Atileetiin Itoophiyaa abdatamte akkamiin xumurri ishii hidhaa umurii guutuu ta'e?

Madda suuraa, Getty Images
‘’Ani baay’een gadde. Du’a isaattis baay’een gadde. Isheenis hidhamtee sadarkaa kana gahuu, du’aan adda hin jiru waan ta’ef, biyyis nama akkanaa kana dhabuutti baay’ee gadde.’’
Leenjisaa ishee duraanii dabalatee namoonni itti dhihaatan waan raawwaten rifaatuufi gadda ibsani. ‘’Ani akkamitti akkana akka ta’e ammuma kanaa naaf hin galu.’’
Atileetiin fiigicha fageenya giddugalaafi dheeraa Bassuu Saaddoo ajjeechaa abbaa warraa isheen walqabatee manni murtii hidhaa umrii guutuu itti dabarseera.
Atileetiin kuni ajjeechaan raawwatuu ji’a shan dura maaraatoonii addunyaa guddichatti qabxii olaanaa jedhamu galmeessitee turte.
Maaltu ta’e?
Akeekkachiisa! Gabaasi kuni miira keessan jeequu mala.
Atileet Bassuu Saaddoo abbaa warraa ishee Tashaalaa Taammiruu [duraan atileetii ture] waliin waggoota saddeet hanga kudha lamaa ta’uf waliin jiraachuu isaanii ragaan poolisii agarsiisa.
Tashaalaan erga fiiguu dhaabe booda haadha warraa isaa Magaalaa Sandaafaa, Ganda 01, naannoo solaar fabrikaa ykn gomaaxaa jedhamutti waliin jiraatan ni shaakalsiisa.
ALI Hagayya 08, 2014 garuu wanti hin eegamne raawwate. Akka galmeen poolisii ibsutti Tashaalaan mana isaa keessatti ajjeefame.
Abbaan Alangee Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obbo Ayyalee Imaamuu, ajjeechaa kana qorachuun dhimmichi seeratti akka dhihaatu dura aantummaan dalagan.
Wanta guyyaa sana halkan keessa sa’aatii 3:00 – 6:00 gidduu raawwate akkanaan BBC’f qoodan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Halkan ajjeechaan raawwatuu dura yakkamtuun namoota maallaqaan bitte jedhaman kutaa ciisichaa keessa akka dhokatan taasiste jechuun qorannoo poolisii himuu eegalu.
‘’Namni kuni galgala ala ture waan ta’ef gara sa’aatii lama keessa isa dhufu gor-duuba taa’ee mobaayiliin miidiyaa hawaasummaa osoo fayyadamuu…,’’ haleellaan raawwatu himu.
‘’… namoonni kuni bakka dhokatan bahanii nama sana meeshaa sibiilaafi cubee kanaan wawwaraananii qaama isaa iddoo adda addaatti rukutanii kan ajjeechaa raawwatani.’’
‘’Yeroosuma du’e. Ajjeesanii baasanii daandiirratti gatani. Isheenimmoo obboleessa ishee [kan ishii waliin jiraatu], hojjettuu bira teessu waliin dhiiga mana keessatti’’ dhangala’e qulqulleessan.
‘’Carqii soofaa hunda baasanii miiccanii, uffata namicha kanaafi minxaafii lafarratti dhiiga bubbu’e kana waan dhiiga qabu kana erga maranii booda,’’ dhoksuu qorannoon agarsiisa.
Ajjeechaa kanaaf isheefi obboleessa ishee isaan waliin jiraatu akkasumas namoota sadan Shaashamanneeti ‘’maallaqaan bitamanii dhufan’’ dabalatee namoota shanitu shakkame.
Erga nami ajjeefame booda ‘’namoonni sadan Arsii Lixaa irraa dhufan halkanuma sana miliqanii deemani,’’ jechuun ibsan.
Galmeen poolisii akka agarsiisutti namoota ajjeechaa raawwachuun shakkaman kana obboleessa ishee birootu fidee dhufe.
‘’Obboleessi ishee duraan tureefi isheen manuma keessa turanii akka waan namni kuni hin galletti namoota bira odeeffachiisaa turani,’’ jechuun BBC’tti himan.
Erga reeffi daandirra argamee booda poolisiin qorachuu eegale. Qorannoonis maatiirraa eegalee isheenis jecha ishee kennite.
‘’Isheenis gocha kana keessatti kan namoota kana waamee ajjeesise ishee ta’u amante,‘’ jechuun BBC’tti himan.
Abbaan Alangee ajjeechaa kanaan hawaasi mufatuufi osoo humnooti nageenyaa dhufuu baatanii badiin biraa raawwatuu akka malu himan.
Sababi maali?
Osoo rakkoon kuni hin dhaqqabiin dura qaamni seeratti dhihaate komii yookiin yaaddoo ibsate hin jiru. Haa ta’u malee, wal dhibdeen akka ture himu Abbaan Alangee kuni.
‘’Maatiikoo, harmeekoo, obbolaakoofi anatti xonoqqolsiista [akka hin milkoofneef],’’ jechuun badii kana akka irratti raawwatte jecha ishee poolisiif kenniteen himuu dubbatan.
Akkasumas dhimma maallaqaallattillee wal dhibdeen akka jiru himan. Booda kana inni waan fiigicha dhaabef ishee qofatu fiigee qarshii argattuun waliin jiraatu.
Turtii isaaniin ijoollee hin godhatiinis malee qabeenya garagaraa waliin horataniiru.
Poolisiin qorannoo eegaleen dhimmicha Manni Murtii Olaanaa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee [kan amma Magaalaa Shaggar jedhame] ilaalee Amajjii 09, 2015 murtee dabarse.
Akkaataa murtee kanaan ajjeechaa namaan kan shakkaman Bassuufi obboleessi ishee Abdiisaa jedhamu hidhaa umrii guutuun irratti murtaa’u Obbo Ayyaleen BBC’tti himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni lamaan murteen irratti darbe kallattiin ajjeechaa keessa qooda dhabaniis ‘’wajjiin qindeessanii shakkamtoota warra ajjeechaa raawwatan qarshii kanfalaniifi yaaman.
‘’Erga ajjeechaan kuni raawwate boodammoo ajjeesisanii akka waan namni kuni bakkeetti argametti hin dhabne jedhanii namootatti haasa’aa turani,’’ jechuun himan.
Hojjettuun manaa ‘uffata soofaa dhiiga xuxxuqeefi kaan waliin dhoksite’ akka badii kana hin dubbanne qarshii akka kennaniif waadaa seensisuu isaaniillee qorannoon ibseera.
Namoonni sadii maallaqi kanfalamee Arsii Lixaarraa dhufaniifi ajjeechaa raawwatan jedhaman halkanuma ajjeechaan raawwate miliquufi akka hin argamne ibsameera.
Ajjeechaa kana dura garuu ‘’akka isa ajjeesistu’’ namoota garagaraatti dhaadachuu ishee poolisiin qorannoo isaan irra gahuu BBC’tti himan.
Bassuun garuu eenyudha?
Atileet Bassuu, ganna 27, fi abbaan warraa ishee duraanii Tashaalaan miseensa kilabii Atileetiksii Adaamaa turan.
Leenjisaan atileetiksii fiigicha fageenya dheeraa kilabichaa Habtaamuu Girmaa atileetota lamaaniyyuu leenjisaniiru.
‘‘Isaan lachuudhaafu ani akka abbaati. Mucaanis atileetii kiyya ture. [Fiigicha] 800m irratti isa leenjisaan ture. Isheenis 800m eegalteeti sadarkaa kanarra kan geesse.’’
Amala gaarii akka qabdu kan himan leenjisaan ishee duraanii kuni, ‘’Ani Bassuu Saaddoo waan akkanaa kana ni raawwatti jedhee yaadetis hin beeku,’’ jechuun himu.
Silaa fiigicha isheen fagoo imaluu dandeessi jettanii yaadduu?
‘’Baay’ee, baay’ee. Keessattuu miidhamatu xiqqoo ishee rakkisaa ture malee sadarkaa ijoolleen biyyaa ciccimoo gahan keessattuu maaraatoonii irratti … kana caalaa deemti jedhee yaada.’’
Ragaan qabxii atileetiksii ishee akka agarsiisutti Bassun biyya bakka buutee Olompikii irrattis hirmaatteetti.
Olompikii Riyoo, Shaampiyoonaa Atileetiksii Bejingiifi Landan dorgomame irratti 1,500m’n biyya bakka buute hirmaatteetti.
Bara 2022 maaraatoonii walakkaa Meksikootti fiigde yoo injifattu, ajjeechaan raawwatuu baatii shan durammoo maaraatoonii Paaris dorgomame 3ffaan xumurte.
Taphoota Afrikaa bara 2015 dorgomame irratti akkasumas Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa ganna 20 irratti meetii argachuu ragaan Atileetiksii Addunyaa agarsiisa.
Akkasumas Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa irratti fageenya 1500m’n bara 2014, 2016 fi 2018 si’a sadii shaampiyoonaa turte.












