'Akka Ziidaan gad of qabee, akka Gaardiyoolaa cimee hojjedhee milkaa'uun barbaada'

Beliisee Iniinaahazwee waggoota kudhanii oliif garee kubbaa miilaa Burundii keessatti taphattee waancaa ja'a mo'atteetti

Madda suuraa, BELYSE ININAHAZWE

Ibsa waa'ee suuraa, Beliisee Iniinaahazwee waggoota kudhanii oliif garee kubbaa miilaa Burundii keessatti taphattee waancaa ja'a mo'atteetti

Burundiitti dubartiin jalqabaa leenjistuu garee kubbaa miilaa dhiirotaa ta'uun muudamte wayita murtee kana dhageessu guddoo akka gammadde himte.

Waggoota dheeraaf taphattuu kubbaa miilaa kan turte dubartiin umrii waggaa 35 Beliisee Iniinaahazwee, kilaba kubbaa miilaa Burundii keessatti yeroo afur shaampiyoonaa ta'ee beeku hanga xumura dorgommii bara kanaatti akka leenjistu murtaa'eera.

Kilabiin dubartiin kun leenjistu Inter Star liigicha keessatti olaantumman xumuruun seenaa gaarii qabaatus yeroo dhihoo as garuu milkiin irraa fagaateera, bara darbe haga xiqqoof liigicha keessaa bu'uurraa hafe.

Leenjistuun kun kilaba kana kufaatiirraa hambisuun seenaasaa duriitti deebisuun hoji-manee ishee ta'a.

''Dubartiin akka isaan leenjistuuf filachuun isaaniiyyuu waan guddaadha,'' jechuun BBC'tti himte.

''Jalqabarratti qoosaa natti fakkaata, garuu dhugaadha - amma an leenjistuu isaaniiti.

''Akkamiin akka ta'e hubachuun natti ulfaata, garuu waan na amananii na filataniif baay'een isaan galateeffadha.''

Beliisee Iniinaahazwee kana duras kilaba Burundii diviiziyoona sadaffaa keessatti garee dhiirotaa leenjisaa turte.

Leenjisummaa fi tapha dhiirotaan dhuunfatame keessa yeroo dheeraaf turuun muuxannoo waan qabduuf, ammas addunyaa kubbaa miilaa dhiirotaa keessa seentee hojjechuun hagas mara akka rakkoo itti hin taane dubbatte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin kun wayita kilaba La Colombe keessatti sarara ittisaarraa taphataa turtetti, bara 2002 hanga 2016 gidduutti waancaa afur mo'atteetti.

Taateewwan akkasheen leenjisummaaf filatamtu taasisan keessaa tokko kana.

Wayita leenjisummaa eegaltu hojiinshee daran akka milkaa'uuf faana leenjistoota bebbeekamoo addunyaa akka hordoftu himte.

''Peep Gaardiyoolaa fi falaasama isaa guddoon jaalladha. Gara bal'ina Zidaanis baay'een jaalladha.

''Akka Peep cimee hojjedhee akka Zidaan garaa bal'adhee fagoo deemuun barbaada,'' jette.

Haadha ijoollee lamaa kan taate Beliisee Iniinaahazwee haala maatiisheerraa kan ka'e ijoollummaarraa eegaltee kubbaa miilaa jaallachaa akka turte himti.

''Maatii dhiironni itti baay'atan keessaan dhaladhe. Kanaaf yeroo hunda kubbaa miillaan jaalladha, nan hordofa,'' jetti.

''Wayita mana barumsaa turetti garee gareedhaan daandiirra baanee kubbaa taphataa turre. Hagan garee kubbaa miilaa seenee tapha eegalutti akkasittan ture.''

Beliisee Iniinaahazwee wayita taphi bara kanaa Burundii keessatti eegalu yeroo jalqabaaf leenjistuu taatee bakka taphaatti argamti

Madda suuraa, FBB

Ibsa waa'ee suuraa, Beliisee Iniinaahazwee wayita taphi bara kanaa Burundii keessatti eegalu yeroo jalqabaaf leenjistuu taatee bakka taphaatti argamti

Beliisee Iniinaahazwee waggoota kudhanii oliif kilaba La Colombe jedhamu keessa erga taphattee booda gareema kana keessatti gargaartuu leenjistuu ta'uun itti fufte.

Duraan garuu leenjistuu yookiin garee hoogganuun gonkumaa yaadashee keessa akka hin turre dubbatte.

Muuxannoo erga argattee booda kilaba gulantaa sadaffaarra jiru La Pepiniere seentee leenjisuu eegalte.

Amma dirqama guddaa fudhattee garee kilaboota sadarkaa olaanaarra jiranii seenteetti.

Dubartiin kuni kilaba sadarkaa jalqabaarra jiru akkamiin akka hooggantu ishee yaaddessuu akka hin hafne himteetti.

Garuu, ofitti amanamummaa, dandeettii fi muuxannoo qabduun akka milkooftu ammoo abdatti.