Dorgommii atileetonni Itoophiyaa injifannoo dhuunfatan irratti Siifan Hasan ''dhiibameera'' jechuun himatte

Madda suuraa, WORLD ATHLETICS
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa olaantummaa atileetota dubartootaa Itoophiyaan dhuunfatame irratti atileetota fuuldura turan afur keessaa jaqabarra kan turte Atileet Siifan Hasan ''dhiibameera,'' jechuun BBC'tti dubbatte.
Sambata kaleessaa galgala (Hagayya 19, 2023) dorgommiiwwan atileetiksii Budaapestitti gaggeeffamaa jiran keessaa fiigicha meetira 10,000 dubartootaan atileetonni Itoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa dhuunfataniiru.
Atileet Gudaaf Tsaggaay sa'atii 31፡27.18n tokkoffaan xumuruun meedaaliyaa warqee argatte.
Latasanbat Giday sa'atii 31፡28.16n lammaffaan xumurte, Ijjigaayyoo Taayyee ammoo meedaaliyaa nahaasaa argatte.
Olaantummaa atileentonni Itoophiyaa dorgommii kanarratti argataniin alatti dhimmi biraan akkaan falmisiisaa ture dhimma atileet Siifan Hasan.
Morkattuu cimtuu dorgommii kanaa kan turte Siifan, xumura irratti fuulduratti baatee osoo dursaa jirtuu kufte.
Siifan meedaaliyaa warqee argachuuf Gudaaf waliin morkii cimaa keessa osoo jiranii dorgommichi xumuramuuf metirri 20 wayita hafuudha kan isheen kufte.
Atileetiin dhalootaan Itoophiyaa taatee fi Nezarlaandis bakka buutee fiigdu Siifan Hasan dorgommicha booda BBC'f yaada kenniteen, ''Atileetii Itoophiyaatiin dhiibameera,'' jechuun kufuu isheef sababi atileet Gudaaf ta'uu eerte.
''Atileetii Itoophiyaan waanan dhiibame natti fakkaata. Maal gochuu dandeessa? Ispoortiidha. Ni mudata. Waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Garuu saffisaan fiigaa osoon jiruu akkan dhiibame miirri wayii natti dhagameera, duuba miilla kiyya to'achuun dadhabe. Kun anaaf homaa miti. Ni mudata,''jechuun BBCtti dubbatte.
Siifan taatee kana ilaalchisuun yaada kenniteen dhiibamuushee aanga'oota ispoortiitti iyyachuuf carraan isheen qabdu dhiphaa ta'uusaa waan isheen dubbaterraa ni hubatama.
Dorgommicha booda viidiyoon deebi'amee wayita ilaalamu, karaa harka mirgaa Siifaniin fiigaa kan turte atileet Gudaaf, Siifan waliin ciqileen walitti bu'aa akka turan mul'isa.
Taatee kana ilaalchisuun BBCf yaada kan kennite atileetiin Ingilizii Paawulaa Raadikiraliif ''atileetita lameen gidduu tuttuqqaan tureera. Garuu tuttuqqaann kun kufaatii Siifan Hasaniif sababa ga'aa moo ga'aa miti kan jedhu garuu gaaffii deebii barbaaduudha,'' jette.
Paawulaan fiigicha meetira kuma 10 dubartootaa irratti taateen mudate kun Siifan xiiqii keessa galuun dorgommiiwwan hafan irratti akka dorgomtuuf ishee gargaara jette.
Atileet Gudaaf Tsaggaay fi Siifan Hasan kanatti aansuun fiigicha meetira kuma 5 irratti walitti deebi'uuf jiru.
Dorgommii meetira 10,000 dura meetira 1,500 irratti dorgomtee marsaa itti aanutti kan darbite Siifan, ''kana booda dorgommiiwwan laman qaba. Sanarratti waan ta'u waliin ilaalla,'' jechuun BBC'tti himte.












