'Maqaan Liidiyaa jedhu mataansaa ni murteessa' - Murteessituu Liidiyaa Taaffasa

Madda suuraa, Getty Images
Murteessituun kubbaa miilaa Itophiyaan qabdi jedhaman keessaa tokko kan taate Liidiyaa Taaffasa amma ‘fiishkaa ishee fannisuu’ himti.
Tapha kubbaa miilaa Waxabajjii 25, 2023 istaadiyeemii Yunivarsitii Adaamaatti garee Buna Itoophiyaa fi Qiddus Gabreel jidduutti gaggeeffame daawwachuuf kumaatamni argamanii ture.
Taphichi osoo hin eegalin dura garuu oduun tokko hirmaattotatti himame.
Liidiyaan uffata aadaatiin bareeddee, simmannaa harka rukuttaa taphattoota garee lamaaniifi deeggartootaatiin dabaalamtee gara dirree kubbaatti as baate.
Waahillan ishee t-shartii barreeffama ‘Liiduu si galateeffanna’ jedhu uffachuun argamaniiru.
Haata’u malee Liidiyaan imimmaan ishee to’achuu hin dandeenye.
Murteessitoota ishee maddii dhaabbatan keessaa tokko jajjabeessuu yaale.
Waldaa Aksiyoonii Bulchaa Pirimiiyeerii Liigii kan ta’e dabalatee, kaanis yoo kennaa laataniif Liidiyaan imimmaaniin fudhatamte.
Isheenis fiishkaa/firimbee jaalattu fannisuuf yoo murteessitu gaddaan akka ta’e fuula isheerraa ni hubatama.
Ofii Liidiyaan maaliif hojii murteessummaa dhaabuuf murteessite laata?
Imala waggaa 20
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liidiyaan ijoollummaa ishee irraa kaaftee kubbaa miilaa kan jaalattu yoo taatu, qalbiin ishee garuu kubbaa saaphanaarra ture.
Haata’u malee haala ta’een yeroo tokko waa’ee kubbaa miilaarratti leenjiin murteessummaa kennameef.
Isheenis leenjichaafi ogummicha jaalachuu eegalte.
Haata’u malee, jalqabarratti wanti hundi mijataafii akka hin turre, seenaan ishee marsariitii Waldaa Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) irratti barraa’e ni mul’isa.
Amma kunoo Liidiyaa murteessitoota kubbaa miilaa dubartii Itoophiyaa fi Afrikaan qaba jettuun keessaa tokkoodha.
Yeroo lama taphawwan waancaa addunyaa dubartootaa murteessummaan taphachiiftee jirti.
Shaampiiyoona biyyoota Afriikaa (African nation Championship (CHAN)) irrattis dorgommii dhiirotaa irratti hirmaattee jirti.
Bara darbes tapha xumura, Shaampiyeensi Liigii Dubartoota Afriikaa isheetu taphachiise.
Waancaan dubartoota Afriikaa, Waancaa addunyaa wagga 17 fi 20 gadii fi kaan murteessuummaan taphachiiftee jirti Liidiyaan.
Haata’u malee Waxabajjii 25, 2023 Liidiyaan kubbaan miilaa nagaha jechuun guyyaa ifatti itti beeksifte ture.
Sababii isaas yoo ibsitu, “Gara ogummaa barsiisummaa (instructor) akkan dhufu waanan beekuuf, bara 2023n booda itti fufuu akkan hin barbaadne beeksisuun ofiikoos kophaan ture,’’ jechuun BBC’tti himte.
CAF Bulchaa Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa (Fifa)’f gaaffii dhiyeessuun, Liidiyaan akka leenjii barsiisummaa olaanaa (advanced training) kennitu ta’eera.
‘‘Gahumsi qaamaakoo (fitness) akka durii miti,’’ kan jettu Liidiyaan, murteessummaa fi barsiisummaan waliin adeemsiisuun cimaa akka ta’e dubbatti.
Kanaafiidha eegaan kan ogummaa murteessuummaa jaalattu irraa adda akka baatuf murteessite.
‘‘Yaade kanan ture dhuma waggaatti ture. Garuu ammo dorgommiin CECAFA (Kaawunsiiliin Waldaa Kubbaa Miilaa Bahaa fi Jidduugala Afriikaa) dheereffamnaan, bakka deeggartoonni argamanitti akka ta’uuf kan ta’e. Kanaaf Dilbata raawwatame,’’ jette.

Madda suuraa, CAF
Jireenya murteessummaa
Liidiyaan waa’ee ogummaa murteessummaa haasooftee hin quuftu.
‘‘Murteessummaankoo jireenya kootiif na fayyadeera. Kanan waa baayyee itti argeedha. Gammachuus gaddas itti argeera. Murteessaa ta’un akkan jedhee ibsuuf ni ulfaata,’’ jetti.
‘‘Dhuguma kana booda hin fiiguu? Fiishiikaa fi kaardii qabadhee gara dirree hin seenuu?’’ yaadni jedhu guyyootaaf akka ishee dhiphisee himti.
Namoonni ishee beekanilleen ‘‘murtee sirree hin taasifne’’ akka jedhaniin himti.
‘‘Deeggartootaafi kaan irraa ‘murtee sirrii hin taasifne’ jechuun mormiin na qaqabe,’’ jetti.
Liidiyaan oggummaa ishee dhaabuun namoota baayyee biratti kan hin eegamne ture. Isheenis dhimmicha namoota itti siqaniitti malee hin himne turte.
‘‘Deeggartoonni Liidiyaan ni dhaabde jedhee hin eegne ture. Isatu mormii kaasee natti fakkaata. Garuu … ni gaha. Waaqni galata haa argatu. Haala Waaqni hayyameen kan biraa yaaluu wayya.
‘‘Namootatti himutu narra turee? Yeroo kanatti dhaabuufan jechuun qaba ture? Yaada hedduutuu sammu koo keessa deddebii’aa ture.’’
Liidiyaan jireenya oggummaa murteessummaatiin kan keessa hin dabarre hin turre. Tapha kubbaa miilaa dhiirootaa Chan biyya hohiituu Kaameeruunii kaasee, hanga tapha Baahir Daari muddamaan guutamee fi tapha Maqaleetti Liidiyaan hirmaattee jirti.
Bara darbe yeroo dorgommii Shaampiiyoon Liigii dubartoota Afriikaa jalqabaatiif magaala guddoo Masrii- Kaayirootti qophaa’eerratti hirmaattee jirti.
Dorgommii sanarrattis tapha xumuuraa irratti murteessummaadhaan hirmaachusheetti ‘‘baayyee akka gammaddu’’ dubbati.
‘‘Murteessaan kamuu yoo eegalu pirimiiyeer liigii biyya keessaa, ittaansee ammoo waancaa Afriikaa isaan booda ammoo, waancaa addunyaa jedhee yaada. Anis kana osoon hin milkeessiin hafeera hin jedhu. Waaqni haa galatu hundaa fiixaan baaseera.’’
Liidiyaan ‘‘dubartummaa fi murteessummaan walitti dhufeenya addaa qabu’’ jetti. Murteessummaan hubannoo addaa akka gaafatu kaafti. Sababii isaas dubartii ta’u himti.
‘‘Ogummichi kan dubartoota kabaju, akka dandeettii qabnu kan mul’isu, akka hubannoo addaa qabnu kan agarsiisudha. Hubannoodhaan dhiiroota ni caalla. Kanas hojiirra oolcheera jedheen yaada,’’ jetti.
Dubartii waan taateef qofaa wanti addaa taphattoota irraas ta’e deeggartoota irraa ishee mudatee akka hin jirre dubbatti. ‘‘Deeggartoonni siriiyyuu maqaan Liidiyaa jedhu mataansaa ni murteessaa jedhu,’’ jetti.












