Imala jireenya miseensa raayyaa duraanii: Waardiyyummaa hanga odiitara baankichaatti

Addisuu Xilaahun yeroo digirii isaatiin eebbifame

“Waanan lammaffaa dhaladhen se’e; umuriikoo keessatti sana duras, sanaan boodas akka guyyaa sanaatti gammadee hin beeku,” jedha Addisuu Xilaahun gaafa eebba isaa, bu’aa ba’ii jreenyaa rakkisaa keessa darbe yoo yaadatu.

Addisuu Xilaahun bara TPLF keessaa loltummaan waggoota 16'f raayyaa ittisa biyyaa keessa tajaajileera. Booda ammoo raayyaa ittisaa keessaa ari’amee hojii dhabee hedduu rakkateera.

Jireenyasaa mo’achuufis hojii humnaa hojjeteera. Akkasumas ji’atti birrii sagaliin waardiyyaa ta’ees hojjeteera.

Kana qofaa miti. Jireenya mo’achuuf daa’imasaanii bakka haadhaas, bakka abbaas ta’ee guddisuuf haadha warraa isaas biyya Arabaatti ergee ture.

Amma garuu baankii duraan waardiyummaa keessa hojjetu keessatti odiitara olaanaa baankichaa ta’eera.

Bu’aa baayii jireenyaa Amboo hanga adda waraanaa Bureetti dabarse akkasiin BBC’tti himeera.

Addisuu Xilaahun eenyuu?

Addisuu Xilaahun jedhama. ALI bara 1967 'tti magaalaa Ambootti dhalate. Maatiinsaa harka qal’eeyyii waan turaniif barnoota hanga kutaa 6tti qofa erga hordofee booda addaan kuteen gara waraana mootummaatti makame.

Umurii dargaggummaa isaa mana waraanaatti dabarse. Ganna 16 guutuu sadarkaafi itti gaafatamummaa addaa addaatiin tajaajilaa ture. Yeroo adda addaatti sababoota gara garaan hooggantoota isaatiin waldhabuudhaan ji’oota saddetiifis hidhame ture.

ALI bara 2000’tti ammoo akka dhiifama gaafatu gaafatamee waan dideef miseensummaa waraanaa keessaa akka ari’atame hima.

Addisuun erga mana waraanaatii ari’ameen booda gara magaalaa Ambootti deebi’ee jireenya akka haaraatti jalqabuu yaadata.

Hojii waraanaatiin ala ogummaa ittiin of jiraachisu akka hin qabne kan dubbatu loltuun duraanii kun, “Ani guyyaa waardiyyummaa eegaa galgala galgala ammoo barachuu, haati manaakoo ammoo biddeena tolchitee gabaatti baatee gurguruun jireenya keenya akka eegallu haadha warraakoo waliin waliigallee jireenya haaraa rakkoo fi qormaataan guutame tokko jennee jalqabne,” jechuun BBC'tti hima Addisuun.

Sababa maaliitiin gara waraanaa seene?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaa ijoollee jahaa kan ta’e Addisuun, “Abbaafi haatikoo waan gargar bahaniif, harka qal’eeyyiis waan turaniif barnootakoo hordofuu hin dandeenye. Kanaaf, ALI bara 1984 ’tti gara waraanaatti makamee,” jechuun BBC’tti himeera.

Yeroo sana haalli maatii keessa ture barnoota isaa akka inni itti hin fufne waan godheef, hubannoodhuma waraanaa bal’aas osoo hin qabaatiin murtoo ijoollummaatiin gara waraanaatti seenuu dubbata.

Waraana Itiyoo-Eertiraa irratti garee lubbu baraartuu balaliistootaa (pilot saver group)'tti dabalamuun akka hirmaate kan dubbatu Addisuun, yeroo gara garaatti Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO waliin hidhata qabda jedhamee shakkamuun rakkataa akka ture dubbata.

Shakkii WBO waliin hidhata qabda jedhuufi kanneen birootiin Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti xiyyeeffannoo fi hordoffii addaa keessa galee kan ture loltuun kun.

Kana hordofees, hidhaa dhaabbiitiin ji’oota saddetiif erga hidhameen booda ari’amuu isaa BBC’tti himeera.

Addisuun erga mana waraanaatii ari’ameen booda, iyyataaf gara waajiraalee bulchiinsa waraanaa Maqalee, akkasumas Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Finfinnee akka deeme BBC’tti himeera. Haata’u malee, fala akka hin argannes dabaluun dubbata.

Furmaata isa dhumaa barbaacha gara waajira ‘Abbagaar Uummataa’ dhaquun rakkoosaa ibsachuun akka itti boohes ni yaadata Addisuun.

“Namni achi keessa hojjetu tokko, ‘obboleessakoo namoota hedduutu dhimma kanaan walfakkaatu iyyataa oola. Nuti ammoo dhimma waraanaa akka hin ilaalleef mootummaan nu ajajeera. Kanaaf, mana keetti galiitii akkuma ta’etti jiraachuu yaali’ naan jedhe,” jechuun waan isa mudate hima.

Sana boodan waan hundumaa dhiisuudhaan, “haadha manaa fi intalakoo angafaa tokko waliin, harkakoo duwwaa gara ona abbaankoo keessaa du’ee, Ambotti deebi’een jiraachuu jalqabe,” jedha.

“Haadha manaakoo waliin mari’achuun ani waardiyyummaa, isheen ammoo biddeena tolchitee gurguraa jireenya eegalle.

Ani dhaabbata ijaarsaa Yooteek jedhamu kan yeroo sana Yunivarsiitii Ambootti hojii ijaarsaa irratti bobba’e biratti waardiyyummaa qacaramuun guyyaatti qarshii sagal (9) argachaa galgala galgala ammoo barnootan duraan addaan kute, kutaa saglaffaa irraa ittifufee barachuu jalqabuu dubbata.

Haati manaakoos biddeena tolchitee gabaa Kolfee jedhamutti geessitee gurguraa, jireenya itti fufne,” jedha Addisuun.

Addisuu Xilaahun maatii isaa waliin

Haati manaan Addisuu, aaddee Maqdas Ashaagirees gama isheetiin guyyaa abbaan manaashee hidhamee kaastee jireenya ulfaataa akka dabrsite BBC’tti himteetti.

“Mucaa keenya jalqabaa ilaaluudhaaf na bira dhufee halkan tokko bulee galgala lammaffaa loltoonni dhufanii manaa qabanii deeman,” kan jettu Maqdas, guyyaa abbaan manaa ishee hidhamee kaastee rakkachuu akka eegalte dubbatti.

“Gaafa magaalaa Baatii bakka ani jiraachaa turee gara biyya isaa [Addisuu] Ambo deemuuf murteessine maallaqa geejibaaf ta’u waan hin qabneef, meeshaan mana keessa ittiin jiraachaa ture gurgureen ittiin deemne. Intala keenya ishee hangafaa qabanneet Ambo dhufne.

Mana abba isaa [Addisuu] irraan kan hafe waanti ittiin jiraatan homtuu akka hin turre kan dubbattu Maqdas, jireenya mo’achuudhaaf abbaan manaa ishee waardiyyuummaa, isheen ammoo bideena tolchee gurguraa turuu ibsiti.

“Boodarra jireenyi nutti hadhaa’ee jennaan mucaa keenya isa lammaffaa daa’ima waggaaf ji’a jahaan isa [Addisuu] irratti gatee hojiif biyya Arabaa deeme.

''Addisuu waan ilmoon dhiiraa baachuu hin dandeenye baatee haadhas, abbaas ta’ee guddise. Jiruun Arabaas waan naa hin milkoofneef baay’ee ulfaataa ture,” jechuun Maqdas qormaata jireenya ulfaataa isaan mudate keessa darbuuf gatii kaffalte BBC’tti himteetti.

Haalli barnootaa akkam ture?

Ijoollummaa isaatii eegalee mana waraanaatti dabarsuu kan himu Addisuun, duraan hanga kutaa 6tti barachuufi erga waraana seenee ammoo hanga kutaa 8tti qofa barachuu dubbata.

Miseensi waraanaa duraanii Addisuun, “ogummaa loltummaa irraan kan hafe homaa hin beeku. Kanaaf, rakkadheetuma baradhee akkan of danda’u amaneen guyyaa hojjechaa galgala barachuu murteesse,” jechuun dubbata.

Jireenyisaa baay’ee ulfaataafi abdii kutachiisaa akka ture kan ibsu Addisuun, ALI bara 2001 irraa eegaluun barnoota isaa kutaa 9-10 halkaniin waggoota sadiif, kutaa 11-12 ammoo idileedhumaan waggoota lamaaf hordofuun bara 2006’tti seensa yunivarsiitii argatee, Yunivarsiitii Amboo akka seene dubbata.

Turtii waggoota sadii Yunivarsiitii Ambootti dabarses baay’ee ulfaataa akka ture kan dubbatu, Addisuun turtii yunivarsiitii waggaa tokkoon booda ammas hojii waardiyyummaa baankii Birhaan Intarnaashinaal damee Ambootti qacaramuun hojjechaa akka ture hima.

Erga mana waraanaatii ari’ameen booda waggoota hadhaawoo saddet mana barootaa sadarkaa olaanaatii hanga yunivarsiitiitti kan dabarse Addisuun, haala ulfaataa keessa darbuu hima.

“Kutaa 9-10 guyyaa guyyaa hojii waardiyyummaa hojjechaa barachaa waanan tureef xiyyeeffannoo guutuun barnoota hordofuun ulfaataa ture.

Yeroon waardiyyummaa Baankii Birhaan Intarnaashinaal hojjechaa ture ammoo namoonni na mormaa turanfaa jiru. ‘Yookaan hojii dhiisuu, ta’uu baannaan ammoo barnoota dhaabuu qabda’ jedhu ture.

Gama tokkoon itti-gaafatamummaa maatii, gama biraan ammoo hojjechaa barnoota yunivarsiitii hordofuun ulfaataa ta’uu kan himu Addisuun, waggoota qormaataan guutaman sadiin booda barnoota Biizinasiitiin eebbifamuu isaa ibsa.

“Waanan lammaffaa dhaladhen se’e; umuriikoo keessatti sana duras, sanaan boodas akka guyyaa sanaatti gammadee hin beeku; gara fuulduraattis waanan kana caala gammadu natti hin fakkaatu,” jechuun gammachuu guyyaa eebba isaa ture BBC’tti himeera Addisuun.

Waardiyaa baankii irraa gara hojjetaa baankichaatti

Yunivarsiitii Amboo irraa eebbifamee baatii sadiin booda, Baankii Birhaan Intarnaashinaal bakkuma waardiyyaa ta’ee waggoota lamaaf hojjetaa turetti, hojjetaa tajaajila maamiltootaa (customer service) ta’uun akka qacarame kan dubbatu Addisuun, amma odiitara Baankichaa ta’uun hojjechaa akka jiru BBC’tti himeera.

Gaafa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessaa ari’amu lukkuu luka lamaa akka hin qabne kan dubbatu loltuun duraanii kun, “amma garuu, galanni Waaqaa hin badiin, manas qaba; ijoolleekoos kaffaleen barsiifachaa jira,” jechuun hima.

Haati manaa Addisuu, Maqdas, akka himtutti rakkoon sun hundumtuu darbee amma isheenis hojii daldalaarra akka jirtuufi ijoollee isaanii barsiifachaa jiraachuu BBC’tti himteetti.

Bu’aa bahiin jireenyaa kun maal nama barsiisa?

“Jireenyakoo keessatti kanan gaabbu murtoon qalbii ijoollummaatiin murteessee gara mana waraanaatti seenedha; akkuma ta’etti rakkadhees ta’uu barachuutu narra ture.

Kanan baay’ee itti boonu ammoo dukkana sodaachisaa sana keessa darbee jireenyakoof maatiikoo sirreessuudha,” kan jedha Addisuun ar’a irra taa’ee yeroo jireenya keessa darbe yaadatu.

Ogeessi baankii, Addisuun, “Ilmi namaa yoo qorame, qoraafame malee jireenyi itti hin mi’aawu,” jechuun dubbata.

Itti dabaluudhaanis, “namni haala fedhe keessayyuu taa’ee, kana boodas jireenyi jira jedhee yaaduu qaba!” jechuun namoota abdii kutannaafi qormaata jireenyaa keessa jiran gorsa.

Dhuma irrattis, maatiin ijoollee isaanii barsiisuu akka qaban ciminaan dubbata, Addisuun.

Gara fuuduraatti ijoolleesaa barsiisaa, barnoota digirii lammaffaa barachuufi ogummaa baankiitiin ammoo hanga sadarkaa hoogganaa baankiitti (manager) deemuuf karoora akka qabu BBCtti kan hime Addisuun, qormaata sana hunda keessatti oolmaan haadha manaa isaa Maqdasiifi obboleessa isaa qixisuu bakka guddaa akka qabu irra deddeebiin dubbata.