Eliwuud Kipchoogeefi Guyyee Adoolaan irra-deebiin Barliinitti wal-argan

Eliwuud Kipchoogee fi Guyyee Adoolaa

Madda suuraa, Getty Images/Reuters

Maaraatoonin Barliin baranaa Gaafa Dilbataa gaggeeffamuurratti fageenyichaan abbaan rikardii addunyaa Eliwuud Kipchogeefi Guyyee Adoolaa morkii cimaa taasisu jedhamee eegama.

Kipchogeen turtii BBC waliin taasiseen kaayyoon isaa riikardii haaraa galmeessuu miti jechuun dubbate.

Olompikii gubbaa maaraatooniin si'a lama shaampiyoonaa kan ta'e atileetiin kuni Dilbata si'a jahaffaaf Barliinitti fiiguf deema.

Atileetiin ganna 37 kuni waggaa afur dura magaalaa guddoo Jarmanitti 2:01:39 fiiguun riikardii addunyaa galmeesse.

Eegasii garuu Barliinitti dorgomee hin beeku. Eegasiis riikardii isaa kana kan itti bu'e hin jiru.

Atileetiin Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaan garuu bara 2019 yeroo Maaraatoonii Barlin injifate sakandii 2'f jedhee riikordii addunyaa cabduu hanqate.

Barana yoo fiigu riikardii cabsuuf yaada qabdaa jedhee kan gaafatame Kipchogeen kana deebise:

''Yeroo hundaa fiigicha gaarii fiigudha malee riikardii addunyaa nan fiiga jedhee hin dubbadhu.''

Haa ta'u malee, Barliin ''bakka gaariidha'' jechuun bakkatti riikardiin cabuu malu akka ta'es hime.

Kipchogeen baatii jaha dura yeroo saffisaa afraffaa waggaa kanaa maaraatoonii Tookiyoo injifachuun galmesseera.

Guyyeefi Kipchogee

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetonni lamaan yeroo jalqabaaf kan wal argan waggoota shan dura maaraatoonii Barlin bara 2017 irratti ture.

Namni tokkollee yeroos maqaa Guyyee hin kaasne ture. Boodarra garuu osoo homtuu hin yaadiin gurra guddaa horate.

Kunis, maaraatoonii yeroo jalqabaaf fiigee yeroo saffisaa kana dura hin turre galmeessuu isaati. Lammaffaa bahuunis xumure.

Eegasii Guyyeen dorgommii Kipchogeen hin dorgomnetti atileetii Keeniyaa Bethwel Yegon fi Qananiisaa Baqqalaa of duuba aansuun maaraatoonii Barliin bara 2021 injifate.

Yeroon itti xumurees 2:05:45 dha.

Yeroos dorgommicha injifachuuf qophii gochaa turuu kan hime atileetiin si'a lama Maaraatoonii Barliin injifate Qananiisaan, sadaffaan xumure.

Haa ta'u malee, ga'umsi Guyyee walitti fufee hin mul'anne jechuun himu xiinxaltoonni atileetiksii.

Guyyeen waggaa darbe maaraatoonii afraffaa isaa erga Barliinitti dorgomee injifatee booda maaraatoonii biraa hin fiigne.

Akkasuu ta'e garuu atileetiin Kipchogee morkachuu danda'u Guyyeedha jedha gaazexeessaan beekamaa atileetiksii Jonathan Gault.

Yeroon Guyyeen maaraatoonii yeroo jalqabaaf bara 2017 Barliinitti fiige galmeesse riikardii addunyaa irraa sakandii 49 qofaan duubatti hafa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroon Guyyeen maaraatoonii yeroo jalqabaaf bara 2017 Barliinitti fiige galmeesse riikardii addunyaa irraa sakandii 49 qofaan duubatti hafa.

Waa'ee morkattoota kaani kan gaafatame Kipchogeen ''Dorgomtoota hunda nan kabaja - garuu ani filamaa akka ta'ettin of ilaala,'' jechuun hime.

''Sirriittan leenji'e. Wanti hin eegamne mudachuu danda'a garuu ani leenjii kiyyatti nan amana.''

Atileetota kanaan alatti atileetiin Keeniyaa waggaa darbe lammaffaa bahe Bethwel Yegon, kanneen barana eegaman keessaati.

Bara 2015 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaatti maaraatooniin kan injifate atileetiin Ertiraa Girmaay G/Sillaasees maaraatoonii Barliin irratti ni dorgoma.

Girmaay bara 2016 maaraatoonii Niiw Yoork erga injifate booda maaraatoonii afur dorgome keessaa sadii adda kutee baheera.

 Kipchoogeen seenaa Haayilee aggaammate

Atileetiin Itoophiyaa Haayilee G/Sillaasee maaraatoonii Barliin si'a afur injifachuun seenaa dalageera. Kunis bara 2006 - 2009'tti dha.

Kunneenis Kipchoogee dura kan galmaa'anidha.

Kipchogeen bara 2013 yeroo jalqabaaf erga Maaraatoonii Barliin hirmaate booda bara 2015, 2017 akkasumas 2018 injifate.

''Barliin maaraatoonii yeroon saffisaa itti galmaa'udha,'' jechuun ibsa Kipchoogen.

Kipchogeen maaraatoonii 16 fiige keessaa 14 injifateera. Ammammoo karoora biraa qaba.

Maaraatoonii Barliin si'a afraffaaf injifachuuf yaada qaba.

Kipchogeen Barliinitti yoo injifate seenaa atileetii Itoophiyaa Haayilee G/Sillaase qooddata.

''Maaraatooniin dorgommii yeroo dheeraa fudhatudha. Sammuunkee yeroo dheeraaf fiiguuf yoo qophii miti ta'e, taaktikiin (tooftaan) kee hin dalagu,'' jechuun dubbata.