Atileetonni Itoophiyaa Olompikii Paaris 10,000m irratti maal dogongoran?

Atileet Barrihuu, Cheptegeefi Fiishar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii 10,000m dirree Istaad di Firaans [isteediyeemii Faransaay] daawwattoota 70,000 fuuldura dorgomame saffisa jabaa kan qabu ture
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Atileet Barrihuu Aragaawwii Olompikii Paaris irratti fiigicha 10,000m’n lammaffaan xumuruun Olompikii baranaan Itoophiyaaf medaaliyaa jalqabaa galmeesseera.

Haa ta’u malee, medaaliyaa warqii eegamaa ture akka gareetti fiduu dhabuu isaanitti baay’ee gadduu dubbate.

Dorgommii saffisa jabaa qabu kanarratti fageenyichaan abbaa riikardii addunyaa kan ta’ee atileetiin Ugaandaa, Jooshuwaa Chepteegee, injifachuun waan bara dheeraaf abjote dhugeeffate.

Chepteegeen atileetoota Itoophiyaa sadii gareen sosso’aa turan caaluuni 26:43:14’n seenee. Riikardii Olompikii atileetiin Itoophiyaa jabaa, Qananiisaa Baqqalaa, bara 2008 galmeesses cabseera.

Atileetonni Itoophiyaa dabaree dabareen dursaa, wal jalaa fuudhanii ho’isaa morkii cimaa taasisanis tuuta keessaa cabsanii bahuun warqii milkeessuu hin dandeenye.

Atileetiin Ameerikaa eegamee ture, Giraant Fiishar, isa baranaan sadaffaa bahuun medaaliyaa argate.

Kuni erga waggoota 12 dura Gaalan Ruupp medaaliyaa argate booda atileetii Ameerikaa biraa atileetota Baha Afrikaa waliin medaaliyaa qooddatedha.

Barana yeroo saffisaa addunyaa kan galmeesseefi dorgommicha yeroo dheeraaf dursaa kan ture Yoomif Qajeelchaa jahaffaa bahe.

Fageenya kanaan shaampiyoonaa Olompikii Tookiyoo kan ture Solomoon Baaraggaa immoo 7ffaan xumure.

Fiigichi saffisa kan qabu ta’u isaaf ragaan biraa atileetonni hanga 13ffaatti xumuran riikardii Olompikii Qananiisaan Beejingitti galmeesse, 27:07:17, cabsuu isaaniiti.

Inumaa atileetonni sadii yeroon itti seenan riikardii biyyaalessaa ta’e galmaa’ef.

'Baay'een gadde'

Dorgommii kanarratti garee Itoophiyaa guddoo dhamahe kan salphina oolche Barrihuudha.

Xumuruuf fageenyi 120m yeroo hafu sadarkaa 7ffaarra kan ture Barrihuun saffisa olaanaan fiiguuni lammaffaa kan bahe.

Gareen Itoophiyaa gareen sosso’aa fiigichi akka saffisuu taasisaa turanis saffisa sanaan hanga xumuraa fuulla'u hin dandeenye.

‘’Akka gareetti fiigichi akka saffisu gochuu karoorfanne, hojii garee cimaas mul’isne. Akka gareetti medaaliyaa warqii dhabuu keenyaan baay’een gadda,’’ jechuun Barrihuun dorgommii booda dubbate.

Bara dorgommii baranaa Yoomif Qajeelchaatti aanee yeroo saffisaa kan galmeesse Barrihuun Olompikii Tookiyoorratti afraffaa bahuun xiqqumaaf medaaliyaa hanqate.

Barana garuu keessumaa xumura irratti mirgarra saffisa dabaluun osoo medaaliyaan tokkoyyuu biyyaaf dhibe jedhamuu mirgaan gale.

‘’Biyya koof fiigaan ture. Medaaliyaa meetii kuni biyyaaf naaf haa ta’u,’’ jedheera.

Olompikii Tookiyoo waggoota sadii dura Jaappaan dorgomameerrattis kanneen fageenya kanaan biyyaaf dorgoman atileetotuma kana; Solomoon, Yoomiifi Barrihuu turan.

Yeroos medaaliyaan warqii Solomoon injifate medaaliyaa warqii takkittii biyyattiin Tookiyootii galmeessitedha.

Injifannoon yeroosii fageenya kanaan kan mo'atan jechuunis seenaa Miruuts Yifxar, Hayilee G/Sillaase, Qananiisaa fa’i kan yaadachiise ture.

Chepteegeef maal jechuudha?

Fiigicha meetira 10,000’niin Olompikiirratti shaampiyoonaa ta’un atileetii Ugaandaa Jooshuwaa Chepteegeef waan akkaan guddaadha.

Atileetii Qananiisaa fakkeenya godhateefi akka isaa ta’u fedhuuf injifannoon kuni tarree atileetota fageenya dheeraan maqaa guddaa horatani akka eeramu isa taasisa.

Chepteegeen 10,000m’nin si’a sadii Shaampiyoonaa Addunyaa ta’eera. Olompikii irratti garuu milkaa'uu hin dandeenye.

Tookiyootti Solomoonin caalamee fageenya maqaa itti horatu fedhu kanaan lammaffaa bahee warqii dhabe.

Ammoo achuma Tookiyootti 5000m’n warqii injifate. Eegasii fiigicha 5000m fi 10,000m’n abbaa riikardii addunyaa ta’e. Riikardiiwwan kunneen kana dura kan Qananiisaa turan.

Haa ta’u malee, wanti isa hanqatu jira ture - kunis waltajjii guddicha atileetonni ciccimoo addunyaa waggaa afuritti takka itti wal argan Olompikii irratti 10,000m'n shaampiyoonaa ta’uudha.

Chepteegeen yeroo xumuramuuf 600m hafu saffiisa dabalee tuuta keessaa bahuun mo'ate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chepteegeen yeroo xumuramuuf 600m hafu saffiisa dabalee tuuta keessaa bahuun mo'ate

Abjuu isaa sanammoo Olompikii Paaris irratti dhugoomfate. Dorgommii Paaris erga injifate booda wanti dubbates kanuma raga baha.

‘’Miira keessa jiru ibsuun na rakkisa. Yeroo dheeraaf barbaadaan ture. Olompikii Tookiyoo 2020 irratti yeroon meetii argadhe, baay’een mufadhe. Fiigicha 10,000m kana injifachuun barbaade,’’ jedhe.

‘’Murannoo jabaa barbaada. Kuni hanga ammaa hanqachuun isaa nama dhiba. Si’a sadii shaampiyoonaa addunyaa ta’eera, amma medaaliyaa olompikii argadhe itti dabaladhe.’’

'Qananiisaa argeen abjoodhe'

Yeroo Qananiisaan waggoota 16 dura Olompikii Beejing irratti 10,000m’n injifatu Chepteegeen umriin isaa reefu 12 ture.

Beejing waltajjii Qananiisaan 5000m fi 10,000m'n warqii itti gonfatedha. Ga’umsa guddaarras ture.

Yeroo atileetiin Itoophiyaa maqaa guddaa qabu fiigu sana Chepteegeen argee akka isaa ta'uuf abjuu kudhaammate.

''Ol adeemonni jireenya keessatti waan barbaadan argachuuf abjotu.

''Waggoota 16 dura yeroo atileetiin jabaan Qananiisaan Beejing irratti injifatu, onnee kiyya keessa bule.

‘’Guyyaa tokko shaampiyoonaa Olompikii ta’un barbaada,’’ jechuun ofitti dubbadhe jedhe. Kanas kan dubbate erga Paarisitti injifatee boodadha.

Si’achi xiyyeeffannoon ijoo atileetii Ugaandaa kanaa maaraatoonii ta’a jedhamee eegama.

Gareen Itoophiyaa maal dogongore?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wanti fiigicha 10,000m Olompikii Paaris irratti mul’ate, rakkoo atileetiksii Itophiyaarratti waggoota muraasa darban argaa jirrurraa adda ta'e miti.

Fiigichi ispoortii baay’ee jabaadha. Akka gareetti wal hubataa saffisaa dabalaa fiiguun waan bareeda.

Ammoo xumurarratti ittiin yoo itti dhimma bahaan malee morkataa gargaaruu ta'a. Wanti Paarisitti mul'ates kana fakkaata.

Dorgommiirratti yeroo dheeraaf gara xumuraafi gidduu kan ture Chepteegeen saffisa atileetonni Itoophiyaa dabalaa turaniin fayyadamuuni waan caalu argate.

Wanti bara Qananiisaafi Hayilee fa’i barame injifachuu qofa osoo hin taane morkataa ofii fagootti dhiisanii mo’uudha.

Tooftaan itti dhimma bahanis gara caalu gaafa xumura jala gahaan saffisa dabalanii cabsanii seenuudha.

Atileetota Itoophiyaarraa ga'umsa akkanaa sanuu fageenya biyyi waggootaaf maqaa itti horatterraa erga arguun dhabamee garuu bubbuleera.

Bara dorgommii baranaa fageenya 10,000m’n yeroo saffisaa galmaa’e keessaa jaha kan galmeessan atileetota Itoophiyaati.

Kanaaf barana waan addaa arguun abdatamuus kuni xumurarratti hin mul’anne.

Gareen Itoophiyaa wal jalaa fuudhaa, saffisa dabalaa fiigaa turus xumura itti tolchuu garuu hin dandeenye

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Itoophiyaa wal jalaa fuudhaa, saffisa dabalaa fiigaa turus xumura itti tolchuu garuu hin dandeenye

Saffisi suni hanga xumuraa kalaa’ee waan gareen fedhu, waan biyyi barbaadu akkasumas waan ummanni miiliyoonni foddaan daawwatu hawwu hin milkeessine.

Atileetiin Ugaandaa fiigichi xumuramuuf 600m gaafa hafudha fuulduratti dhiibuu kan eegale. Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapest irrattis akkanuma godhe.

Fiigichi akka ispoortiitti kan yeroo hunda kan injifatan ta’us baatu, kan yeroo hunda dogongora walfakkaataa itti raawwatanis ta’u hin qabu jedhu xiinxaltoonni.

Dhimma kanarratti leenjistoonni ammatti waan dubbatan jiraachuu dhabus Barrihuun silaa dafee bahee jiraate akka saffisa agarreen carraan injifachuu inuma qabaayyu nama jechisiisa.

Xiinxaltoonni BBC'n dorgommii dura dubbise atileetoti garaa guutuun akka durii abdataman dhibuu dubbachuun isaanii ni yaadatama.