Taphataan kubbaa miilaa beekamaa Bohaating jalalleesaarratti miidhaa qaqqabsiisuun yakkama ta’e

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan kubbaa miilaa beekamaa lammii Jarman, Zheroomee Bohaating jalalleesaa duraanii irraan miidhaa geessisuun yakkamaa ta’e.
Miidhaa jaalallee isaa kanarra geessiseen yakka raawwachuun isaa kan itti murame Bohaating, Yuuroo miliyoona 1.8 akka kaffaludha.
Waldhabdee bara 2018 keessa isaafi haadha ijoollee durbaa isaa lakkuu kan taate Sheriinii Esiin miidhuu isaa taphataan kun haaleera.
Taphataa duraanii sarara ittisaa kilaba Baayiring Muniik kan ta’eefi bara 2014 ammoo Waancaa Addunyaa kan mo’ate Bohaatengiin, aboottiidhaan akka malee akka ishee rukkuteefi yeroo muraasaafillee hafuuraa cittee akka turte mana-murtiirratti himatteetti.
Bohaateng ammoo yeroo ragaan dhaga’ametti adeemsa taatewwan sanaa adda ta’e ibseera. Akka seerota miidhaa dubartootaa mana keessaatti yakki kun hanga hidhaa waggaa shanii adabsiisuu danda’a ture.
Bohaateng uffata guutuu gur’aacha gara cuquliisaa uffatee eegdota dhuunfaasaafi abokaatoo isaa Kaay Waaldaniin marfamee ture kan mana murtii qaqqabe.
Dhaddacha kanaan dura abbaan alangaa Bohaateng ji’a Adoolessa bara 2018 keessa Odola Kariibiyaan keessatti wayita boqonnaarra jiranitti jaalalleesaa duraanii kanatti saanduuqa qorsiistuu xiqqoo ta’e jedhee itti darbachuun miidhaa qaamaa irraa ga’eera jedheera.
Jaalalleen isaa kun mana murtiirratti ragaashee yeroo kennattutti, yeroo walitti bu’insaa sana Bohateng aboottaadhaan akka ishee rukkuteefi rifeensasheellee akka harkise, mataashee akka cinineefi akka ishee arrabse dubbateetti. Bohaateng ammoo yaada kenneen yeroo tapha kaardiitti waldhabdeen hammaachuu isaa amaneera.

Madda suuraa, Reuters
Dubbii kan barbaaddu akka taateefi akka isa arrabsite, akka isa dhooteefi hidhii isaallee akka mite dubbateera.Yeroo sanatti wayita inni ofirraa ishee darbatettis kufuushee dubbateera.
Dhaddachi kun ji’a Muddee keessa gaggeeffamuuf kan ture ta’ullee ragaan dhiyaachuu dhabuu isaatiin yeroo biraatti darbeera.Addunyaa kubbaa miilaafi miidiyaalee hawaasaarratti beekamaa kan ta’e Boheeteng kilabaafi sadarkaa biyyaatti badhaasawwan gara garaa mo’ateera.
Shaampiyoonsi Liigii lamaafi Bondusliigaa sagal dabalatee Muniik waliin Waancaa 22 injifateera.
Kontiraatni inni Muniik waliin qabu xumuramuu isaa hordofee gara kilaba Firaans Liiyonitti jijjiirraa bilisaan darbeera.
Jaalalleen duraanii Boheeteng biroo umuriin ishee waggaa 25 fi moodelistii kan taate Kaasiyaa Leenhaart ji’a Guraandhalaa keessa appartaamaa magaalaa Barliin keessa jiru tokko keessatti of ajjeefteetti.
















