Atileetiksii: Atileetiksiin adunyaa rikardii Latasanbat Gidey raggaasiseef

Latasanbat Giday

Madda suuraa, World Athletics

Ji'a tokko dura garaagarummaa guyyoota lamaa gidduutti fiigicha fageenya meetira 10,000nin sekondii 15'niin fooyyeessun rikardii haaraan atileetota lamaan galmaa'e Atileetiksiin Adunyaa raggaasise.

Atileet Siifan Hasaniifi atileet Latasanbat Giddey guyyoota lama keessatti rikardii fageenya meetira 10,000 fooyyeessanis osoo hin ragga'iin turuun har'a ifatti ibsame.

Qaamni Atileetiksii adunyaa ol aanaan dorgommiin Olompikii eegalee guyyoota muraasaan booda akka beeksisetti, waggoota afur dura rikardiin fiigicha fageenya meetira 10,000 atilaaetii Itoophiyaa Almaaz Ayyaanaan qabamee ture atileetota lamaan walitti aansuun cabuu beeksise.

Rikardii fageenyichaa jalqaba dhalattuu Itoophiyaa fi lammii Nezerlaandis kan taate atileet Siifan Hasan Hengilootti gaafa 29/2013 fiiguun 29:06: 89 galuun rikardii duraa irraa sekondii kudhan fooyyeessuun rikeerdicha harka galfatte.

Haatahu malee rikardiin Siifan Hasan kun guyyoota lama caalaa osoo hin turiin atileet Latasanbat Gideey, achuma Heengilootti 29.01.03 galuun sekondii shaniin fooyyisitee rikardicha dhuunfatte.

Dhaabbatni Atileetiksii Adunyaas rikardii atileetota lameenii soo hin raggaasisiin turee, har'a marsariitii isaa irratti rikardii fageenyichaa tahuu raggasisuu ibse.

Atileet Latasanbat bara darbe fageenya meetira 5000niin sa'a 14:06.62 galuun rikardii haaraa kan galmeessifte yoo tahu, fuuldurattis fageenya kanaan yeroo itti galte kana caalaa fooyyeessuuf akka hojjettu himteetti.

Atileetotni lamaan Latasanabtii fi Siifan Hasan Olompikii Jaappaan irratti kan hirmaatan yoo tahu, fageenya meetira 10,000 medaaliyaa warqee mo'achuuf akkasumas rikardii haaraa galmeessuuf kan wal falamatan taha.

Latasanabt Olompikii Tookiyoo irratti fageenya meetira 10,000 kan dorgomtu yoo tahu Siifan garuu meetira 1,500, 5,000 fi 10,000niin kan dorgomtu taha.

Atileetiksiin Adunyaa rikardii Siifanii fi Latasanbat raggaasisuun dabalata kan atileetotni hedduun cabsanii turan biraa akka Keelii Hoojkiinsan, Giraant Hooleweeyin fi Kaaristiin Warhoolemis akaksuma raggaasiseeraaf.

Olopikiin Tookiyoo erga jalqabee guyyootni sadii darbanis biyyootni 200 ol gosoota ispoortii garaagaraan irratti wal falmaa jiru.