Atileet Tigist Asaffaa maqaanshee Galmee Dinqisiisoorratti galmaa'uu ilaalchisee maal jette?

Atileet Tigist Asaffaa

Madda suuraa, Getty Images

Atileet Tigist Asaffaa maaraatoonii dubartootaan sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 53n galuun rikardii haaraa qabatteen maqaan ishee Galmee Dinqisiisoo Addunyaa (Ginius Book of World Records) irratti galmaa'eera.

Galmeen Dinqisiisoo Addunyaa Maraatoonii BM waliin ta'uudhaan bara 2023 dorgommiiwwan qophaa'anirratti atileetota rikardii foyyeessaniif waraqaa ragaa kenneera.

Maraatoonii Jarman, Barliin keessatti bara 2023 gaggeeffamerratti rikardiiwwan 11 foyyeessuuf yaadamee saddeet milkaa'uu Galmeen Dinqisiisoo Addunyaa ni mul'isa.

Atileet Tigist turtii BBC waliin taasifteen, "badhasichaafi beekamtiin argadheef baayyee gammadeera," kan jette yoo ta'u, rikkardii ofiishee qabattee jirtu kanas fooyyeessuu akka barbaaddus dubbatteetti.

"Kanaan boodas rikkardii kana caalaatti foyyeessuun barbaada...dandeettiisaa qaba; ga'umsa isaas nan qaba. Kanaaf, dandeettii koo cimsadheen sa'aatii kana caalaa foyyeessee fiiguun barbaada."

Haadha rikardii maraatoonii addunyaa dubartoota kan taate Atileet Tigist Asaffaa, Olompikii Maraatoonii Paarisiirratti sa'aatii 2, daqiiqaa 22 fi sekondii 58n galuun sadarkaa lamaffaa ba'uun biyyasheetiif medaaliyaa meetii argamsiisuun ishee ni yaadatama.

Waggoota 14 gara fiigichaatti kan dhufte Tigist Asaffaa, A L I Fulbaana 13, 2016 Jarmanitti dorgommii Maraatoonii Maraatoonii Barliin 48ffaa gaggeeffamerratti rikkardii daqiiqaa lamaa oliin foyyeessuun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 53n galuun ishee ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rikkardii ishee duraan ture kan ittiin foyyeessite daqiiqaan lama garaagarummaan yeroo dorgommii maraatoonii irratti baayyee kan barame waan hin taaneef Tigist dinqisiifannaa argachuun olitti, rikkardii isheen qabatte kana foyyeessuudhaaf yeroo dheeraa fudhatama jedhameera.

Atileetiin umuriin ishee waggaa 29 ta'e kun Maraatoonii Chikaagoo bara 2019 gaggeeffamerratti atileetii Keeniyaa Biriigiid Koosgee jedhamtuun rikkardii 2:14:04 qabamee ture daqiiqaa lamaaoliin foyyeessite.

Atileet Tigist hafeerraa irbaataa rikkardiin addunyaa A L I Fulbaana 20,217 Jarman, Barliinitti qopheesserratti, biyyoota garagaraa 20 hin caallerraa keessummoota hafeeramanirraa argamuu ibsaa, waraqaan ragaas sirnuma kanarratti akka isheef kenname BBCtti himteetti.

Erga rikkardii addunyaa foyyeessitee waggaa tokko kan gootte Tigist, waraqaa ragaa Galmee Dinqisiisoo kennuuf dursee kan qophaa'e ta'us, qophii Olompikii Paarisirra waan turteef turuu isaa dubbatte.

"Dhugaa dubbachuudhaaf gammachuu guddaatu natti dhaga'ame. Akka atileetii maraatoonii tokkootti gammachuu guddaa natti uumeera," jechuun yeroo jalqabaatiif maqaan ishe Galmee Dinqisiisoorratti galmaa'uu isaa gammachuun ishee guddaa ta'uu ibsiteetti.

Rikkardii yeroo ammaa ishumaan qabamee jiru foyyeessuudhaaf fedhii akka qabdu irra deddeebiin kan dubbattu Tigist Asaffaa, maratooniin sa'aatii 2, daqiiqaa 10 gadiin galuun ni danda'ama amantaa jedhu akka qabdu dubbattee ture.

Yeroo dheeraatiif fiigicha fageenya meetira 800 taatee kan turte Tigist, gara fiigicha godaanaatti kan dhufte dhiyoodha.

Olompikii bara 2016 irratti Itoophiyaa bakka bu'uudhaan meetira 800 irratti hirmaatteetti. Haata'u malee, xumura walakkaa darbuu dadhabuu waan hin dandeenyeef dorgommiin ala taatee turte.

Tigist meetira 800 ala fageenya meetira 400 irrattis dorgomaa turteetti.

Atileetiin kun kanaan dura dorgommii maraatoonii walakkaatiin mo'achuu dandeesseetti.

Maraatoonii Barliiniifi atileetota Itoophiyaa

Dorgommii atileetiksii addunyaarratti sadarkaa olaanaa ta'e Pilaatiiniyeemii kan jedhamu Maraatooniin Barliin bara 1974 kan jalqabe yoo ta'u, dorgommiin atileetonni addunyaa kanarra jiru jedhaman kan irratti hirmaatanidha.

Dorgommiin magaalaa guddoo Jarman kanarratti gaggeeffamu dorgommii maraatoonii sa'aatiin saffisaa irratti galmaa'u keessaa tokkodha.

Atileetonni Itoophiyaa Itoophiyaa dorgommii kanaan yeroo garagaraatti kan mo'atan yoo ta'u, Hayilee Gabresillaaseefi Qananniisaa Baqqalee adda-dureedha.

Dubartootaan Geexee Waamii dorgommicha mo'achuudhaan atileetii Itoophiyaa jalqabaa yoo taatu, Geexeen bara 2006 fi bara 2007 dorgommicha walitti aansuun mo'atteetti.

Atsedee Habtaamuu, Aberruu Kabbadee, Tirfee Tsaggaayee, Asheetee Bakaree fi Goyitetoom Gabresillaasee atileetota Itoophiyaa biroo dorgommicha mo'achuu danda'anidha.

Sababa weerara Koronaatiin dorgommichi bara 202 keessa hin gaggeeffamne.

Dorgommii Maraatoonii Barliin bara 2023 irratti namoonni luma 55 ta'an biyyoota 120 irraa dhufan hirmaataniiru.

Dorgommii BMW Maraatoonii Barliin 48ffaa irratti namoonnimiliyoona tokkotti siqan bakka sanatti argamanii hordofaniiru jedhamee tilmaamama.

Ramaddii dhiirotaatiin atileetiin Keeniyaa Eluud Kipchoogee maraatoonii rikkardii fooyyeessuun mo'ateera.

Atileetiin Keeniyaa umuriin isaa waggaa 37 ta'e sa'aatii 2:01:09 irratti galuun mo'ate.

Lammiin Keeniyaa biraa Maark Kooriir lamaffaa yoo bahu, atileetiin Itophiyaa Taadduu Abaatee sadaffaa bahuun dorgommichaa xumureera.

Hayilee Gabresillaasee dorgommii Maraatoonii Barliin kanarratti si'a afur mo'achuun ni dursa.

Hayileen, bara 2006 hanga 2009tti walitti aansuun dorgommicha mo'ateera.