Liyooneel Mesii: Baarseloonaan taphataan kun akka hin turre beeksiseera

Madda suuraa, Getty Images
"Sababa maallaqaatiifi rakkoowwan caasaa irraan kan ka'e" Liyooneel Mesiin kilabiisa keessa akka hin turre Baarseloonaan beeksiseera.
Umuriin isaa waggaa 34 kan ta'e Mesiin, Adoolessa 1 irraa kaasee waliigalteen kontoraata isaa waan dhumateeruuf gara barbaadetti jijjiiramuuf bilisadha.
Taphataan sarara duraa beekamaa kun miindaa isaa hir'isuun waliigaltee haaraa kilabicha waliin mallatteessuuf hayyamamaa ta'uu beeksisullee, miindaa isaa danda'uudhaaf Baarsaan taphattoota gurguruurratti dhimma hundaa'u ta'e.
"Qaamoleen lamaan hawwiin taphatichaafi kilabichaa dhuma irratti guutamuu dhabuun isaa baayyee nu gaddisiiseera," jedhe kilabichi.
Baarseloonaa akka jedhetti Mesiin kilabii waggoota 21f hidhata waliin qabu kana keessa turuudhaaf waliigaltee haaraa mallatteessee turuudhaaf fedhii qabaatullee hin milkaa'iin hafeera. Kanaaf ammoo sababiin rakkoo La Liga keessa jiru akka ta'edha.
Mesiin akka yaadaatti waliigaltee haaraa hanga bara 2026tti Baarseloonaa keessa isa tursiisuu danda'urra gahee turullee La Liga'n Baarseloonaan Mesiis ta'e taphattoota biroo galmeessisuun dura baasii isaa hir'isuu qaba jedheera.
"Baarseloonaafi Liyoneel Mesiin kontoraata haaraa mallatteessuuf waliigalanii kan turan ta'ullee, sababii rakkoo maallaqafi caasaa jiruuf milkaa'uu hin dandeenye," jedheera Baarseloonaan ibsa baaseen.
"Kilabiin Kubbaa miilaa Baarseloonaan taphataan kun baroota kilabicha keessa turetti gahee gumaachaa tureef ni galateeffata; gara fuula duraatti jireenya kubbaa miilaa keessattis ta'e akka dhuunfaatti jiraatu keessatti waan gaariin akka isa muatu ni hawwina."
Liyooneel Mesiin turtii isaa Barseloonaa keessatti gooliiwwan 672 lakkoofsisuun kilabicha keessatti taphataa yeroo kamiyyu goolii hedduu lakkoofsise jedhameera. Baarseloonaa waliinis waancaa Liga 10,anc waaaa Shampiyoons Liigii afur; waancaa Koppaa Delaaree mo'achuu danda'eera.
Akkasumas, badhaasa kubbaa miilaa guicha Balaandoor si'a jaha argachuun seenaa ajaaibaa hojjeteera.
Mesiin eessa deema?
Taphataan kun Baarseloonaa turuu akka hin dandeenye mirkanaa'uu hordofee torbanoota itti aanan keessa kilaboonni gurguddoo adunyaa kanaa hedduun taphataa kana fudhachuuf ni carraaqu jedhamee eegama.
Kilabiin Ingiliiz Maanchester Siitiifi kilabiin Firaans Paaris St-Jermeen kilaboota adda durummaan Mesii fudhachuu barbaadanidha.
Mesiin gara Maanchester Siitii kan deemu yoo ta'eef leenjisaa isaa duraanii kan Baarseloonaatti waliin waancaa hedduu argatan Peep Gaariyoolaa waliin deebiyee wal arguuf carraa argata.
Mesiin gara Ameerikaa deemuufillee fehii akka qabu ni ubbata. Haati warraa Mesii Antoonellaan hadha warraa hiriyyaa duraanii kilaba isaa Seesk Faabirigaas waliin michummaa cimaa horatteetti.
Faabirigaasiifi haati warraa isaa ammoo Mesiifi haati warraa isaa gara Maaerikaa dhufanii bara jireenya kubbaa miilaa keessa itti turan humaa akka abarsaniif barbaadu.
Liyooneel Mesiin kilaba Baarseloonaatti kan makame ol-adeemaa umurii waggaa 12 yeroo jiru ture. Turtii waggootaa booda kilabicha gadhiisuuf kan jiru Mesiin, eessatti akka qophee isaa fannisu garuu ammallee taanaan ifatti hin beekamne.
Taphataa duraanii Baarseloonaafi yeroo ammaa Paariis St-Jermeen keessa taphataa kan jiru Neeymaar dhimma Mesiirratti baatii muraasa dura yaada kennee ture.
Bara darbe Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti Paariis St-Jermeen Maanchester Yunaayitidiin erga mo'een booda Neeymaar akkas jedhee ture: "Kanaan booda waan hundaan ol kanan barbaadu Mesii waliin deebiyee taphachuudha; isa waliin ta'ee dirreerratti kubbaa miilaa dhamdhamuun barbaada," jehee ture.
"Yoo barbaade bakka ani taphadhu keessa taphachuu danda'a; rakkoo hin qabu. Innumti gara Paariis St-Jermeen yaa dhufu malee wanti biraan nama yaaddessu hin jiru. Isa waliin deebiyee taphachuun hawwii kiyya isa guddaadha.
Bara dorgommii itti aanutti ammoo kun akka ta'u shakkii hin qabu," jechuun yaada isaa kenneera Neeymaar.
Taphattoonni kilaba Paariis St-Jermeen biroo warri akka Dii Maariyaafi Veeraatiis Liyooneel Mesiin kilaba isaaniitti akka makamuuf fedhii akka qaban dubbataniiru.
Gama biraan ammoo bara darbe Mesiin Baarseloonaa akka hin turre yeroo beeksisee turetti gara kilaba Maanchester Siitii leenjisaa duraanii Baarseloonaa Peep Gaardiyoolaa ta'uu danda'a jehamee bal'inaan dubbatamaa tureera. Akka jedhametti taanaan yaadaan waliigalteerrayyu gahaniiru jehamaa ture.













