'Osoo Siifan na dhiibuu baattee warqiin Olompikii kiyya ture' - Tigist

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Dorgommii atileetiksii xumuraa Olompikii Paaris irratti ''osoo Siifan na dhiibuu baattee warqiin kiyya ture,'' jechuun atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa komatte.
Atileet Siifan Hasan xumura irratti saffisa dabaluun dorgommii maaraatoonii morkiin itti cime sa'aatii 2:22:55 rikardii Olompikii cabseen injifatte.
Atileetiin Itoophiyaa fageenyichaan abbaa rikardii addunyaa taate, Tigist Asaffaa, sakandii sadiin duubatti haftee sa'aatii 2:22:58'n lammaffaan xumurte.
Dorgommiin xumuramuuf 150m yeroo hafu Tigistiifi Siifan dursanii galuuf osoo jedhanii ciqileen walitti bu'aniiru.
Eegasii booda gareen Itoophiyaa Siifan akka Tigist hin dabarre danqiteetti jechuun qabxiin ishee akka hin qabamne iyyatuun isaa gabaafameera.
Haa ta’u malee, abbootiin iyyannoo hordofan iyyata dhihaate hin fudhanne, medaaliyaan warqii Siifanif murtaa’eera.
Meetiin Tigist mo'atte Sambata Taammiraat Tolaa waan shaampiyoonaa tureef maaraatooniin medaaliyaa lammaffaadha.
Waliigalammoo medaaliyaa afraffaa Itoophiyaaf Olompikii Paarisitti galmaa'edha.
Gama kaaniin, Siifan Olompikii Paaris baranaa irrattis nahaasa lama qabdutti maaraatooniin warqii dabalachuun seenaa haaraa galmeessiteetti.
Yeroon Siifanis ta'e Tigist dorgommii itti xumuran riikardii Olompikii atileetiin Itoophiyaa Tikkii Galaanaa Olompikii Landanitti itti xumurte, 2:23:07, cabseera.
Yeroo dheeraf tuuta dursaa ture keessa kan turte atileetiin Keeniyaa fageenya 5000m'n shaampiyoonaa addunyaa si'a lamaa taate, Heelan Obirii, sadaffaa baate.
Atileetiin Keeniyaa biroo Shaaron Lokeedi 4ffaa, kanneen dursa turan keessa kan turte Shaampiyoonaan Addunyaa Amaanee Bariisoo 5ffaan xumurteetti.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Magartuu Alamuu garuu dorgommicha hin xumurre.
'Silaa warqiin kiyya ture'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Olompikii Riyootii eegalee kan wal beekan Siifaniifi Tigist dorgommii kana injifachuuf xumurarratti morkii jabaa taasisan.
Keessumaa maqarra yeroo gahan ciqileen walitti bu'an. Tigist fuulduraan, Siifan duubarra turte.
Tigist yeroo dhiibamtu mirgatti darbatamte. Ammoo deebitee fiigicha itti fufte.
Ta’us Siifan fuulduratti humna dabalachuun qajeeltee injifatteetti dhaqqabuu hin dandeenye.
Eegasii Atileet Tigist Asaffaa komii ishee ibsa miidiyaaleef kennameerratti dubbatte.
‘’Yeroo sanatti waan kuni akka mudatuf deemu hin beekun ture. Tarii yeroo sanatti osoo na hin dhiibne ta’e warqiin kiyya ture,’’ jechuun dubbachuu AP’n gabaaseera.
‘’Waan fedhes ta’u, isheen medaaliyaa warqee argachuusheetti gammadeeraaf’’ jechuunis Tigist dubbatte.
Tigist ibsa miidiyaaleef kenname kanarratti mormii kana kan dhiheesse ishee yookiin garee Itoophiyaa ta'uu adda baastee hin dubbanne.
Dabaluunis, ‘’Waan biraa jechuu hin danda’u, garuu isheen atileetii cimtuudha.’’

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa miidiyaaleef kenname kanarratti atileet Siifan Hasan hin argamne.
Itoophiyaan yeroo xumuraaf maaraatoonii Olompikiirratti warqii kan gonfatte waggoota 12 dura Olompikii Landan irrattidha.
Yeroo jalqabaaf immoo kan injifatte Atileet Faaxumaa Roobaatiini. Faaxumaan Olompikiirratti dorgommii maraatoonii injifachuun dubartii Afriikaa jalqabaatis.
Barana Maaraatoonii Barliin Riikardii Addunyaa cabsuun kan mo'atte Tigist inni baranaa isheef Olompikii lammataati.
Waggoota saddeet dura Olompikii Riyoorratti 800m'n osoo dhukkubsattuu hirmaattee turte.
'Amanuun nama rakkisa'
Atileet Siifan Hasan medaaliyaan warqii Olompikiin mo'atte Olompikii Paaris baranaan medaaliyaa sadaffaa gonfattedha.
Fageenya 5000m fi 10,000m kan atileetiin Keeniyaa Chibeet mo'atteefi Itoophiyaan homaa hin arganneerratti nahaasa lama mo'achuun ni yaadatama.
‘’Amanuun nama rakkisa. Waan akkanaa argee hin beeku. Maaraatooniin kana dura fiige hammana walitti dhihaate xumuree hin beeku,‘‘ jechuun Siifan dorgommii booda dubbatte.
‘‘Fageenya 20km irratti ga‘umsa gaariirra yeroon of arge, warqii akkan barbaadu hubadhe. Garuu hundi isaanii laafoo hin turre. ‘Yoom addaan fo‘amu? Morkachuuf jedhu,’’ jedheen yaade jette.

Madda suuraa, Getty Images
Atileetonni shan yeroo dheeraaf fiigicha kana erga dursaa turan booda xumurarratti adda faca’u eegalan. Hanga meetirri muraasa hafutti garuu Tigist Asaffaafi Sifan adda hin baane.
‘’Xumurarratti, kuni xumura 100m ta’uf deema,’’ jedheen saffisa dabaleen injifadhe jette Siifan.
‘’Yeroon xumuru gammachuukoo obsuu hin dandeenye. Mataan lafaan naan mare. Gadiin ciise. Achii, ani shaampiyoonaa Olompikiiti‘ jedheen yaade,‘‘ jechuun dubbatte.
Medaaliyaa Itoophiyaa xumuraa
Itoophiyaaf dorgommii xumuraa Olompikii Paaris kan ture maaraatooniin dubartootaan kan medaaliyaa meetii tokko itti argatte ta'eera.
Akkaatuma kanaan Itoophiyaan Olompikii Paaris warqii tokkoofi meetii sadiin xumuruu dandesseetti.
Qabxiin Itoophiyaa Olompikiirratti galmeessitu keessumaa waggoota 12’n darban gaduma xiqqaataa adeemee.
Fakkeenyaaf Olompikii Landan bara 2012'tti irratti Masarat 5000m’n, Xurunash 10,000m'n, Tikkii Galaanaa maaraatooniin warqii injifatanii turan.
Meetiin lamaafi nahaasni sadiis achuma Landanitti galmaa’eera.
Olompikii Riyoo bara 2016 dorgomameen immoo Almaaz Ayyaanaan 10,000m warqii tokkicha gonfatte. Meetii lamaafi nahaasi shanis argameera.
Olompikii Tookiyoo 2020’n immoo Solomoon Baaraggaan 10,000’n warqii takkattii biyyattiif argamsiise. Meetii tokkoofi nahaasni lamas galmaa’e.
Olompikii Paaris baranaan maaraatoonii har'aan ala Itoophiyaan 10,000m dhiirotaan akkasumas 800m dubartootaan medaaliyaa meetii argatteetti.
Warqii tokkicha maaraatoonii dhiiraan Taammiraat Tolaan rikardii Olompikii cabsuun mo'achuun isaa ni yaadatama.
'Obsa qabdi'
Leenjisaan ishee Gammadoo Dadddafoo Tigist akkuma maqaa ishee obsa qabdi jedha. Waggoota muraasa dura garuu kana fagootti tilmaamuun ni ulfaata ture.
Fiigicha akka atileetota baay’ee mana barnootaatti jalqabde. Osoo hin turiin Kilabii Poolisii Oromiyaa seente.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaarratti milkooftee garee biyyaalessaatti makamte.
Dorgommii jalqabaa ishees Shaampiyoonaa Afrikaa Sudaan qophaa'erratti 400m'n hirmaatte.
Olompikii Riyoo bara 2016 irrattis 800m’n biyya bakka buute. Garuu osoo dhukkubsattuuti. Miidhamni ishee garuu biraa hafuu dide.
Kanaaf Olompika booda wal'aansa argachuuf gara manneen yaalaa goruu jalqabde.
Miidhami miila isheetii takka ni fayya, turee itti ka’a. Tarii yoo itti wayyaa’e jedhanii ogeeyyiin fiigicha fageenya dheeraa akka fiigdu gorsan.

Madda suuraa, Getty Images
Miidhami takkaatti fageenya gabaabaarraa fageenya dheeraatti ishee geesse. Bara 2018 booda gara fiigicha daandiirraa fiiguu jalqabde.
Bara 2019 maaraatoonii walakkaa Vaalenshiyaa ishee ergine jedhu leenjisaan ishee Gammadoo Daddafoo.
''Achumatti jimmaatiin [ribuun] luka ishee cite jedhani. Lafa ejjettee hin dandeessu.'
Dandeetti addaa Tigist
‘’Saffisni qabdu baay’ee guddaadha yeroo atileetota kaan waliin walbira qabnu. Qaamni isiillee fiigichaaf kan uumame jechuun danda’ama.’’
Dabaluunis, ‘’Nama kan kabajjudha, waan jedhamte dalagdi waan hundumaafuu Tigist waliin dalaguun nama gammachiisa,’’ jechuun ishee ibsu.
Leenjisaan ishee Gammadoon rikardii maaraatoonii 2:10 gadi seenuun ni danda'ama jechuun amanu.
‘’Yeroo gabaabaa ta’u danda’a, dheeratti ta’u danda’a. Garuu yaalun keenya hin oolu,’’ jechuun BBC’tti himanii turan.
Atileet Tigist Asaffaa Maaraatoonii Barlin 2:11:53 seenuun rikardii addunyaa cabsuun ishee ni yaadatama.
Eegasii Maaraatoonii Landan irratti barana hirmaattee lammaffaan xumurte. Garuu, 2:10 seenuun ni danda'ama kan jedhu Tigistiis itti amanti.
Atileetonni fiigicha yeroo gabaabaatti akka xumuran wanti isaan godhu maali? ‘’Yoo hojjetan wanti hin danda’amne hinjiru.‘‘
‘’Kana duras baay’ee waan hin mijanneef, dubartootarratti dhiibbaan waan jiruuf malee haalli yoo mijateef dubartoonni cimoodha, cichoomina qabu.’’
Ga’umsi dubartoonni maaraatoonii 2:10 gadi xumuruu ‘’olaanaadha’’ jechuun himu.












