Barsiisaan duraanii atileetota jajjaboo horan, Gammadoo Daddafoo eenyu?

Madda suuraa, Gemedo Dedefo
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Atileetota Itoophiyaa keessumaa maaraatooniidhaan booda kana mirga argataa, maqaa horataa jiran duuba leenjisoota muraasa maqaan isaanii dhahamu keessaa ijoodha.
Waltajjiiwwan idil-addunyaarratti atileetonni isaan leenjisan rikordii cabsaa, alaabaa biyyaas mirmirsaa ummata jaalala atileetiksii qabuu dheebuu baasaa jiru.
Bara fageenya 5000m fi 10,000m’n warqiin irra deddeebiin dhibe atileetonni isaan leenjisan atileetota Keeniyaa mufachiisaa warqii kudhaammataa jiru.
Atileetonni isaan leenjisan maaraatonii bebbeekamoofi shaampiyoonaa addunyaarra injifachuurra darbanii barana Olompikiirratti injifataniiru.
Ammoo booda kana ‘hanga dhamaane beekamtii hin arganne’ jechuun dubbii himaa leenjistootaa ta’uun falmii kaasaa jiru.
Leenjisaan akuni Gammadoo Daddafoodha. Hiree jireenyaatu leenjisummaatti isaan fide malee hojiin isaan jaalatan kan biraa ture.
Leenjisaan dhiibamaa jira, gatii dadhabbii isaa argataa hin jiru jechuun hanga pirezidantii Itoophiyaa harkaa badhaasa diduutti kan gahan leenjisaan kuni eenyu?
'Ati atileetii hin turre'
Gammadoon akka namoota kaanii Tv gubbaa daawwachuu yoo ta’e malee dorgomaa ta’anii hin beekan yookiin fiiganii keessa hin dabarre.
''Ani atileetii hin turre. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti ispoortiifi baayolojii, kemistirii fa’i barsiisaan ture. Naannoo Holataan ture.''
''Akka carraa ta’ee haati warraa kiyya ni fiigdi turte. Leeyilaa Amaan jedhamti. Ilmi adaadaa kiyya Haji Adiloos atileetota maneeji gochuu keessatti hojjeta ture. Ani atileetii maaneji gochuurraan eegale,'' jedhan akkaataa atileetiksii seenan yoo BBC’tti dubbatan.
Eegasii booda garuu barumsas baratan, of guddisanis.
''Barnoota saayinsii ispoortii hanga digiriitti baradheera. Maastarsii isaas eegalee hanqina yerootu na qabe.''
''Atileetota baay’ee maaraatooniidhaan, 5000m, fi 10,000m dorgoman waggaa dheeraaf maanej gochaan dabarse,'' jedhan.
Erga atileetiksii keessa seenanii umrii dargaggeessa tokko, waggaa 18, darbeera.
Barsiisummaa baay’ee jaalatanis, atileetiksiin garuu isaan haambifate.
'Atileetota baay’ee horeera'
Leenjisaan kuni yeroo ammaa sadarkaa addunyaatti atileetota ‘naaf milkaa’an’ jedhan danuu qabu.
Milkaa’inni isaanii waggoota kudhan dura eegale. Booda kanammoo tekinolojiin, keessumaa kopheen, itti dabaalamee milkii isaanii guddiseera.
Amaanee Bariisoon fakkeenyaaf Shaampiyoonaa Addunyaa Budaapestitti warqii injifatte.
Tigist Asaffaa immoo osoo lammata hin fiigdu jedhamtuu leenjii isaanii jalatti ittuu riikardii addunyaa cabsite.
Isaan alatti atileetiin naaf milkaa’e jettan eenyudha?
''Taammiraat Tolaa, Sisaay Lammaa, Yoomif Qajeelchaa, atileetii baay’eedha.''
Taammiraat immoo Shaampiyoonaa Addunyaa Yuujinitti riikardii shaampiyoonichaa cabsuun mo’ate.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baranammoo isa caalu, Olompikii Paarisitti rikardii Olompikiis cabsee shaampiyoonaa Olompikii ta’eera.
''Akka maanajaraatittis, akka leenjisaattis nan hojjedha. Manajimantii keenya keessa atileetota baay’etu jira. Xilaahunis,’’ jechuun dubbatu.
Kanaan ala Maaraatoonii Duubay si’a lama kan injifate Lammii Birhaanu, barana maaraatoonii Vaalensiyaafi Boostan kan injifate Sisaay Lammaas isaan jalatti leenji’a.
Sisaay yeroon itti Vaalensiyaatti injifate, 2:01:48, atileetii yeroo saffisaa addunyaa isa 4ffaa galmeesse taasiseera.
Barana Olompikii Paarisiif filatamuu baatus Taammiraat Tolaa akka dorgomu carraa kennuun guddoo jajame.
Atileet Guyyee Adoolaa, Hirphaasaa Nagaasaa, Taaddasa Takkala fi kaanis jiru.
''Kana durammoo Tirfii Tsaggaaye, Assalafach Margaa addunyaarratti baay’ee beekaman ana jalatti leenji’aa turan.
''Atileetota baay’ee horeera jedhee osoon dubbachuu baadhes yaalera jechuu nan danda’a,'' jechuun deebisan.
Assalafach waggoota kudhan dura irra deddeebiin maaraatoonii Dubaay mo’achuun beekamti.
Icciitiin kanaa maali? ''Hojii keetiif iddoo kennuudha,'' jedhu. ''Leenjii cimaa hojjenna.''
Olompikii Paaris irratti atileetonni isaan leenjisan, Taammiraatiifi Tigist warqiifi meetii injifataniiru.
Kunis, medaaliyaa Itoophiyaan argatte afur keessaa walakkaa jechuudha.
'Biyyaa badaa jiru'
Leenjisaa Gammadoon booda kana keessumaa leenjistonni ‘dhiibamaa jiru’ jechuun falmaa jiru.
Olompikii Paarisiitii akkuma deebi’aniin wantoota ijoo dubbii isaan taasises tokko kanadha.
''Amma ijoollee baay’eetu bade. Baruma kana keessa. Awustiraaliyaatti qofa leenjisaa shanitu bade. Kuni hundi kan dhalate dhiibbaa kanarraati.''
''Gatiin leenjistootaaf kennamu xiqqaachuu,'' jechuun BBC’tti himan.
Olompikii Paarisitti warqii kan mo’ate birrii miiliyoona torbaafi warqiin nishaanii badhaafameera.
Isaaniif birriin miiliyoona lama kennamuus ''dhamaatii keenya hin madaalu'' jechuun Pirezidant Saahilawarq Zawudee harkaa fudhachuu didan.
''Anaaf miiliyoonni lama hamma arrabsoo waan ta’ef yoo isin mufachiisuu baadhe badhaasakoo kana deebisuu nan barbaada,'' jechuun deebisan.
Rakkoon kuni hidda jabeeffachuufi waltajjii Masaraaa Biyyaalessaatti qophaa’erratti dubbachuuf isaan dirqes akka ta’e himan.
''Garuu nuti yeroo baay’ee [iyyannee] iddoo waan dhabneef har’a haala kanaan dubbachuu dandeenye.''

Madda suuraa, Getty Images
Sababa kanaan birrii caalsifachuun kanneen isaan qeeqan jiru.
Isaan garuu ''takkaahuu biyyakoorraa maallaqa dursee hin beeku,'' jechuun miidiyaa biyyaalessaatti dubbatan.
''Biyyi koo sakandii tokkoof miindaa naa kaffaltee hin beektu'' jechuunis dubbii masaraa biyyaalessaatti taasisaniin gaabbuun dhiifama gaafataniiru.
Galma guddaa
Milkaa’ina guddaa leenjisaa Gammadoo keessaa tokko atileetiin isaan leenjisan, Tigist Asaffaa, riikardii maaraatoonii addunyaa cabsuu isheeti.
Tigist Asaffaa Maaraatoonii Barliinitti 2:11:53 seenuun riikardii Addunyaa cabsite.
Yeroon itti xumurte kan waggaa dura achuma Barliinitti galmeessite daqiiqaa 3:44'n fooyyessite.
Tigist atileetii ishee duuba jirtu daqiiqaa torbaan caaltee xumurte. Garaagartee guddaadha.
Waggaa afur dura atileetiin Keeniyaa Biriijig Kosgeen Chikaagootti 2:14:04 seenuun riikardii waggoota 16 ture erga cabsitee riikardiin kuni harkumashee ture.
Tigist riikardii kana daqiiqaa lamaa oliin fooyyessitee maqaa isheetti galmeessite.
Leenjisaan kunis ta’e Tigist wanti yaadan tokko ammas jira. Kunis, dubartoonni maaraatoonii sa’aatii 2:10 gadi akka xumuran gochuudha.
''Kana duras baay’ee waan hin mijanneef, dubartootarratti dhiibbaan waan jiruuf malee haalli yoo mijateef dubartoonni cimoodha, cichoomina qabu.''
Ga’umsi dubartoonni maaraatoonii 2:10 gadi xumuruu ''olaanaadha'' jechuun himu.
Yoo milkeessan raajii guddaatu ta’uf deema.












