Tigist Aseffaa rikardii cabsuun maraatoonii Berlin mo'atte, Eliyuud Kipchoogeen rikardii haaraa galmeesse

Madda suuraa, Getty Images
Eliyuud Kipchoogeen fiigicha maraatoonii Jarman magaalaa Berilinitti dorgomeen rikardii dhuunfaa isaa cabsuun tokkoffaan xumure.
Fiigicha kana irratti atileetiin Itoophiyaa Guyyee Adoolaa morkii cimaa godha jedhamee eegamee ture hin milkaahiin hafe.
Dubartootaan sa'a seenaa maraatoonii keessatti saffisa sadaffaa qabu galmeessuun kan mo'atte atileetii Itoophiyaa Tigisti Asaffaati.
Rikardii Maraatoonii kan of harkaa qabu Kipchoogeen fiigicha kana sa'a 2:01:09 galuun xumure.
Atileetiin Itoophiyaa Taadduu Abbaakee sadarkaa sadaffaan yoo xumuru atileetiin Keeniyaa biraan Maarki Koorir ammo Kipchoogeetti aanuun sadarkaa lammaffaan xumure.
Maarki Koorir sa’a 2:05:58 yoo xumuru Taadduun ammoo 2:06:28 xumure.
Dubartootaan ammoo atileetiin Itoophiyaa Tigist Aseffaa sa’a 2:15:37 xumuruun tokkoffaa bahuun xumurte.
Atileetiin Keeniyaa Roosimeerii Waanjiruu 2:18:03 galuun lammaffaan xumurte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tigist Abaayachew sadarkaa sadaffaan yoo xumurtu Warqinesh Iddeesaa sadarkaa arfaffaan xumurte.
Kipchoogeen seenaa keessatti atileetii shanaffaa rikardii mataa isaa cabsu tahuun galmaa’e.
Kana dura atileetii Biriiten Jiim Piitersi, atileetii Awustiraaliyaa Deerek Kilaaytan, dhalataa Morookoo fi lammii US, Kaalid Kaanoochii fi atileetiin Itoophiyaa Haayile Gabresillaaseen rikardii dhuunfaa isaanii cabsuun warra seenaa galmeessanidha.
'‘Rikardii adunyaa Berlinitti cabsuukoof baay’ee gammadeera. Marsaa jalqabaatti saffisa guddaan bahuufan karoorse,’’ jedhe Kipchoogeen.
tti aanee nama shanaffaa tahe.
Erga bara 2015 as Berlinitti injifannoo arfaffaa galmeessuu isaati.
'‘Ammayyuu dargaggummaan natti dhagahamaa jira, ogummaan yaaduu fi qaamnikoo ammayyuu shaakala hojjechuu barbaada.’’
Fiigichichi yeroo kiilometirri shan hafuyyuu adda citeera.
Kipchoogee fi shaampiyoonaan kana duraa atileetii Itoophiyaa tahe Guyyee Adoolaa, Andamlaak Belihuu waliin tahuun morkataa turan.
Fiigichi kun saffisa guddaa qaba ture. Guyyee Adoolaa gara boodaatti hafuun Andamlaak Belihuu itti fufe. Kun Kipchoogeen akka saffisu gargaareera.
Andamlaak Belihuu sadarkaa arfaffaan yoo xumuru Limenii Getaachoo sadarkaa jahaffaan xumure.
Guyyee Adoolaa kana dura shaampiyoonaa tahuun beekamus amma milkaa'uu hin dandeenye.
Maraatooniin Berlin erga 1974 as wagga waggaan kan gaggeeffamu yoo tahu atileetotni jajjaboon morkii kan irratti taasisanidha.

Madda suuraa, AFP














