'Xiiqiitu Riikardii Addunyaa 5,000m akkan cabsu na taasise' - Gudaaf

Atileet Gudaaf Tsaggaay 5,000m'n Riikardii Addunyaa cabsuuf akka xiqeeffatte BBC'tti himte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Gudaaf Tsaggaay 5,000m'n Riikardii Addunyaa cabsuuf akka xiqeeffatte BBC'tti himte

Fiigicha 5,000m'n Ameerikaatti Riikardii Addunyaa kan cabsite Atileet Gudaaf Tsaggaay Shaampiyoonaa Addunyaarratti waan mudateetu na xiqeeffachiise jechuun BBC’tti himte.

Erga Budaapestitti miidhama na qunname jetteen medaaliyaa lammataa erga dhabdee ‘’Maaliif riikardii hin deebisu jedhee xiiqiin na qabe’’ jechuun dubbatte.

‘’Riikardiif qophaa’en dhufe,’’ kan jette Gudaaf morkattoota cimoo waliin fiigde. Garuu xiyyeeffannoo ishee ‘’riikardii qofarratti’’ taasisuu dubbatti.

Fiigichi Dayaamand Liigii bara kanaaf kan xumuraa ta'eefi Gudaaf itti injifatte Dilbata Fulbaana 17 bulchiinsa Origoon, Yuujinitti gaggeeffame.

Atileet Gudaaf dorgommicha 14:00:21'n xumurte. Atileetiin kuni riikardii atileetii Keeniyaa Feez Kipyegoon baatii Waxabajjii keessa 14:05:20 galmeessite sakandii shan ta'un foyyeessite.

Gudaafitti aanun 14:05:92'n lammaffaa kan baate atileetii Keeniyaa Bitiris Cheebetidha. Atileetin Itoophiyaa biroo Ijjigaayyoo Taayyee sadaffaa baate.

Riikardii yeroos Faransaay Paarisitti Kipyegoon galmeessite atileetiin Itoophiyaa biraa Latasanbat Gideey torban muraasa dura cabsuuf yaalii taasistee hin milkoofne.

Atileet Gudaaf Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Baatii Hagayya waggaa darbeerratti 10,000m’n shaampiyoonaa turte.

Ta’us, fiigicha 5,000m isheen irratti qooda fudhatteerratti Itoophiyaan medaaliyaa hin arganne.

‘’Warqii tokko fiduun xiqqoo garaa na hin geenye,’’ kan jettu Gudaaf kanaanis erga biyyatti deebite booda guyyoota torba keessa qophii taasisuu himte.

Haalli qilleensaa dorgommii tibbanaa mijataa ta’uufi ‘’Humna qabu fayyadamuun qaba jedhee of amansiisee’’ fiigaa ture jette.

‘’Waaqaaf haa galatu Waggaa Haaraa riikardiin jalqabeera,’’ kan jette Gudaaf ‘’Osoo galgala ta’emmoo isaa gadi (yeroo) ni fiigama ture,’’ jechuun ibsiti.

Duraan Dayaamandligii gubbaa 3,000m’n kan dorgomaa turte atileetiin kuni boodarra 5,000m’tti jijjiirte. Kanaanis, fageenya kanaan qabxii waliigalaan injifatte.

‘’Dur dolaara 50,000 ture amma dolaara 30,000 dha. Dhugaadha riikardiif maallaqa gaariin argadhe,’’ jechuun BBC’tti dubbatte.

Atileet Gudaaf Tsaggaay fiigicha 10,000m'n illee riikardii addunyaa cabsuuf yaada qabdi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Gudaaf Tsaggaay fiigicha 10,000m'n illee riikardii addunyaa cabsuuf yaada qabdi

Inni guddaan maallaqa osoo hin taane beekamtii dhamaatii isheef argatte akka ta’e ibsun karoora biraallee akka qabdu BBC’tti himte.

‘’Yoo Waaqqayyoon na gargaare Olompikii duras ta’e booda 10,000m’n riikardii cabsuuf yaadan qaba, ‘’ jechuun jabaattee akka hojjettuufi Waaqayyoonis akka ishee gargaaru himte.

Yoomiif xiqqoof mo'ame

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarr Budaapestirratti Itoophiyaan korniyaa lamaaniinu fageenya 5,000m’n medaaliyaa hin arganne.

Fiigicha fageenya 5,000m dhiiraan kan dorgoman keessaammoo tokko Atileet Yoomiif Qajeelchaadha.

Fageenya 3,000m'n Diyaamand Liigii Ameerikaa taasifamerratti kan dorgome Yoomiif, xiqqoof atileetii Noorwey Ingebiristanitti aanuun lammaffaan xumure.

Yeroon itti Yoomiif lammaffaa bahe 7:23.64 dha. Kan atileetiin Noorwey itti injifatemmoo 7:23:63’dha. Garaagarteen kunis maayikiroo sakandii takkadha.

Atileetiin Noorwey kuni Shaampiyoonaa Addunyaarratti 5,000m'n shaampiyoonaa ta'un isaa ni yaadatama.