Piriimer Liigii: Hamii jijjiirraa taphattootaa- Maan Siitii, Yuunaatid, Liiverpuul, Arsenaal...

Madda suuraa, Getty Images
Manchester Siitiin Haarii Keen Tootenahaam irraa fudhachuuf yaalii isa dhumaa gochuuf qophiidha. Taphatichi Maan Siitii galuuf fedha guddaa qabaachuu irraa kan ka'e tapha jalqabaa kilebootni lamaan torban darbe taasisan irrattis hin hirmaanne. Maan Siitiin Paawondii miliyoona 150 tahu Haarii Keen fudhachuuf qopheessuu hime. [Independent]
Tootenahaam ammoo yoo Haarii Keen kan dhaban tahe taphataa ganna 25 lammii Ispeen Adam Tirawore mallattesisuu danda'u jedhamaa jira.
Liiverpuul taphataa Liil lammii Poorchugaal tahe Reenaatoo Saanchez mallatesisuu barbaadus miidhama isarra gaheen danqamuu hin hafu. Taphatichi torban jahaaf miidhamaan tapharraa fagaata.
Maan Siitiin erga mallatesisanii waggaa tokko booda taphataa sarara ittisaa Ruuben Diyaaziif kontirata haaraa dhiyeessuuf.
Ruuben Diyaaz paawondii miliyoona 62 Maan Siitii galee waancaa Piriimer Liigii kan mo'ate yoo tahu taphataa cimaa Piriimer Liigii darbee tahuunis filatameera.
Kontiraata ammaa keessatti miindaan torbaniin argatu paawondii 90,000 irraa gara 250,000tti guddata jedhame. Kun miiltoo isaa Joon Istoonsi waliin wal isa qixxeessa.
Arsenaal taphattoota Riyaal maadirid Maarkoo Aseensiyoo fi Maartin Odeegaardi barbaadaa ture. Maartiin Odeegaardi Arsenaaliif bara darbes ergisaan taphataa ture. Amma Arsenaal taphaticha mallatesisuuf waliigaltee irra gahaniru.
Maarkoo Aseensiyoo ammoo paawondii miliyoona 34 kennuun fiduu barbaadu. Dabalataan Arsenaaliif Maan Yuunaayitid taphataa Atileetikoo Maadirid Keeran Tiriipper fudhachuuf gaafataniiru.
Maan Yuunaayitid Aaron Waan Biisaakaa waliin akka dorgomuuf taphaticha mallatesisuu barbaadus Atileetiikoon paawondii miliyoona 30 gadi gurguruu hin barbaadu. Amma immoo bara kana gurguruu akka hin feenes ibse.
Liiverpuul taphataa Borushiyaa Doortimondi Erlingi Haalaand bara dhufu mallatesisuuf dursaa jira jedhame. Kilebootni akka Chelsii, Man Yuunaayitidii fi Baayern Muunik taphataa kana barbaadaa turan.
Yuunaayitid bara dhufu mallatesisuuf carrraaquu hin hafu. Liiverpull garuu amma dursaa akka jiru gabaasaaleen bahaa jiru.
Roomeluu Lukaakuun gahumsaa fi bilchinaan gara Chelsiitti deebuu hime. Xaaliyaanii keessatti gama teeknikaa fi gahumsaan akka bilchaate kan hime Lukaakuun shaakala gahaa tahe kilebsa isaa duraanii Inter Miilaan waliin hojjechaa akka ture hime.
Ammas shaakala gahaa hojjechaa akka jiruu fi garee isaa waliin wal baraa akka jiru dubbatera. Leenjisaan koo yeroo na barbaade hundatti qophidhas jedhe Lukaakuun kan paawondii miliyoona 97'n Chelsii gale.
Baarseloonaan liqaa paawondii biliyoona 1.1 keessa akka jiru ibseera. Taphattoota akka Filip Kootinihoo, Miralem Piyanich fi Saamu'eel Umtittii gurguruun paawondii miliyoona 200 tahu galii argachuu barbaada.
Kilebichi Liyonel Mesii kan dhabes sababa maallaqaaf akka tahe ni beekama. Amma immoo taphataa Arsenaal Emrik Obaamiyaangi mallatesisuu danda'a jedhama. Kun garuu yoo taphatota isaa gurguredha.
Oduu biraan Gaarez Beel erga leenjisaan Riyaal Maadirid kilabicha gadhiisee Kaarloo Anchelotiin qacaramee gara kilebichaatti deebuun deeggarsa argataa jira.
Beel Z. Ziidaan waliin wal dhabuun ergisaan gara kileba isaa duraanii Tootenahaamitti dhufuun bara darbe taphataa ture. Anchelotii jalatti carraa ni argata kan jedhame Beel kilebicha gargaaruuf qophii akka tahes himama.













