‘...maatiikoo waliin osoo wal hin arginan deebi’e’ – Atileet Gudaaf Tsaggaayee

Atileet Gudaaf Tsagaayee

Madda suuraa, Getty Images

Dhiheenya kana jilli atileetota dhalattoota Tigraay, Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun durfame gara Maqaleetti imalee ture.

Atileetonni fi leenjiftoonni gara naannichaa imalanis kanneen dirreewwan dorgommii atileetiksii idil-addunyaa irratti Itoophiyaa bakka bu’uun qabxii olaanaa galmeessisaniifi sababii waraana Kaaba biyyattiitti tureen kan yeroo dheeraaf maatii isaaniin osoo hin argiin turan ta’uun ibsameera.

Itoophiyaan shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 18ffaa bara darbe gaggeeffame irratti irra caalaa atileetota dubartiitiin injifannoo olaanaa galmeessisuun ture kan deebite.

Waltajjii dorgommii sanarrattis, atileet Latasanbat Giday fiigicha meetira 10,000n meedaaliyaa warqii, Gooyitatoom Gabrasillaasee maaraatooniidhaan meediaalyaa warqii, Gudaaf Tsaggaayee ammoo meetira 5,000n meedaaliyaa warqii argatan.

Dorgommii Itoophiyaan seenaa shaampiyoona atileetiksii keessatti meedaaliyaa baayyee irratti galmeessite kanarratti kan hirmaatan dhalattoonni Tigraay qabxii isaan galmeessaniin alatti dhimmi biraa ijoo ta’e tokko ture.

Atileetota Tigraay waggoota lamaan darbaniif rakkoolee walfakkaataan isaan mudatee ture.

Kunis baayyeen isaanii maatii qonnaan bulaa irraa kan dhufaniifi maatiin isaanis bakka waraanni itti gaggeeffamuufi malli quunnnamtii hin jirre waan jiraataniifu, haala maatiinsaaanii keessatti argaman baruuf rakkatanii ture.

Sababii kanaanis injifannoo shaampiyoonaa addunyaa Oreeganiitti galmeessan irratti miirasaanii imimmaaniin yoo ibsatan mul’atanii ture.

Fakkeenyaaf, maaraatonii dubartootaatiin rikardii addunyaa haaraa galmeessuun meedaaliyaa warqii kan injifatte atileeti Gooyitatoom Gabrasillaasee, injifannichaan miira itti dhagahame BBC’n wayita gaafatamtetti, ‘‘Nagaa ta’ee maatiinkoos akka kiyya akka gammadaniif hawwiikooti,’’ erga jetteen booda imiimaaniin hudhamte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgommichaan boodas wayita Finfinnee galaniitti simannaan kan taasifameef yoo ta’u, Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun, mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay atileetoonni Tigraay maatii isaanii waliin akka wal arganiif daandii akka banan gaafattee turte.

Haata’u malee waliigalteen nagaa baatii lamaan dura mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti taasifamuun waraana waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamaa ture erga dhaabbattee, tajaajilliwwan hawaasummaa kanneen akka imala qilleensaa, baankii fi telekomunikeshnii adda citee ture ariitiin deebi’uu eegaleera.

Erga daandiin qilleensaa Itoophiyaa balaliinsa isaa jalqabaa gara Maqaleetti taasiseen booda dhalatoonni Tigraay maatiisaanii waliin wal argan wayita Maqalee qaqqabaniitti yoo gammachuun bo’aniifi lafa dhungatan mul’atan.

Jilli atileetotaafi leenjiiftoota dhalattoota Naannoo Tigraay of keessatti hammates gara Maqalee kan imale torbanuma kana keessa ture.

Atileetota gara sana imaluun maatiin wal argan keessaa Atileeti Gooyitatoom Gabrasillaasee, ‘‘nagaan hundaaf barbaachisaadha. Maatiikoo kanan argadhe waan nagaan jiraateef,’’ jechuun dubbachuu TVn naannichaa gabaase.

Atileet Latasanbat Giday gama isheetiin waggoota lamaan darbaniif maatii wajjiin adda bahuun baayyee cimaa akka ture dubbatte.

‘‘Waliigalteen nagaa maatii keenyaan akka wal agarru, hojii keenya akka hojjannuufi waraanni akka dhaabbatu taasiseera. Nagaa ispoortii keessa jiru lallabna. Nagaan yoo jiraate wanti hundi waan jiraatuuf akka nu gargaartan, baankiiwwaniifi daandiiwwan akka bantaniif ergaa koon dabarsa,’’ jettee turte.

Atileetoonni kunneenis Kibxata Amajjii 10, 2023 gara Finfinneetti wayita deebi’anitti, muraasni isaanii sababii gabaabina yeroo, rakkoo geejjibaafi rakkoo bilbilaatiin maatiisaanii arguu hin dandeenye.

Atileetoota Maqalee gahanii osoo maatiisaanii hin dubbisiin deebi’an keessaa tokko Gudaaf Tsaggaayeti.

Jilla garee atileetootaafi leenjiistoota gara naanichaa ilaman

Madda suuraa, TTV

 ‘Maatiinkoo akka hin dhufne nan beekan ture‘

Atileeti Gudaaf af-gaaffii BBC’n waliin taasifteen, turtii isaa Maqaleetti taasisan baayyee gabaabaa waan tureef maatii ishee argachuuf rakkisaa akka ture dubbatti.

Maatiin ishee baadiyyaa Adiwaafi Booraa kann kibba Tigraa keesstti argamu waan jiraataniifu gara Maqalee dhaquun isheen wal argu akka hin dandeenye dubbatti.

"Kann deemne akka tasaatti. Kanaafu sa’aatii sadii qofaa turree deebiine. Neetiwrkiin waan hin hojjanneefu bilbiluu hin dandeenye. Daandii Maqaleerraa gara Adawaa geessuu cufameera. Kanaafu maatii koo baayyee waliin wal hin agarre, garuu ammoo warra waliin guddattee arguun, naannicha arganii deebii’uun miira namatti umu qaba, gammadeera‘‘ jette.

Gudaaf shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa dubartootaan fiigicha meerira 5,000n meedaaliyaa warqii, kann meetira 1,500n ammoo meedaaliyaa meetiin injifatte.

 Isaan duras Gudaaf Olompikii Tookiyoo bara 2021 irratti meedaaliyaa naasii argatte jirti.

"Tigraay gahanii deebii’uun waan guddaa ta’eefan imale. Bakka itti dhalattee arguun akka waan maatiikee agarteetti lakkaa’ama. Ummata kaleessa nu gargaaree arganii deebii’uun baayyee nama gammachiisa. Maatiikoo garuu haala jirurraa ka’ee akka hin dhufne nan beeka ture‘‘ jette.

Leenjiisaan fiigiicha dheeraa duraanii, Hiluuf Yihidagoo gamasaatiin, garee atileetootaa waliin gara Maqaleetti imalus maatiisaa osoo hin argatan deebii’e.

"Imalli keenya kan akka tasaa dhufe ture. Nuti garuu ummata keenya yaadnee waan tureef isaanuma arguuf imalle. Ummaticha akka maatii keenyaatti waan ilaalluuf malee fira dhihoo hin arganne. Maatiikoo Adawaa jiraatu. Naannoo sana ammoo loltoonni Ertiraa waan jiraniifu dhufuu hin danda’an‘‘ jedhe.

Leenjiisaa Hiiluuf leenjiisaafi abbaa warraa atileeti Gudaaf Tsagaayeeti. Akkasumas leenjiisaa atileetoota akka Lamlam Hayiluu, Fireewayinii, Birqee Haayiloom fi altileetota naannichaa hedduuti.

Waggoota milkaa’inaa miiraan gutaman

Atleeti Gidaaf Tsagaayee jidduugala naannoo Tigraay magaalaa Boraatti kan dhalatte.

Ispoortii mana barnootaatti eegaluu kan dubbattu Gudaaf, dhuma bara 2013tti yeroo jalqabaatiif Neezarlaandiitti dorgommii addunyaarratti hirmaachun dorgommiiwwan sadi irratti tokkooffaa ta’un baatee riikardii cabsu dubbati.

Bara 2021tti ammoo Faransaayiitti dorgommii mana keessaa meetira 1,500n rikardii haaraa galmeessu dubbatti.

Riikardii isheen fooyyeessite kunis kan bara 2014tti atileetii Itoophiyaa Ganzabee Dibaabaatiin Kaarliisruuh irratti qabamee ture akka ta’e yaadatti.

Gudaaf sababii waraanaatiin waggoota darban lamaaf yeroo rakkiisaa keessa dabartulleen milkaa’ina olaanaa galmeessuu dubbatti.

‘‘Yoo injifannuu haala maatiin keenya bilbiluun baga gammaddee nun jechuu hindandeenye keessa turre. Garuu ammo hojii keessa irratti xiyyeeffanne. Abbaan warraakoo na gargaaree milkaa’ina argachu dandeenyeerra’’ jechuun barri 2021 fi 2022 milkaa’ina gaarii galmeessu yaadatti.

‘‘Barri 2021 anaaf wagga gaarii ture. Bara sanatti rikarii cabseera. Sa’aatii addunyaa saffiisaa ta’e meetira 3,000n fiigeera. Bara 2022tti ammo, dorgommii mana keessaatiin sa’aatii saffiisaa addunyaarratti lammaffaa ta’e fiigeera. Meetira 5,000 fi 1,500n lamaaniinu warqii kanan itti argadheefi kanan atileetii cimtu Itoophiyaa ta’un itti filatame ture.

‘‘Atileeti Gudaaf dorgommii fiigicha meetira 5,000n kallattiin gara shaampiyoonaa addunyaatti darbuun, dorgommii kanaan sa’aatii saffiisaa fiiguuf akka qophooftu ibsite jirti.

‘‘Atileetiksii keessatti wanti barbaachisaan wal gargaaruudha’’ jetti.