Almaaz Ayyaanaa saffisa maraatoonii addunyaarra hin turreen fiigdee mo'achuushee maal jette?

Atileet Almaaz ayyaanaa

Madda suuraa, World Athiletics

Atileet Almaaz Ayyaanaa saffisa maraatoonii haaraa kanaan dura addunyaarra hin jirreen fiiguun Maraatoonii Amasterdaam mo’atte.

Sa’aatii maraatoonii dubartootaa isheen galmeessuun injifattes 2:17:20 yoo ta’u, isheetti aanuun ammoo Ganzabee Dibaabaa fi Tsahaay Gammachuu duraa fi duubaan lamaffaa fi sadaffaa ta’uun mo’ataniiru.

Atileetoonni shamarranii qabxii olaanaan injifatan sadanuu kan maraatoonii yeroo jalqabaatiif fiiganuu garuu sadarkaa 1 hanga 3tti duraa fi duubaan hiriiranii galaniiru.

Akka Atileetiksiin Addunyaa gabaasetti, Almaaz Ayyaanaa rekardii maraatoonii haaraa kanaan Amesterdaam irratti yeroo galmeessitu, Ganzabee Dibaabaa waliin kokkee walqabuun dorgommicha akkaan miidhagsanii turan.

 Dorgommii Maraatoonii Amesterdam kana irratti garee dhiirotaatiinis kan injifate lammii Itoophiyaa Tsaggaayee Getaachooti.

Tsaggaayeen sa’aatii 2: 04: 49 galmeessisuun mo’ate.

Dorgommii maraatoonii dubartootaa Amesterdam kun kan namoota hedduu ajaa’ibeef, atileetonni Itoophiyaa sadan atileetota maraatooniitiin muuxannoo gaarii qaban waliin dorgomanii mo’achuu isaaniiti.

Almaaz Ayyaanaa bara 2015tti fiigicha fageenya meetira meetire 5000tiin warqee argatteetti.

Bara 2016 ammoo Olompikii irratti rekardii galmeessuun injifachuun bara 2017 irrattis mirga rekardii ishee qabachuun mo’atteetti.

Atileeti Ganzabee Dibaabaa gama isheetiin bara 2015 fiigicha fageenya 1,500m rikkardii harka galfattee kan turte yoo ta’u, bara itti aanus rikkardii ishee kana harkashee tursiifachuu dandeesseetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tsahaay Gammachuu ammoo Shaampiyoonaa Addunyaa bara 2019 irratti fiigicha fageenya 5,000m tiin afuraffaa ta’uun galtee turte.

Tsahaay hanga fageenya kilomeetira 33 geessutti dura fiigaa turtee boodarra Almaaz fi Ganzabeetiin durfamte.

Almaaz Ayyaanaa yeroo kilometirri 35 fiigde sa’aatii 1:54:01irra kan turte yoo ta’u, yeroodhuma kana ture warra kaan buustee fulduratti kan dhokaafamte.

Almaaz yeroo akkas saffisa dabaluun gara fuula duraatti utaaltu dadhabbiin kan irraa hin mullannee fi salphaadhumatti miila fuudhuun kilomeetira 40 yeroo geessu Ganzabee irraa daqiiqaa wallakkaa dursitee turte.

Sa’aatiin saffisa haaraa Almaaz Ayyaanaa galmeessite kun kan kanaan dura Ebla keessa Hamburg keessatti Yaalemzerf Yehuwaalaa galmmeessitee ture 2:17:23 irra sekondii sadiin foyyeessuudhaan.

Ga’umsa Almaaz Amesterdam irratti argisiiste kun tarree rekkordii maraatoonii dubartootaa addunyaa torba keessa ishee galcheera.

Ganzabee Dibaabaa ammoo sa’aatii 2:18:05 galuun sa’aatii maraatoonii dubartootaa foyyaa’uu 20 keessaa tokko taateetti.

Maraatoonii dubartootaa Amesterdam Onkoloolessa 16, 2022 gaggeeffame kanaan afraffaa kan baate Natsaannet Amaanu’eel lammii Ertiraati.

"Kanaaf [injifachuu koof] ibsuuf jecha hin qabu. Kun waan addaati. Ani baayyiseen gammade,” jette Almaaz Ayyaanaa injifannoon booda yaada miidiyaaleef kenniteen.

“Ergan bara 2016 Olompikii mo’adheen booda anaaf haalli ture baayyee rakkisaadha. Miidhamaa fi dhukkubbii keessan dabarse. Milkaa’ina koo kana duuba warra jiran abbaa warraa koo, ilma koo fi bulchiinsa deeggarsa naaf taasisan hundaaf baayyee galateeffadha,” jetteti.

Maraatoonii dhiiraa Ameterdam Tsagaayee Getaachoo irratti mo’ate kana irratti atileetiin Itoophiyaa biraa Baazzezewu Amaaraa sadaffaa baheera.

Atileetonni Itoophiyaa biroo: Huseeyiddin Mohaammad shanaffaa, Addeledelewu Maammoo ammoo saglaffaa bahuun xumuraniiru.

Maraatooniin Amesterdam fiigicha maraatoonii waggaa waggaan magaalaa Neezerlaandis, Ameterdam keessatti gaggeeffamu yoo ta’u, bara 1975 irraa eegale kan gaggeeffamaa jiruudha.