Atileet Tigist Asaffaa Riikardii Addunyaa Maaraatoonii Barliinirratti cabsite

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa daqiiqaa lamaa oliif fooyyessuun Riikardii Addunyaa haaraa Maaraatoonii Barliiniirratti galmeessite.
Atileetiin kuni fageenyicha 2:11:53’n atileetota Keeniyaafi Tanzaaniyaa of duuba aansuun dorgommii xumurte.
Kanaanis, riikardii bara 2019 atileetiin Keeniyaa Biriijig Kosgeen Maaraatoonii Chikaagootti 2:14:04 galmeessite daqiiqaa lamaa oliin fooyyessite.
Tigist waggaa darbees maaraatoonii Barliin 2:15:37'n seenuun yeroo saffisaa addunyaa sadaffaa galmeessitee injifattee turte.
Fiigicha maaraatoonii dhiiraan atileetiin Keeniyaa Eluuwid Kiphoogee 2:02:42'n xumuruun injifateera. Kunis, yeroo shanaffaaf ta’u isaati.
Atileetiin Keeniyaa Viinsant Kipkemoyii lammaffaa yoo bahu atileetiin Itoophiyaa biraa Taaddasa Taakkalee sadaffaan xumure.
Atileetiin biraa yeroo shaniif Maaraatoonii Barliin injifate hin jiru.
Kana dura atileetiin Itoophiyaa Haayilee G/Sillaasee si’a afur Maaraatoonii Barliin injifatee ture. Qananiisaan immoo si'a lama.
Atileetiin ganna 38 Kipchoogeen bara 2022 2:01:09’n seenuun Barliinitti Riikardii Addunyaa haaraa galmeessee ture.
Dorgommii booda akka himetti, Kipchoogeen riikardii cabsuf yaada qaba ture.
‘’Muuxannoo maaraatoonii 21 [kan inni fiige] walitti qabee Olompikii Paariisirratti [ittan fayyadama],’’ jedhe.
Riikardiin haaraa Tigist galmeessite riikardii 13ffaa Barliinitti galmaa’edha.
Dorgommii booda ‘’Baay'een gammade,’’ jechuun dubbatte.
‘’Riikardii maaraatoonii cabsuuf barbaaden ture, garuu sa'aatii 2:12 gadi ta’a jedhee hin yaadne ture,'' jette.
Atileetonni Itoophiyaa biroo Zayinabaa Yimar, Sanbaree Tafarii, Dharraa Diidhaa, Warqinash Iddeesaafi Heelen Baqqalaa sadarkaa afurii hanga saddeet qabatanii xumuran.
Atileet Tigist kana dura fiigicha 800m fiiguun beekamti. Maaraatoonii walakkaas fiigdee injifatteetti.
Maaraatoonii garuu waggaafi ji’a jaha dura ture fiiguu kan jalqabde.
Tigist waggaa dura Maaraatoonii Barliin yeroo fiigdu xiyyeeffannoon itti hin kennamne ture.
Ta’us, riikardii bakkichaa daqiiqaa sadiif ta’u cabsitee turte.
Isa dura maaraatoonii fiigdee kan beektu si’a takka qofa. Maaraatoonii Riyaaditti dorgomtee 2:34:00 injifatte.
Sa'aatii sana waggaa dura jechuunis bara 2022 yeroo Barliin dhuftu daqiiqaa 20’tti siquuf foyyeessite.
Baranammoo Riikardii Addunyaa cabsuu dandeesseetti.
Maaraatoonii Barliin har’a dorgomame dura kanneen tilmaama guddaa kennameef keessaas tokko ta'un ni yaadatama.












