Ronaaldoo, Keen, Mbaappee, Giriizmaaniifi kaan keessaa jijjiirraan taphattootaa milkaa'oo jedhaman isaan kam?

Jijjiirraa Kiristaanoo Ronaaldoo gara Maanchester Yunaayitiditti taasise dabalatee kilaboonni Piriimer Liigiin Ingliiz bara kana waqtii jijjiirraa taphattootaatti baasii Paawondii Biliyoona tokkoo ol baasaniiru.
Baasiin jijjiirraa taphattootaaf taasifamu waliigalaa garuu waggoota lamaan darban walitti aansee hir'ateera.
Baasiin guddaan baranaa Nikoolaa Vilaasiik CSKA Mooskoorraa gara Westihaamitti Paawondii miliyoona 26.8tiin taasifamedha.
Walumaagalatti kilaboonni Piriimer Liigii Ingliiz jijjiirraa taphattootaaf waqtii ammaa kanaaf Paawondii Biliyoona 1.1 baasaniiru. Baasii jijjiirraa taphattootaa kan bara darbee Paawondii Biliyoona 1.3 yoo ta'u, parsantaa 11 hir'ateera.
Akka dhaabbanni faayinaansii Daayiloot gabaasetti baasiin jijjiirraa taphattootaaf ba'u kan baranaa kun bara 2015 as isa gadi anaadha jedhameera.
Jijjiirraan taphattootaa Piriimer Liigii guyyaa dhumaa isaan kam turan?
Tootinhaam sarara ittisaaf Emmersan Rooya Baarseloonaarraa Paawondii miliyoona 25.8 baasuun yoo fuhatu, Daani'eel Jams ammoo Maanchester Yunaayitid irraa Paawondii miliyoona 25niin Liidsitti makameera.
Biraayitan ammoo sarara ittisaa Ispeenirra kan taphatu Maark Kukuureelaa Getaafee irraa Paawondii miliyoona 15.4n mallatteesifateera. Taphataan Senegaal sarara fuulduraarra taphatu Abdallaah Siimaa ammoo Silaaviyaa Piraag irraa gara Biraayitan dhufeera.
Westihaam dabalataan taphataa sarara gidduu Aleks Kiraal Ispaartaak Mooskoo irraa ergisaan fudhateera.
Leester ammoo Arbii Leepizying keessatti sararara kan taphatu Ademoolaa Luukmaan waggaa tokkoof ergifateera.
Barnileen ammoo taphataa warra Weels kan ta'e Kooner Roobertisaan Siwaansii irraa fudhachuun guyyoota muraasa keessatti taphattoota lama sarara ittisaaf mallatteessisiifateera. Kiristaal Paalaas ammoo sarara fuulduraaf Adisan Ediwaard Seltik irraa Paawondii milyoona 15n fudhateera.
Arsenaal ammoo taphataa Jaappaan sarara ittisaa Taahiroo Tomiyaasuu Bolonyaa irraa mallatteesiisfateera.
Ergisaan ammoo Arsenaal Hekter Beleriin gara Riyaal Beetisitti, Reeyis Nilsan ammoo gara Reeyinoord akka deemaniif hayyameera.
Salamoon Rondon ammoo jijjiirraa bilisaan Everteniif mallatteesseera.
Taphataan sarara fuula duraa lammii Meksiikoo Saantiyaagoo Munooz ammoo gara Niiwukasil dhufeera.

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiirraawwan gurguddoo jajjaboo Awurooppaa ammoo maal fakkaatu?
Jijjiirraawwan taphattootaa Awurooppaa gurguddoon guyyaa dhumaa si'aaninaan gaggeeffamanillee Riyaal Maadiriid yaalii Kiiliyaan Mbaappee mallattessisuuf taasise hin milkoofne.
Riyaal Maadiriin taphataa sarara gidduu Firaans Eiwaardoo Kamaaviinganiin Reensirraa mallatteesisiifateera.
Kiristaanoo Rodaaloo kan dhaban warri Juuventuus sarara fuula duraatiif Maayis Keen Everten irraa ergisa waggaa lamaatiif waliigaltee mallatteesssaniiru.
Baarseloonaan yaaoo faayinaansii irra jiru salphifachuudhaaf taphattoota kan gadi dhiise yoo ta'u, Ilaayiksi Moriibaa Arbii Leepizyingiif dabarsee yoo kennu Antoonii Giriizmaaniin ammoo ergisaan gara Atileetikoo Maadiriiditti eebiyeera.
Jijjiiraawwan gurguddoo jedhaman isaan kam?
Arsenaal, Maanchester Yunaayitid, Maanchester Siitiifi Chelsiin kilaboota Piriimer Liigii afur baasii guddaa baasan jedhamaniiru.
Maanchester Siitiin jijjiirraa taphatootaa taasifame keessaa baasii rikkoordii cabseera jedhameen Jaak Giriilish Aston Viilaa irraa Paawondii miliyoona 100n fudhateera.
Shaampiyoonaa Awurooppaa kan ture Chelsiin ammoo sarara fuula duraatiif Roomeloo Lukaakuu Inter Miilaan irraa Paawondii milyoona 97.5n baasuun mallatteesisiifateera.
Maanchester Yunaayitid Jeden Saanchoo Doortimoond irraa Paawondii miliyoona 73n Raafaa'el Vaaraan Riyaal Maadiriid irraa Paawondii miliyoona 34n gara Maanchester Yunaayitid dhufaniiru.
Arsenaal kilaboota jijjiirraa miilanaa kanaan baasii gudaa baasan keessaa tokkodha. Been Waayit Biraayitan irraa Pawondii miliyoona 50n, Maartiin Edigaard Riyaal Maadiriid irraa Paawondii, akkasumas Haaron Raamseedeel Sheefiild Yunaayitid irraa Paawondii miliyoona 24 baasuu dabalatee taphattota biroo gara kilabichaatti makamaniiru.
Liiverpuul ammoo waqtii jijjiiramaa kana keessa hagas mare hin baasne jedhameera.
Sarara ittisaatiif Ibiraahim Konaatee Arbii Lepizyiing irraa mallatteesisuuf Paawondii miliyoona 36 baaseera.
Guyyaa jijjiiramaa dhumaarratti garuu waliigaltee waggaa afurii kan mallatteessa qeellisaa garichaa Jordaan Andersan dabalatee taphattoota ciccimoo baayyeef waliigaltee dheeresseera Liiverpuul.
Jijjiiraa taphattootaa barana keessaa kan qalbii heduu hawwate kan Liiyooneel Mesii ture. Taphataan kun kilaba waggoota 21 keessa ture Baarseloonaa gadi dhiisee jijjiiraa bilisaan Paarisen Jarmeeyinitti makameera.

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiiraawwan hin milkaa'iin?
Jijjiirraan taphattootaa kan bara 2021 waliigalteewwan hin milkaa'iiniinis ni yaadatama.
Maanchester Siitiin waqtii jijjiiraan bara kanaa banaa turetti Qeellisaa Ingliiz kan ta'e Harii Keeniin fudhachuuf yaalii taasisullee, taphataan surara fuulduraa kun Tootinhaam turuuf waliigaleera.
Riyaal Maadiriid ammoo Kiliyaan Mbaappee mallatteesisuuf si'a lama yaaleera. Warri Riyaal Maadiriid si'a lama Paawondii miliyoona 100 ol dhiyeessanillee Paarisen Jarmeeyin hin fudhatiin hafeera.
Chelsiin taphataa sarara ittisaa Firaans Juliis Kundee mallatteesifachuu barbaadullee Siiviyaan Yuuroo Miliyoona 80 gadi hin fudhadhu jechuun hin milkaa'iin hafeera.
Ayinsilii Maayitlaand-Nilsan miidiyaa hawaasaa isaa fayyaamee yaalii inni Arsenaal gai dhiisuuf taasise hin milkoofne.
Jijjiiraan Jeesee Lingaard gara Westihaamitti yaadamee tures hin milkaa'iin hafuu isaatiin Maanchester Yunaayitid akka turu ta'eera. Warri Wolvis taphataa sarara giddii Siiluu Reenaatoo Saancheeziin fuhachuuf yaaliin humarratti taasise hin milkoofne.














