Atleet Siifan Hasan Maraatoonii Landan injifatte

Siifan Hasan

Madda suuraa, Getty Images

Atileet Siifan Hasan Maraatoonii Landan injifatte. Dorgommicha eegaltee gara jalqabaa irratti hanga tokko mallaattoo dhukkubbiifi dadhabbii kan agarsiisaa turte ta’us, dhumarratti garuu haala ajaa'iba ta'een Siifan mo'achuu dandeesseetti .

Dorgommii kana kan injifattes saffisa 2:18.33 galmeessisuunidha.

Neezarlaadisiif kan fiigdu dhalattuun Itoophiyaa Siifan, Olompikii irratti fiigicha fageenya meetira kuma shaniifi kuma 10 irratti shaampiyoonaadha.

Siifan maraatoonii irratti yeroo hirmaattu kun isa jalqabaa isheedha.

Figicha ishee jalqabuu dura Siifan “ wagga darbe ture dorgommii biraa kanaan barbaade, sana booda tole Maraatooniin fiigan jedhen murteesse,” jettetti.

“Saa’tii kanatti xumurruun qaba kan jedhu sammuu keessaa hin qabu, galmikoo maraatooniicha xumuruudha. Baruun barbaada,” jechuun dubbattee turte.

Bara 2021'tti Atileet Siifan Hasan wal-dorgommii Olompiikii Tookiyoo irratti fiigicha meetira 5000 fi 10,000 ‘nin warqii argachuufi dorgommii FBK Hengaloo Neezarlaanditti taasifameen riikardii meetira 10,000 cabsuun kan isheen atileetii bara kanaa Awurooppaa tahuun filatamte.

Siifan Hasan Olompikii tokko irrattii gosa dorgommii fiigichaa sadiin medaaliyaa argachuun seenaa arma dura atileetonni kaan dalagan qooddachuu dandesseetti.

Maxxansa Facebook irra dabri
Qabiyyee Facebook hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Facebookimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Facebook

Atileet Siifan Hasan eenyu?

Madda atileetota bebbeekamoo Arsiitti kan dhalatte Atileet Siifan Hasan, lammummaan ammoo Neezerlaand/Daachidha.

Umurii waggaa 13 osoo jirtuu bara 2008 gara Daach kan imalte Atileet Siifan, bara 2013 lammummaa biyya sanaa argatteetti.

Atileetin fiigicha fageenya gabaabaas ta'e dheeraa fiigdetti milkaa'uu qofa osoo hin taane riikardiillee cabsuutti jirtudha atileet Siifan Hasan.

Atileet Siifan Hasan kanaan dura turtii addaa BBC Afaan Oromoo waliin taasisten dhimmoota isin baruu qabdu jennee yaadne gaafannee turre.

'Gahumsa ajaa'ibaa... isayyu Ramdaana keessa shaakaltee'

Atileetiin beekamtuu Yunaayitid Kingidom rikkardii maraatoonii dubartootaa qabattee turte Paawulaa Raadiikiliif, "kun [injifannoo ajaa'ibaati. Isayyu sooma Ramaadaanaa keessa shaakalaa turtee mo'atte," jechuun dinqisiifatte.

Mo'achuu ishee qofa osoo hin taane, akkaataa Siifan drogommii kokkee walqabuu sana keessaa itti baatetu addadha jette Paawulaa Raadikiliif. Qalbiin daawwattootaa dorgommichi maal ta'a jedhee ilalaa waan tureef saffisa ittiin galan nani ilaaleyyu hin jiru jette.

Komentaatariin atleetiksii BBC Andiriiwu Kooer mo’icha maraatoonii cimaa hanga har’aatti ture keessaa isa duraati jedhe injifannoo Siifan kana.

“Waan barame cabiste. Akkaataa ‘barameen miti kan fiigde.’ Kanaafidha kanaan maraatoonii cimaa hanga har’aatti ani erge keessaa addadha kanan jedheef.”

Maraatoonii Landan dhiirataan atileetii Keeniyaa moa'teera

Dorgommii Maraatoonii Landan kan dhiirotaa irratti ammoo Atleetiin lammii Keeniyaa Keelvin Kiptoom irra aaneera.

Kiptoom maratoooni kana injifannoon kan xumure, saffisa rikkoordii addunyaa irratti lammaffaa ta’e galmeessisuunidha.

Maraatoonii Landan kanaan atileetonni Itoophiyaa ni mo’atu jedhamee tilmaamni cimaan turellee hin milkaa’iin hafaniiru.

Dhiraan Atleet Qananiisaa Baqqalaa, Taammiraat Tolaa, Li'uun Gabrasillaasee, Mossinnat Garramoofi Birihaanuu Laggasaan hirmaatanii ture.

Maraatoonii dubartootaan ammoo Atleet Almaaz Ayyaanaa, Ganzabee Dibaabaafi Yaalemzarf Yewaalaan kanneen tilmaama injifannoo kennameefiif ture hirmaatanii turan.