Atileetii waraanaafi yaaddoo keessa ta'uun Shaampiyoonaa Addunyaa ta'uu ishee hin dhowwine

Atileet Gudaaf Tsagaay

Madda suuraa, Getty Images

Atileet Gudaaf Tsagaay atileetota Addunyaa irratti milka'aan keessaa tokkodha. Keessumaa bara darbe guddoo milkoofte.

Fiigicha fageenya meetira 5,000 dubartootaatiin medaaliyaa Warqee argachuun Shaampiyoonaa Addunyaa taateetti.

Kana kan milkeessite garuu haala mijataa ta'eefi miira gammachuu keessa teessee osoo hin taane sababa waraana Tigraay keessa tureen yaaddoofi muddama keessa teesseeti.

Atileet Gudaaf Tsagaay dhalattuu naannoo Tigraayidha.

Waraana Tigraay keessatti jalqabee waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasaa ture keessatti haala maatiifi obbolaan ishee keessa jiran hin beektu ture.

Waraana lubbuu namoota nagaa kuma dhibba hedduu galaafateefi kanneen miliyoonoyaan lakkaa'aman irraammoo gidiraa guddaa qaqqabsiise kanaan Gudaaf dabalatee dhalattoonni Tigraay naannichaan ala jiranis heddu itti dhiphachaa turan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa kun jalqabuu hordofee geejjibniifi mala namoonni ittiin wal dubbisaniifi wal argan akka bilbilaafi intarneetiin addaan akka citu taasifameera.

"Milkaa'ina caaluuf caalaa akka cimu guyyaa guyyaan kan na gorsaa turan abbaa koofi obbolaan koo waliin dubbachuu dhabuun koo baay'ee rakkisaa ture. Ibsuudhaafillee waan nama rakkisudha.," jechuun waan keessa darbite BBC Sport Afrikaatti dubbatte.

"Ji'oota 18 osoon maatii koo hin dubbisiin tureera," jette.

Atileetiin umuriin ishee waggaa 25 ta'e Gudaaf qoramaata kana fakkaatu keessa teessee turtii waggoota 10 atileetiksii keessatti turte keessaa bara milkii dabarsiteetti.

Waraanni kaaba Itoophiyaa biyyattii guddoo hube

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni kaaba Itoophiyaa biyyattii guddoo hube

Qabsoo milkaa'inaaf taasifamu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana, walitti bu'insaafi maatiirraa adda bahuun akkuma jirutti ta'ee Gudaaf Finfinneetti leenjisaasheefi abbaa warraashee kan ta'e Hilluuf Yihidagoo waliin shaakalashee itti fufte.

Gudaafiif abbaan warraashee yeroo rakkisaa kana keessatti bu'uura ciminashee tureef.

"Mana keessatti abbaa warraakooti, dirree irratti ammoo leenjisaakooti. Yeroon gaddutti kan na jajjabeessu isadha. Waan hedduun na gargaareera," jechuun dhugaa baati Gudaaf.

Dhamaatiin isaanii kun ammoo bara darbe dorgommiiwwan gurguddoo gaggeeffaman irratti firii gaarii argamsiiseera.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa biyya Ameerikaa Oregon dorgomameen alatti dorgommii meetira 1,5000 kan mana keessaatiinis mo'atteetti.

"Qormaanni hedduun na mudatanis, cimee waanan hojjedheef naaf milkaa'eera.

''Milkaa'ina kiyyas abbaa-warraa koof hiriyyota koo waliin qooddadheera, waliin taanee gammadneerra.

"Atileetonni milkaa'inarra geenyeerra kan jedhan Olompikiifi Shaampiyoonaa Addunyaa yoo mo'atanidha. Kun hawwii koo ture, itti milkaa'eera," jechuun himte.

Dogommii Oregoon tureen tokkoffaa taatee yeroo xumurtetti namni alaabaa naannoo Tigraay qabate tokko fiigee dirree seenuun gammachuu isaa atileetii kana hammatee ibsate.

Dogommii Istaadiyeemii Heyiwaard keessatti ture kanaan waa'ee waraana turee akka hubatamu gochuufi deeggaruuf dhalattoota walitti qabaman keessaa tokko ture.

Daafaan waraanaa Gudaaf qaqqabeera.

Nama alaabaa Tigraay qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dogommii Oregoon tureen tokkoffaa taatee yeroo xumurtetti namni alaabaa naannoo Tigraay qabate tokko fiigee dirree seenuun gammachuu ibsate

Jeequmsa halkanichaa

Yeroon isaa bara darbe ji’a Muddee ture. Guyyaa tokko halkan qaamoleen nageenyaa mootummaa mana isaanii dhufanii balbala rurrukutan.

Hirriba keessaa erga ka’anii booda qaamoleen nageenyaa Hliuf fuudhanii deeman.

Taaten kun erga raawwatee waggaa guutus waan halkan gaafa sanaa ta’e akka waan kaleessa ta’eetti yaadatti.

“Baay’ee na miidhe. Atileetii waanan ta’eef anarratti ni raawwata jedhee yaadee hin beekun ture. Nuti ispoortii malee siyaasa hin beeknu,” jetti.

“Halkan guutuu boo’aan bule. Balballi hammuma rukutamu hunda, anas deebi’anii na fudhachuu dhufan jedheen boo’aa jeeqamaan ture,” jechuun haala keessa dabarte ibsiti.

Sana booda dorgommiirratti xiyyeeffachuu waan dadhabdeef bara darbe dorgommii silaa Faransaayitti gaggeeffamurraa hafte.

“Rikardii addunyaa cabsuuf qophaa’an ture. Haala gaarirran ture,” jetti.

Hiluf hidhaa guyyaa tokkoo booda gadi lakkifamus humnoonni nageenyaa “Juuntaa” jechaanii akka sodaachisaa turan hima.

“Halkan walakkaa loltoonni 20 ta’an mana dhufan. TPLF deeggarta, atileetota gara biyya alaatti ergita, akkasumas dolaara mana keessa kuustee jirta jedhanii na himatan,” jechuun Hiluf BBC Sport Afrikaatti hime.

“Mana koo sakatta’an, dhimmicha amma dubbachuun salphaa fakkaatus rakkisaa ture,” jedha.

Atileetonni kun lamaan rakkoo kana keessa darbuu isaaniitti gammadoodha.

Mootummaan federaalaafi TPLF Piritooriyaatti walii galtee mallatteessuu isaanii hordofee tajaajilli bilbilaa naannoo Tigraayitti waan deebi’eef Gudaaf maatii isheetti bilbiltee dorgommii akka mo’atte itti himte.

“Walii galtee nagaa booda maatin koo biilbilanii gammachuu isaanii ibsatan,” jetti Gudaaf.

“Maatiin koo osoo dorgommicha arganii turee, osoo ana wajjin jiraatanii jechaan ture. Maatin koo dorgommicha akka argan natti himuun boo’an.”

Walii galticha hordofee Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetonni dhalattoota Tigraay ta’an gara Maqalee akka deemanii maatii isaanii wajjin wal arganiif haala mijeessee garas imalanii turan.

Gudaaf imala kanaan hiriyoota ishee argitus maatii ishee arguu hin dandeenye.

“Maatii koo wajjiin akkan wal arguu hin dandeenye nan beekan ture, sababni isaa kuni imala akka tasaa ture waan ta’eef.”

“Maatin koo baadiyyaa keessa jiraatu. Akkan dhufu dursee itti himuu hin dandeenye. Haa ta’u garuu, naannoo ilaaluufi hiriyoota koo ijasaanii arguun baay’ee gaarii ture,” jetti.

Atileet Gudaaf Tsagaay leenjisaa ishee waliin

Madda suuraa, BBC Sport

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Gudaaf Tsagaay leenjisaa ishee waliin

Abjuu Olompikii

Gudaaf maatii ishee yeroo dhiyootti qaamaan akka wal argan abdachaa jirti.

Yeroo ammaa kana Daayaamand Liigii Caamsaa keessa Dohaatti gaggeeffamuuf qophaa'aa jirti.

Bara kana milkaa'inaan kan jalqabde Gudaaf, dorgommiiwwan mana keessaatiin mirgaan galuu itti fufteetti.

Fiigicha fageenya meetira kuma sadii dorgommii mana keessaatiin sa'aatii saffisaa lamaffaa kan galmeessite yoo ta'u, rikkardii addunyaa cabsuufiyyu sekondii 9 qofatu ishee hafe.

Ta'us bara kana keessa kaayyoon ishee guddaan dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa Budaapestitti Hagayya gaggeeffamu irratti shaampiyoonummaashee eegsifachuudha.

Akkuma kana ammoo dorgommii Olompikii bara dhufu Paarisitti hirmaachuufis qophiitti jirti.

"Dabalataan Shaampiyoonii Addunyaa mo'achuun barbaada," jetti.

"Dorgommii mana keessatti ani shaampiyoonaadha, kan addunyaarrattis shaampiyoonaadha.

''Haata'u malee, gara dorgommii Olompikaatti yeroo dhufnu Tookiyootti badhaafamtuu Nahaasiidha malee shaampiyoonaa miti."

"Hawwiin koo shaampiyoonaa Olompikaa ta'uudha. Galma koo akkan qaqqabu nan amana," jetteetti Gudaaf.