaan atileetonni gaafa baadiyyaadhaa bahan waa'ee jireenyaa, waa'ee bultii muuxannoo hin qaban.
''Akkasumas walitti dhufeenyi hawaasummaa isaanii gad aanaadha. Rakkoon immoo jira. Rakkoon dinagdee jira, rakkoon hubannoo jira.
''Kanaaf qaama isaan fakkaatu konkolaachiftoota, pace maker (atileetota ta'u danda'u) warra hedduutu itti dhihaata.
''Pace maker [atileetota kan hojjechiisan] yoo jedhu atileetota ta'uu danda'u yeroo wayiitti dandeettii kan qaban yeroo boodammoo sababa miidhamaan, sababa garagaraatin gaafa gadi bu'aa [ga'umsa] deeman filannoo lammataatti deebi'u.
''Filannoo lammataan kunis maali atileetii dubartii qabachuudha. Achiin booda gara abbaa manaatti deemu [abbaa warraa ta'u].
''Kana boodammoo gaafa qabeenyi dhufaa deemu atileetiin 'asset' [qabeenya] taati jechuudha. Maallaqa fiddi, leenjii ishii ni hordofa, bakka leenjii ni geessa, masaajii ni geessa.''
''Gaafa maallaqni dhufe hiriyyoonni alaa ni dhufu,'' jechuun muuxannoo isaaniirraa dubbatu.
''Kana nama hundaaf jechaa hin jiru atileetonni irra caalaan kana fakkaata,'' yaada jedhu qabu.
'Qabeenya qofa miti'
Yeroo gara garaatti akkuma namuu kam irratti mudatu namoonni adaaduma beekamtiifi maallaqa horachaa deeman rakkoon ofitti harkisuun waan hin oolle.
Leenjisaa Mohaammad kanneen atileetotatti dhihaatan atileetii akka madda qabeenyaatti ilaalu jedhu.
Ta'us, biratti dubartii biraa qabachuun kan gaa'ila huban 'baay'ee' ta'uu himu.
''Akka haadha manaatitti osoo hin taane akka qabeenyatti kan ilaalan hedduutu jira. …Maqaadhaaf abbaa warraati garuutuu alaatii bultii biraa keessa jiru. ''

Madda suuraa, Getty Images
Sababni ijoo immoo atileetonni guyyuu ispoortiirratti qofa xiyyeeffachuu isaaniiti.
''Atileetii qabeenyatti yeroo jijjiirtu, fedhiidhaaf immoo kan biraa ilaalta. Dhugaatii akkasumas maallaqni tasatti dhufe [beekaa miidhuu qofa osoo hin taane] kun gara itti baasu wallaalunis jira.
''Kanaaf gara badiitti gara Booleetti, gara Kaazaanchisitti deemuun, filannoowwan biraa keessan seenuun hedduu mul'ata. Atileetota hedduutu kanaan miidhame.
''Akkasumas haala hin taane keessatti kan hanga ammaa waliin jiraachaa jiran, afaan qawweetiin [doorsisaan], hedduutu jira.
''Kanaaf baay'ee baratamaa ta'eera. Atileetota meeqatu hiike, meeqatu rakkoo keessa jira. Amma maqaa namaa dhahuun waan danda'amu miti. … Rakkoon kuni baay'ee bal'aadha,'' jechuun dubbatu.
'Doorsisaan wal bulchuu'
Biyyoota ollaa Itoophiyaa keessatti keessumaa Keeniyaa keessa atileetonni haleellaan mana keessaa itti dhaqqabee balaaf saaxilaman irra deddeebiin dhagahameera.
Waan akkanaa Itoophiyaa keessatti miidiyaatti ol bahe hammana hin dhagahamu. Ta'us, innillee akka jiru himu Mohaammad.
''Bahaanis hin dubbatan akka baate dubbattuus hin jiru. Maaliif afaan qawweetu jira, humnaan wal bulchuutu jira.
''Yoo na hiikte, yoo narraa deemte siin ajjeesa, maatii kan kee fixa. Waan baay'eetu jira. Kan ani amma gadi baasee qilleensarra oolchuu hin danda'u.
''Anaafuu hin sodaachisa waan ta'eef,'' jechuun himu.
Atileetonni yeroo waan akkanaa isaan quunnamu eessa dhaqu?
''Irra caalaan obsanii jiraatu muraasni kan qabeenya gatanii biraa deeman jiru. Kan qabeenya dhiiisaniifi hiikan jiru. Garuutu akka isheen biraa hin deemne kan godhu jira.''
'Atileetota baay'eetu karaatti hafe'
Wantoonni yeroo adda addaa keessa keessa dhagahaman atileetoonni sadarkaa guddaa gahuu danda'an sababoota adda addaan hubamuufi miidhamuu mul'isu.
Pirezidaantiin Waldaa Leenjistoota Atileetiksii Oromiyaa, Obbo Mohaammad, kanuma ragaa bahu.
''Atileetota baay'eetu taphaan ala ta'e. Dhimmi dhimma gaa'elaa qofa miti. Maatii keessattis jira. Maatiin ijoolleen ofii bultii akka bultii hin horanne godhan jiru.
''Maatiin atileetoti isaanii qabeenya isaanii akka hin horanne, kan saaman jiru. Obboleessi obboleessa saameera, obboleessi obboleettii saameera.
''Kuni hundeen isaa bal'aadha. Kuni hundi ta'uu kan danda'e atileetonni keenya hubannoo waan hin qabneefi. Sadarkaan barnoota isaaniii gad aanaa waan ta'eefi.
''Gorsitoonni isaaniimmoo namootuma akka isaanii waan ta'aniifi,'' jechuun himu.
"Aniif maatiinkoo daandiitti bahuuf jirra" jechuun miidiyaarratti kan dubbatte Atileet Galatee Burqaa, doorsifni irratti raawwatamaa jiraachuus himteerti.
Sababa 'hordoffii irratti taasifamaa jiruunis' shaakala atileetiksii erga dhaabdee waggaa tokko lakkoofsisuu dubbatteerti.
Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Silashii Sihiin gama isaan wantoonni atileetotarratti gahu qabxii biyyaas akka hubu dubbateera.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Mohaammad garaagarteen akkanaa akka furamu qooda fudhatanii kan furamanis, kan hanqates akka jiru yaadatu.
Gabaasa BBC Afaan Oromoo waggaa dura dalageen Atileet Bassuu Saaddoon ajjeechaa abbaa warraa isheen walqabatee hidhaa seenteetti.
Dhimmoota itti wal himatan keessaa immoo tokko dhimma qabeenyaa ture.
'Irraa fageessuu qabu'
Angawooti Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa wantoota akkanaa qolachuuf waan furmaata jedhan dhiheessaniiru.
Dhaabbanni Atileetiksii Addunyaa (World Athletics), namoota damee atileetiksii keessa jiran miidhaa/sarbama, qoccollaa akkasumas saamicharraa ittisuuf federeeshinoonni hunduu Imaammata Eegumsaa (Safeguarding Policy) akka qopheessan murtee dabarsee ture.
Imaammatichi atileetotaaf, leenjistootaaf akkasumas Federeeshinii Atileetiksiif eegumsa waliigalaa kan taasisu ta'uunsaa aangawooti federeeshinichaa ibsaniiru.
Imaammatichi erga hojiirra ooluu jalqabee bubbuluus Itoophiyaan imaammata kana qopheessitee gama hojiirra oolchuutin boodatti hafuunshee himameera.
Gama biraatiin ji'oota muraasaa as dokimantiiwwan imaammata kanaa qopheessuun, Ministeera Aadaafii Ispoortii dabalatee qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jiru himameera.
Leenjisaa Mohaammad gama isaaniin kilaboonni yeroo atileetota qacaran mirgaafi dirqama isaanii atileetota hubachiisuu qabu jechuun gorsu.

Madda suuraa, Getty Images
Dabaluunis, kanneen atileetonni saffisa akka dabalan walin dalagan[pace maker] ''irraa fageessuu qabu'' jechuun himu.
Rakkoo kana dursinee waan hubanneef erga 'pace' qacarree waggaa jaha keenya jedhu. ''Naannoo leenjii keenyaa qaamni biraa akka hin dhufne ittisaa turre.
''Kuni haga atileetonni of danda'anitti, dhimmoota garagaraa hubatanitti … akkuma baadiyyaa dhufaniin waan biraa keessa akka hin seenne irraa isaan ittisa.''
Atileetonni akka isaan fiigsisan fayyadamnu kan walooti kan nama dhuunfaa miti jedhu.
''Ijoollee bibilchaatan goona. Akkasumas waa'ee sirna hormaataafi bultii irratti leenjii kennina.
''Kuni kilaboota hunda keessatti raawwachuudha qaba,'' jechuun dubbatu.
Gama kaaniin, seerri sadarkaa biyyaatti bahee karaatti karaa seeraan eegumsi isaaniif taasifamu jiraachuu qaba yaada jedhu qabu.
Maatii, leenjistoota, akkasumas kilaboonnis itti gaafatamummaa jabaa akka qaban yaadachiisu.
''Keessattuu atileetota guddattoota irratti yeroo ammaatti kan duraa caalaa haala malee babal'achaa jira waan ta'eef.''












