Siifan Olompikii Paaris irratti 'baay'ee ulfaatus' fageenya sadiin dorgomuufi

Atileet Siifan Hasan Olompikii Tookiyoo irratti warqii lamaafi nahaasa tokko injifattee turte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Siifan Hasan Olompikii Tookiyoo irratti warqii lamaafi nahaasa tokko injifattee turte

Atileet Siifan Hasan Olompikii Paaris irratti fageenya fiigichaa sadiin jechuunis 5000m, 10,000m, akkasumas maaraatooniin akka dorgomtu beeksiste.

Atileetin dhalootaan Itoophiyaa yeroo ammaa Nezarlaandisif fiigdu kuni 1,500m illee fiiguuf galmooftee turte.

Guyyaa Kamisaa ergaa Inistaagiraamii ishee gubbaa qoodden 1500m akka hin dorgomne beeksiste.

''Ani nama waan tokko baruuf baay’ee fedhudha. Hiiki jireenyaa warqii argachuu qofa miti,'' jechuun sababa fageenya garagaraarratti hirmaachuu barbaaddeef ibsite.

Siifan waggoota sadii dura Olompikii Tookiyoorratti fageenya sadiin dorgomtee seenaa addaa galmeessitee turte. Baranas yaada akkanaa qabdi.

''Wanti kuni hin danda’amuu? Mee ilaaluun barbaada. Yaaluun qaba.''

''Ispoortii keessa turuuf kan na kakaasu inumaa waan haaraa yaaluudha. Inni ijoon imala kooti, kaan itti aane dhufa,'' jechuun ibsite.

Wan hin beekne, waan haaraa yaaluun akka ishee kakaaksu ibsuun milkaa’uuf waan dandeessu hunda akka gootullee dubbatte.

Atileetiin kuni Olompikii Tookiyoorratti fageenya 5,000m fi 10,000m’n warqii yoo injifattu, 1,500m immoo sadaffaa baate.

Kanaanis atileetii jalqabaa Olompikii tokkoorratti fageenya sadiirratti medaaliyaa morma kaawwatte taate.

Wanti eegasii haaraa jalqabde maaraatooniidha. Yeroo jalqabaaf maaraatoonii Landaniirratti bara 2023 hirmaattee injifatte.

Maaraatoonii Chikaagoorrattis hirmaattee yeroo saffisaa addunyaa isa lammaffaa ta’e galmeessitee mo‘atte.

'Baay'ee ulfaata'

Garuu gosa dorgommii sadiirratti dorgomuun salphaa hin ta’um sanuu maaraatoonii itti dabalanii.

''Fageenya tokkoon tokkoorratti warqii nan argadha jechaa hin jiru,'' jechuun miidiyaatti dubbatte. ''Baay’ee ulfaata.''

Siifan fageenya sadii dorgomti jechuun walumaa gala dorgommii 62 km dorgomti jechuudha.

Atileetiin Nezarlaandisiif fiigdu kuni Hagayya bulti lama jechuunis Jimaata gulaallii 5000m qabdi. Wiixatammoo fiigicha xumuraa 5000m fiigdi.

Fageenyi 10,000m immoo gulaallii 5000m fiigdee torban booda Hagayya bulti sagalidha.

Fageenya lamaan kanarratti Siifan atileetota Itoophiyaa fageenyichaan beekaman Tookiyoorratti morkattee warqii fudhattee turte.

Fageenya 10,000m fiigdee guyyoota lamaa gadi boodammoo Hagayya bulti 11 yeroo jalqabaaf Olompikiirratti maaraatoonii fiigdi.

Atileetiin Chekoslovaakiyaa Emil Zaatopik Olompikii Helsinkiirratti 5000m, 10,000m fi maaraatooniin warqii sadii injifate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetiin Chekoslovaakiyaa Emil Zaatopik Olompikii Helsinkiirratti 5000m, 10,000m fi maaraatooniin warqii sadii injifate

Kana jechuun osoo boqonnaa gahaa hin qabaatin fiiguf deemti jechuudha.

''Waan ta’uf deemu baruuf hawweera. Galmi koo inni guddaa dorgommiiwwan kana xumuruudha. Akkatti bayyanadhu [yaaduudha],'' jechuushee AP’n gabaaseera.

Ammoo dorgommiin salphaa hin ta’u. Atileetiin Itoophiyaa Tiigist Asaffaa kan barana maaraatooniidhaan Riikardii Addunyaa cabsite yeroo jalqabaaf Olompikarratti warqii gonfachuuf fiigdi.

Atileetiin Keeniyaa Peeres Jepchirchir immoo warqii Tookiyootti mo’atte lammeeffachuuf morkatti. Kunis, ta’u Siifan yaaluu hin dhiiftu.

Seenaa atileetii faana dhahaa jirtu

Siifan fageenya 5000m, 10,000m fi maaraatoonirratti yoo injifatte seenaa atileetii Chekosilovaakiyaa Emil Zaatopik qoodatti.

Chekoslovaakiyaan amma hin jirtu. Eegasii lamatti hiramtee Cheek Rippablik fi Islovaakiyaa taateetti.

Atileetiin kuni Olompikii Helsinkii bara 1952 biyya Finlaanditti dorgomameen fageenya sadaniinuu injifate seenaa adda ta’e galmeesse.

Siifan Olompikii tokkoorratti fageenya sadii fiiguu yoo eegaltu seenaa atileetii kanaa dhagahuun akka ishee booji’e himti.

''Qorachuun eegale, baay’uma na kakaase. Baay’ee isa dinqisiifachuun eegale,'' jechuun dubbachuu ishee AP’n gabaaseera.

''Takkaa akka isaa nan ta’a jedhee yaadee hin beeku.''

Siifan eessaa kaate?

Dhaloonni ishii Adaamaadha ammoo Arsii, Muneessatti guddatte. Umurii waggaa 13 osoo jirtuu bara 2008 gara Nezarlaandis imalte. Bara 2013 lammummaa biyya sanaa argatte.

Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti dabalatee fageenya keessumaa atileetonni Itoophiyaa itti beekamanirratti dorgomtee injifataa jirtudha.

Fiigicha fageenya gabaabaa injifachuu qofa osoo hin taane riikardiillee cabsuutti jirtudha Siifan.

"Atileetin ani sodaadhu hin jiru. Mo'achuu malee tasa mo'atamuu hin barbaadu," jechuun kana dura BBC Afaan Oromootti dubbatte.

Atileetotni waltajjii badhaasaa Olompika Tookiyoo meetira 10,000 irratti argaman sadanuu dhalattoota Itoophiyaati garuu biyyoota garaagaraa sadii bakka bu'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetotni waltajjii badhaasaa Olompika Tookiyoo meetira 10,000 irratti argaman sadanuu dhalattoota Itoophiyaati garuu biyyoota garaagaraa sadii bakka bu'an
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa fiigicha eegalte yoo dubbattu‚ ispoortii Itoophiyaatti eegaluu himte.

‘‘Fiigicha akka maleen jaaladha. Gara mana baruumsaa yeroon deemu nan fiiga, dorgommis nan dorgoma ture. Ani nama mana keessa oolu hin turre.’’

Haa ta’u malee, hammana fagaattee akka milkooftu yaaddee hin beektu. Erga gara Nezarlaandis imaltee booda sababa barsiisaashee fiigicha jaalatun walitti dhufte.

‘’Barsiisaa sana walin bakka fiigichaa deemee namittin tokko na ilaaltee ‘intalli kun dandeettii qabdi fiigicha eegaluu qabdi‘ jettee kophee naaf bitte,‘‘ jechuun dubbatte.

Barumsa narsii eegalte waliin xiqqoo ishee rakkisuus jabaachaa dhufte, biyya Nezarlaandiifis fiiguu eegalte.

Fageenya atileetonni Itoophiyaa ittiin beekamaniin mo’achuun hiika addaa siif qabaa?

‘’Eyyeen hiikaa adda ta'e naaf qaba. Ani fiigicha dheeraa marsaa isteediyeemii baay'atu hin jaaladhu.

‘‘Kan nuffisiisu natti fakkaata,’’ jechuun tura keessa yeroo warqii injifachuu yeroo eegaltu gammaduufi mi’eeffachuu dubbatte.