Lammiin Itoophiyaa Garee Biyyaalessaa Laayibeeriyaa leenjisuuf filatamte eenyu?

Inistiraaktar Salaam Zaraay

Madda suuraa, Inistiraaktar Salaam Zaraay

“Pirezidantiin itti-aantuu ergaa karaa Whatsapp naaf ergite. Ergaa isheen naaf ergite sana hojii kiyya xumuree yeroon ilaalu, 'garee biyyaalessaa Laayibeeriyaa leenjisuu barbaaddaa?' jedha. Jalqaba yeroon argu hin amannen ture.

'Yoo leenjisuu barbaadda ta’e bilbila kanaan nu dubbisi' jedha ergaan Whatsapp sun,” jechuun akkamitti akka ji'a afur dura Garee Biyyaalessaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Laayibeeriya akka leenjiftuuf affeeramte BBCf ibsiti Inistiraaktar Salaam Zaraay.

Dubartiin karaa Whataspp ergaa ergiteef kun Pirezidantii itti-aantuu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Laayibeeriyaati.

Isaan booda yeroo ishee mijatutti bilbiltee gaaffiifi deebii akka taasisaniif kan ibsitu Inistiraaktar Salaam, duraanuu sadarkaa kanarra gahuuf yaadaa akka turte dubbatti.

“Yeroo baayyee nan yaada; as nan gahan jedha. Ani hawwii kiyya daangessee hin beeku, garuu yeroo sanatti hawwiin kiyya natti akka dhiyaataa jiru natti dhaga’ame.

''Baay'iseen gammade,” jechuun yeroo itti-gaafatama kanaaf waamamtu kan itti dhaga'ame ibsiti.

Biyyoota gara garaa irraa namoota shan dorgomsiisanii akka ishee keessaa filatan kan dubbattu Salaam, adeemsa akkamiitiin akka ta’e odeeffannoo akka hin qabne himti.

Kanaan dura biyyoota biroo deemuun leenjisummaan kan hojjetan dhiirotadha.

Hanga ammaatti Itoophiyaarraa leenjisaa garee biyyaaleessaa kubbaa miilaa dhiirotaa biyya biraa kan leenjise Abrahaam Mabiraatuu ta’uu kan yaadattu leenjistuun kun, dubartootaan ammoo garee biyyaalessaa biyya biraaf yeroo jalqabaaf leenjistuu kan taate ishee akka ta’e ibsiti.

Abirahaam Mabiraatuu lammii Itoophiyaa garee biyyaalessaa Yamaniif leenjisaa ta'ee tajaajiledha.

“Miira lamatu natti dhaga’ame. Tokkoffaan dubartii ta’anii carraa kana argachuun mataan isaayyu kaka’umsa guddaa namatti uuma.

''Kan biraan ammoo leenjistoonni Itoophiyaa baay'ee komatamu waan ta’eef, ilaalcha kana kan jijjiirsisudha jedheen yaada.”

Inistiraaktar Salaam Zaraay kana dura garee Luusii Itoophiyaa leenjisteetti

Madda suuraa, Inistiraaktar Salaam Zaraay

Ibsa waa'ee suuraa, Inistiraaktar Salaam Zaraay kana dura garee Luusii Itoophiyaa leenjisteetti

Erga itti-gaafatamummaa kana fudhattee haala Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa dubartootaa Laayibeeriyaa qorachuu akka eegalte kan himtu Salaam, gareen kun waggoota sadan darbaniif dorgommii kamirrattiyyu hirmaatanii hin beekan jetti.

Haata’u malee, liigii mataa isaanii akka qaban hubachuu himti.

Fedhiin biyyattii waggoota sadan dhufan keessa garee dorgomaa ta’e tokko akkan isaaniif ijaarudha kan jettu leenjistuun kun, waan isheerraa eegamu kanas bahachuudhaaf qophaa’aa jiraachuu BBC'tti himte.

“Biyya biraa, dirree biraa waan ta’eef rakkoon na mudachuu danda’u ni jiraata.

''Kanarraa kan hafe waggoota 10 ol dirreerra waanan tureef, rakkoon dirree kubbaa miilaa keessatti nama mudatan natti ulfaatu jedhee hin yaadu.”

Kaffaltii isheef dhiyeessan ifatti himuu baattus, garuu kan ishee madaalu akka ta’e ibsiteetti.

Inistiraaktar Salaam Kilaba Qiddus Goorgis kan dhiirotaa keessa waggaa dheeraatiif leenjisummaan hojjechaa turteetti.

Inistiraaktar Salaam Zaraay

Madda suuraa, Inistiraaktar Salaam Zaraay

Garee biyyaalessaa Itoophiyaa (Luusii) walin ta’uunis biyyoota biroo waliin morkiirratti hirmaatteetti.

Akka inistiraaktariitti ammoo Sudaan Kibbaa deemtee koorsii kennaa turteetti.

Tooftaa taphaa maal jaallatti?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphachuun goolii lakkoofsisanii mo’achuudha waan ta’eef, akka leenjistuu tokkootti tooftaa isheen filattu kubbaa qabatanii, keessumaa kubbaa gaggabaabaa waliif dabarsuun daddafanii goolii lakkoofsisuun carraaquu filatti.

Kana jechuun, ittisa irratti qofa hundaa’uu caalaa, haleeluufi jifachuu filatti.

''Kilaban ijaaruu fedhus kanadha. Tooftaa kana qabadhee itti fufuudha.''

Inistiraaktar Salaam garee Biyyaalessaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itoophiyaa, Luusii waggaa dheeraaf leenjisaa turteetti.

Amma ammoo garee Biyyaalessaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Laayibeeriyaaf leenjistuu taate.

Garee biyyaalessaa Laayibeeriyaa qabattee osoo garee kee duraanii Luusii waliin dorgommiif walitti dhuftanii maaltu sitti dhaga’ama ykn maal goota jechuun gaaffii BBCn gaafate akkas jechuun deebiste.

''Dhugaa dubbachuuf osoo hin ta’u ta’ee natti tola. Haata’u malee, hojii kiyya akkan kabajuu qabu, atis kanuma akka narraa eegdu abdiin qaba.

''Waanan danda’u godheen garee biyyaalessaa Itoophiyaa mo’achuudhaafan yaala. Kun ammoo akkuma naamusa hojiitti wanta narraa eegamudhas,'' jette.

'Arsenaalan deeggara, Weengar naaf fakkeenya'

Inistiraaktar Salaam kilaboota Piriimer Liigii keessaa Arsenaaliin deeggarti, kilaba kana akkan deeggaru kan na taasise ammoo leenjisaa duraanii Arsenaal Arsen Weengeridha jetti.

Biyya keessaa ammoo Inistiraaktar Abirahaam, Inistiraaktar Wubatuu baay'ee akka dinqisiifattu kaasti.

Inistiraaktar Salaam Zaraay jiruu kubbaa miilaa kan jalqabde taphattuu taateeti. Umurii baayyee xiqqoo osoo jirtuu taphachuu eegalte.

Taphattuurraa gara leenjisuutti kan ishee fide ammoo carraa tokkotu uumame.

Leenjistoota kubbaa miilaa Itoophiyaa keessaa Salaam Inistiraaktar Abirahaam akka dinqisiifattu BBC'tti himte

Madda suuraa, INISTIRAAKTAR SALAAM ZARAAY

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjistoota kubbaa miilaa Itoophiyaa keessaa Salaam Inistiraaktar Abirahaam akka dinqisiifattu BBC'tti himte

Taphachuurraa gara leenjisuutti...

“Akka carraa ta’ee kilaba kubbaa miilaa dhiirotaa tokko leenjistoonni isaanii lamaanuu takkaama gadhisan.

''Isaan booda abbaa kilabicharraa waamichi naaf taasifame. Yeroo sanatti leenjistuu ta’uudhaaf umuriin kiyyas xiqqaa ture fedhiinis waan hin turreef dideen ture.

''Haata’u malee, irra deddeebiyanii bakka sana akkan gituuf milkeessuu akkan danda’u na gaafannaan itti seene,“ jechuun akkamiin akka leenjisummaa itti jalqabdes ibsiti.

Inistiraaktar Salaam kilaba Qiddus Goorgis keessa waggaa torba ol leenjisaa turteetti.

Qiddus Goorgis booda ammmoo leenjistuu itti-aantuu garee biyyaalessaa, leenjistuu garee warra umuriin waggaa 17 gadii, leenjistuu garee Olompikaa taateetti.

Dhuma irratti garee Biyyaalessaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itoophiyaa -Luusii leenjisuun biyyashee tajaajilaa turte.

Dabaluunis, CAF fi Federeeshinii Kubbaa Miilaatiin filatamtee Inistiraaktarummaatti guddachuun biyya keessaafi biyya alaatti leenjii kennaa jirti.

Bu’aa ba’ii hedduu keessa dabartee milkaa’ina kanarra ga’uusheetiif Inistraaktar Salaam namoonniifi dhaabbileen baay'een gahee keessaa qabaniif galanni maluuf jira jetti.

Keessumaa abbaan warraashee bakka kana akka geessuuf gahee olaanaa akka qabu kaasti.