Qananiisaa dabalatee atileetonni bebbekamoo kan irratti hirmaatan waa’ee Maraatoonii Landan kan beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Maraatooniin Landan har’a, Ebla 23, 2023 gaggeeffama.
Maraatooniin kun sababoota hedduun hawwiin eegamaa jira.
Sababa tokkoffaan atileetonni Itoophiyaa bebbeekamoofi addunyaa irratti gurra guddaa qaban kanneen akka Atleet Qananiisaa Baqqalaa, Taammiraat Tolaa, Li'uun Gabrasillaasee, Mossinnat Garramoofi Birihaanuu Laggasaanis waan hirmaataniifidha.
Dubartoota gidduutti dorgommii gaggeeffamuun ammoo Atleet Almaaz Ayyaanaa, Ganzabee Dibaabaafi Yaalemzarf Yewaalaan kanneen tilmaama injifannoo argatan keessaa ta’an waan hirmaataniif akkaan eegama.
Dhalattuun Itoophiyaa fi lammii Neezarlaand kan taate Siifan Hasanis fiigicha Maaraatoonii kanaan morkattuu cimtuu taati jedhamtee eegamti. Kunis akka hawwiin eegamu taasiseera.
Wanti biraan akka maraatooniin kun hawwiin eegamu taasisu ammoo Atileet Moo Faaraaf kun dorgommii isaa kan dhumaa ta’uu isaati.
Atileetiin dhalataa Somaaliyaa fi lammii UK ta’e kun fiigicha meetira dhedheeraafi maraatoniidhaan seenaa gaarii galmeeffatee qaba.
“Dorgommii Maraatonii Landan bara kanaa miira addaatiinan ilaa,” jechuun miira isaa ibseera. Moo Faaraah.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Atileetonni Itoophiyaa Maraatonii Landan jaallatamaa ta'e kana irratti hirmaatan haalaan eegamu.
Dhiirotaan Atileet Qananiisaa dabalatee atileetonni afur waan hirmaataniif namoota atileetiksii jaallatan qalbiin garas jirti.
Atileet Qananiisaafi Atileet Moo Faaraah waliin yoo dorgoman arguunis miidhagina biraa kennaaf.
Rikkardii Maraatoonii addunyaa kan of harkaa qabu atileetii Keeniyaa Eliwuud Kipchoogeetti aanee atileet Qananiisaan rikkardii lamaffaa kan qabatedha.
Qananniisaan fiigicha maraatoonii fageenya kiiloomeetira 42 kana 2:01:41 fiiguudhaan rikkordii lammaffaa qabatee jira.
Madaaliyaa Warqee Olompikii afur kan mo'ate Moo Faaraah fiigicha maraatoonii Landan guyyaa waaree kana jalqabu irratti ni hirmaata.
Moo Faaraah dorgommiin har'aa kun kan dhumaa isaa akka ta'eefi kanaan booda akka soorama bahu BBCtti himeera.
Atileetota bebbeekamoo kanaan alatti atileetiin Keeniyaa Maraatoonii Vaalenshiyaa 2022 irratti 2፡01፡53 tiin mo'ate Kalviin Kippituum akkuma kana ni eegama.
Atileetonni lama fiigicha maraatoonii saatii lamaafi daqiiqaa lamaa gadiin xumuran waliin yoo dorgoman kun kan jalqabaati.
Maraatonii Landan waggaa tokko dura gaggeeffame irratti Qananiisaan akka mo'achuu danda'u tilmaamni guddaan ture. Haata'u malee, tokkoffaa ta'uun kan mo'ate Aleks Keppirootaa biraa daqiiqaa tokkoo oliif boodatti hafee shanaffaa ta'uun xumuruun isaa ni yaadatama.
Bara darbe Maraatoonni Landan kan mo’ate Amos Kippiruutoo injifannoo isaa 2022 eegsifachuuf bara kanas ni dorgoma jedhameera.
Atileet Qananiisaa Baqqalaa Maraatoonii Barliin irratti milkaa’ina gaarii argatera. Isaan booda garuu watota gara garaatu isa mudataa tureera.
Dorgommii dubartootaan maaltu eegama?

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin Maraatonii Landan kun dubartootaan waltajjii Olompikii irratti warra warqee guurratanitu walitti dhufee wal dorgoma waan ta’eef daran hawwataa ta’a.
Olompikii Tookiyoo irratti maraatonniin kan injifatte Piirs Jeepchirchir addu-durummaadhaan ni eegamti.
Dorgommii Maraatonnii Landan bara darbe kan mo’atte Yaalam-zarf Yahaalaw injifannooshee darbe kana eegsifachuuf ni dorgomti.
Yaalam-zarf dorgommii Maraatoonii Landan bara darbee sa’aatii saffisaan sadaffaa ta’e 2:17:26 galmeessuun ture kan mo’atte.
Neezarlaadisiif kan fiigdu dhalattuun Itoophiyaa Siifan Hasan Maraatoonii Landan kana irratti ni hirmaatti.
Atileet Siifan Hasan Olompikii irratti fiigicha fageenya meetira kuma shaniifi kuma 10 irratti shaampiyoonaadha.
Siifan maraatoonii irratti yeroo hirmaattu kun isa jalqabaa ta’a.
Atileetonni Itoophiyaa ga’umsa gaariirratti argaman biroonis dorgommii kana irratti baayyee eegamu.
Olompikii Riiyoo irratti warqii kan mo’atte Almaaz Ayyaanaa akkuma kana tilmaamni kennamee laayyoo miti.
Ganzabee Dibaabaa, akkasumas shaampiyoonaan Maraatoonii Barliin bara 2022 Tigist Asaffaa har’a Maraatonnii Landan ni dorgomti.
Atileetiin biraa qalbii addunyaa hawwachaa jirtu lammii Biriteen kan taate Eliish Maak-kongaan taati. Dorgommii Koman-walzirratti fiigicha fageenya meetira kuma10n kan mo’atte atileetiin kun, yeroo ammaa kana ga’umsa gaariirratti argamti.












