Injifannoo Taammiraat Tolaa MM Abiy Ahimed dabalatee kaan akkamiin ibsan?

Madda suuraa, Waajjira MM/FB Kantiibaa/Getty Images
Itoophiyaan wal tajjii Olompikii waggoota dheeraaf maqaan ishee irratti beekamu irratti barana osoo hin milkaa'iin turtee har'a warqee jalqabaa maraatooniidhaan argatte.
Maqaa Itoophiyaa Olompikii Paaris 2024 irratti warqeedhaan kan waamsise ammoo Taammiraat Tolaati.
Injifannoo kana hordofee pirezidaantii Itoophiyaa Aadde Saahilewarq Zawudee, MM Abiy Ahimed, Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebee, akkasumas Pirezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gammachuu isaanii ibsaniiru.
Pirezidaant Saahilewarq Taammiraatiif bilbiluun ''Tammiraat baga gammadde. Maqaa uummata Itoophiyaa hundaan baga gammadden siin jedha. Baay’ee dhiphannee ture qabxii waan dhabneef.
''Waan dadhabdeyyuu hin fakkaattu. Warqee, ulfina fi gammachuu nuuf fidde. Yeroo dhuftu asittin si eega. Paaris keessa bashannani,‘‘ jedhan.
Haasaan bilbilaa pirezidaanti Saahilewarqiifi Taammiraat Tolaa kun fuula Waajjira pirezidaantii irratti maxxaneera.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed Olompikii Paariis 2024 irratti Atileetiin keenya gootichi Taammiraat Tolaa dorgommii maaraatooniitiin injifatee warqee argachuudhaan alaabaa keenya ammas olkaasee mul'iseera,'' jecuun fuula Feesbuukii isaanii irratti maxxansan.
''Baga Gammadne'' jechuun uummata biyya isaaniif ergaa dabarsaniiru. Maxxansi MM Abiy kun namoota kuma 70,000 oliin jaalatame.
Kumaatamni gammachuu isaanii maxxansa kana jalatti qoodaa turaniiru.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ''injifannoo rikoordii haaraan dabaalame!'' jechuun ibsan.
''Gooticha ilma keenya atileet Taammiraat Tolaatiin,'' jechuun atileetii kana ''galatoomi'' jedhan Aadde Adaanech.
Uummata dorgommii atileetiksiitiin warqee bare dheebuu kan baase, deebii hawwii ta'ee fi akkasumas aarii fi mufannaa kan qabbaneesse injifannoo guddaa rikoordii haaraan dabaalame gooticha ilma keenya atileet Taammiraat Tolaatiin arganne'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbiin Aadde Adaanech kun Itoophiyaan Olompikii Paaris irratti qabxii eegde dhabuu hordofee mufannaa tibbana uummanni biyyattii miidiyaa hawwaasaa irratti ibsachaa ture kan deeggarudha.
"Taphoota Olompikii Paaris 2024, biyya Faransaayitti gaggeefamaa jiruun, dorgommii fiigicha Maraatoonitiin Atileet Taamiraat Tolaa, sadarkaa 1ffaa bahuu qofa osoo hintaane rikardii Olompikii haara galmeessisuun alaabaa biyya keenya Itiyoophiyaa addababayii adunyaatti kabajaan mirmirsuu isaatti gammachuu guddaa natti dhagahame ibsuun barbaada," jedhan Obbo Shimallis Abdiisaa.
Cichoomina, kutannoofi jabinaan hojjechuun isaa, ummata naannoo akkasumas ummatoota biyya keenyaa maratti kabaja horeera. Atileet Tamiraat Tolaa, ummata naannoo akkasumas ummatoota Itiyoophiyaa maraan baga gammaddan! Baga gammadde! Baga milkoofne! Baga milkoofte! jechuun barbaada.
Pirezidant Shimallis itti dabaluun, injifannoon Tamiraat, milkaa’ina dhuunfaa qofa miti; Dargaggoota naannoo akkasumas biyya keenyaa maratti, cichoominaafi fedhii guutuun yooqabame, wanti hinmilkoofne akka hinjirre agarsiisuun kaka’umsa kan umudha jedhan.
Uummanni biyyattii bulchiinsa Koree Olompikii irraa akka mufii qabuu fi diigamuu akka qabu miiidiyaaleen gabaasaa turan.
Pirezidantii Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir hoggansa isaanii irraa akka ka'an kan gaafatanis hedduudha.
Gamtaan Afrikaa ''Taammiraat Tolaa seenaa hojjete jedhe. Itoophiyaaf warqee Olompikii Paaris jalqabaa fi rikardii Olompikii haaraa galmeesse. Erga Sidinii bara 2000 as kun warqee Olompikii jalqabaa Itoophiyaan dhiiraan argattedha,'' jechuun maxxanse.
Xiinxalaan siyaasaa fi aktivistii beekamaan Itoophiyaa Jawaar Mahaammad paaristti argamuun deeggarsa yeroo godhu kan agarsiisu suuraa Feesbuukii isaa irratti maxxanseera.
''Yeroo akkaan nu barbaachisetti haamilee nutti horte'' jechuun kan barreesse Jawaar ''Kormicha ilma Tolaa !!'' jechuun isa jajeera.
Injifannoo hara Paarisiitti Taammiraat Tolaa argate waan lamaaf isaaf adda taati.
Kan jalqabaa eeggataa tahee turee waayilli isaa Siisay lammaa miidhamnaan bakka bu'ee injifachuu isaati.
Kan lammataa ammoo injifannoo kana waggaa 24 booda Itoophiyaaf deebisuu qofa osoo hin taane rikardii haaraa Olompikii galmeessuu isaati.
Bakka Eliyuud Kipchoogee fi Qananiisaa Baqqalaa fa'aa jiranitti injifannoo akaksii argachuun ammoo isaaf miira addaa qabaata.
Atileetonni Itoophiyaa Olompikii irratti warqee dachaan beekamu malee Itoophiyaan warqee tokko argachuun hin beekamtu.
Barana garuu qabxiin argame quubsaa hin fakkaatu.












