Moo Faaraa ijoollummaatti namoota seeraan alaa dadabarsaniin hatame UK geeffamu hime

Moo Faaraah ijoollummaa isaatti karaa seeraan alaatiin gara UK’tti geeffamee mana namaattii akka hojjetuuf dirqisifamuu isaa ibseera.
Atleetiin beekamaan addunyaa fi injifataan Olompikii kun ta'e Faaraah BBC’tti akka himetti, maqaa Mohaammad Faaraa jedhu kan moggaaseef namoota Jibuutii irraa gara UK’tti isa fidaniidha. Maqaan isaa inni sirrii Huseen Abdii Kahiin ture.
Wayita mucaa ganna 9 jirutti ture kan biyya baha Afriikaa irraa dubartii duraan gonkumaa argee hin beekneen gara UK kan geeffame. Sana booda ijoollee maatii biraaf eegduu ta’uun akka tajaajiluuf dirqisiifamuu isaa himeera.
“Waggootii dheeraaf waa’ee kanaa yaaduu irraa of dhorkaan ture,” jedha atleetiin Garee GB (Great Britain-Biriteen Guddittii) kun.
“Garuu waan akkanaa yeroo murtaa’aaf qofa dhoksita.”
Atileetiin fageenya dheeraa fiiguun beekamu kun kanaan dura gara UK’tti kan seene Somaaliyaa irraa baqataa ta’ee akka ta’e dubbatee ture.
Ta’us garuu dokumantarii BBC fi Red Bull Studios'tiin hojjetame irratti, maatiin isaa gara UK dhufanii akka hin beeknee fi obbolaan isaa lamaan harmee isaa waliin Somaaliilaand keessa hojii qonnaarra akka jiraatan himeera.
Abbaan isaa, Abdii, utuu Moon daa’ima gannna 4 ta’ee jiruu, hokkora wal walinii Somaaliyaa irratti dhukasa banameen ajjeefame.
Somaaliilaand bara 1991’tti walabummaa ishee ibsite, ta’us garuu biyyootii idil addunyaan hin simatamne.
Moo Faaraa akka jedhutti umurii ganna saddeet ykn sagalitti firoota bira akka turuuf Jibuutiitti ergame.
Sana booda achiitii dubartii firummaashee hin qabnee fi argee hin beekneen gara UKtti geeffame.
Gara Awurooppaatti kan geefffamu firoota isaa achi jiran waliin akka jiraatuuf ta’u dubaartiin kun itti himte – innis kanaan “gammadee” akka ture ni hima.
“Xiyyaararra ba’ee hin beekun ture,” jedhe.
Dubartiin kun maqaa isaa Mohaammad jedhee akka himuuf itti himti. Ragaa sobaa suraa isaa fi maqaa Mohaammad Faaraa jedhu dubartiin kun akka qabdu ture hima.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo UK ga’initti, dubartiin kun mana jireenyaa ishee Haansiloow, lixa Landan jirutti isa geessite booda, waraqaa odeeffannoo firoota isaa qabu harkaa fuute.
“Anuma duratti, waraqaticha kukkutee kosii keessatti gatte. Yerooma sana, akkan rakkoo kessa jiru hubadhe,” jedha.
Moo Faaraan, “yoon nyaata nyaachuu barbaade” hojii mana keessaa fi daa’iman eeguu hojjechuun qaban ture jedha. Dubartiin kun “maatiikee deebitee erguu ni feeta yoo ta’e, homaa akka hin dubbane” akka jetten ni hima.
“Yeroo hedduu mana fincaanii keessa seenee, cuffadheen boo’a ture,” jedha.
Waggootii jalqabaa muraasaaf maatiin kun mana barnootaa akka seenuuf hin eeyyamneefi, garuu naannaa umurii ganna 12’tti Kolleejii Hawaasaa Feltihaamitti baraataa kutaa 7ffaa ta’ee galmeeffame.
Hojjattoonni mana barnootichaa Moo Faaraan baqataa Somaliyaa akka ta’e itti himame.
Barsiistuun isaa duraanii Saaraa Renii BBC’tti akka himtetti, mana barnoota yeroo dhufu “kunuunsaa fi qulqullina” hin qabu ture, Afaan Ingiliffaas badaa hin danda’u, akkasumas daa’ima “aadaa fi miiraan qofaatti dhiibame” ture.
Namootni nuti maatii isaadha ofiin jedhan, sagantaalee maatii qophaa'an irratti hirmaatanii hin beekani.
Barsiisaan barnoota jabina qaamaa (PE) isaa, Alan Watkinsan, mucaan kun yeroo dirree atleetikiitti gadi ba’e jijjiirama inni agarsiise hubateera.
“Afaan inni hubatu afaan PE fi ispoortii qofa waan ta’e fakkaata,” jedha.
Moo Faaraan Ispoortiin hidda jireenya isaa akka ture himuun, sababiin isaas “ haala jireenya keessan ture keessa ba’uuf wanti ani gochu danda’u ba’ee figuu qofa ture,” jedha.
Boodarra dhugaa eenyummaa isaa, seenaa isaa fi waa’ee maatii akka hojjetaa isaani ta’uuf dirqisiisame Obbo Waatkisanitti hima.
“Moo isa sirrii”
Barsiisaan PE kun tajaajila kunuunsa daa’imannii qunnamuun, Moo Faaraan maatii Somaalii biro biratti kunuunsa akka argatuuf isa gargaare.
“Ammayyuu maatiikoo sirrii yaadaan ture, garuu yeroo sanarraa booda wanti hundi ni fooyya’e,” jedha Moo Faaraan.
“Wanti hedduun akka gatiittiikoo irraa kaafametti natti dhaga’ame, akkan of ta’etti natti dhaga’ame. Yeroo kanadha Moo Faaraan kan dhufe – Moo isa sirri.”
Moo Faaraan akka atleetiitti beekkamtii argachuu jalqabee, umurii ganna 14’tti manneen barnoota Ingiliziif akka dorgomuuf Laatviyaatti affeerame – ta’us garuu ragaalee imalaa tokkoyyuu hin qabu.
Barsiisaan isaa Obbo Waatkinsan maqaa Mohaammad Faaraa jedhuun lammummaa Biriitishiif akka gaafatuuf isa gargaaree, Adoolessa 2000 keessa lammuuummaa argate.
Dookimantarii kana irratti ogeessi seeraa Alan Biriidook waraqaan raga Moo karaa “ gowwoomsaa ykn sobaan” akka argame Moo Faaraatti himeera.
Yoo lammuummaan nama tokkoo karaa seeraan alaan fudhatame ta’e, akka seeraatti mootummaan lamummaa Biritiish isaanii irraa mulqu danda’a.
Ta’us garuu, carraan Moo Faaraa seera kanaan miidhamuu xiqqaa akka ta’e Obbo Biriidook ibsaniiru.
“Hiikni seeraan ala daddabarsuu kaayyoo humna qisaasessuuf geejjibsiisu akka jechuudha,” jechuun Mootti himeera.
“Waa’ee dhimmakee irratto, ofii utuu daa’ima taatee jiru akka daa’imman biro eegduu fi hojjetaa manaa akka taatuuf dirqisiifamteetta. Sana booda aanga’oota isaan ilaalatutti ‘kun maqaakoo miti’ jettee himteetta. Kun hundi yeroo walitti qabamu carraa itti mootummaan lammummaakee sirra mulqu ni hir’isa.”

Madda suuraa, Getty Images
Figiichi ‘na oolche’
Moo Faaraa akka jedhutti seenaa isaa himuu kan barbaade hawaasni ilaalcha daddabarsa seeraan alaa (hannaa namaa) fi garbummaa irratti ilaalcha qabu akka yaadu gochuufidha.
“Namootni hedduun haala ani keessa darbeen wal fakkaataa ta’e keessa darbaa akka jiran hin beekun ture. Kun hagam akka ani carroome agarsiisa,” jedha.
“Wanti ana oolche, wanti adda ana taasise, fiiguu danda’uukoodha.”
Dubartii Moo Faaraa gara Landan fidde deebii akka kennituuf BBC’n qunnamus, deebii hin arganne.












