Maanguddoo dulluma keessa qorumsa biyyaaleessaa kutaa 12ffaaf qophiitti jiran

Maanguddoo qormaataaf qophaa'aa jiran

Obbo Qoncorrii Boruu jedhamu, Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaatti dhalatanii guddatan.

Umurii isaanii dargaggummaa fi ga’eessummaa hojii qonnaa fi loon horsiisuu irratti kan dabarsan yoo ta’u, erga maanguddummaatti seenanii booda gara barumsaatti fuula deeffatan.

Obbo Qoncorriin umurii isaanii akka dansaatti beekuu dhabanilleen ‘amma ganna 61 nan taha’ jechuun himu.

Maanguddoon umuriidhaan jahaatamoota keessa jiran kun amma soorama bahanii qe’ee keessa kan oolan miti. Barataa kutaa 12ffaa kan qorumsa biyyaalessaatiif qophiitti jiraniidha malee.

“Akaakayyuun kiyya hin baranne, abbaankoos hin baranne, anis hamman gara dullumaa kana gahutti hin baranneen ture” jechuun dheebuu barnootaaf qabaataa turan yaadatu.

Aanaa isaan keessa jiraatan keessatti ‘Barnoota bu’uuraa’ bara 2000 keessa ganda isaaniitti jalqabame gaabbii barnoota dhabuu isaan ofkeessatti qabatanii turan akka haaraatti akka karaa saaqeef himu.

“Barnoota bu’uuraa jedhanii ganda keessaa namoota 25 walitti nuqabanii nubarsiisuu eegalan. Ani durumayyuu gaabbii waanin qabuuf baayyeen gammade.

''Barnoota bu’uuraa sana warri wajjin jalqabe hunduu adda kutan. Ani isa xumureetiin kutaa tokko seene” jedhan haala barnoota isaanii itti fufan yoo dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2001 keessa yeroo fedhii olaanaa barnootaaf qaban bahuuf jecha kutaa tokko seenan, abbaa ijoollee 11 ta’aniiru. Ijoollee isaanii keessaayis kaan isaanii herumanii, kaanis fuusisanii akaakayyuus ta’aniiru.

“Gaafan kutaa tokko seenu namni ni raajeffate. Amma kun jaarsi galee loon isaa hin tiksuu kan asii ijoollee keessa oolu naan jedhu.

''Ani garuu baradhee akka ummata kana amansiisu waanin beekuuf gurra hin kennineef, barumsa kiyya ittuman fufe malee” jedhan.

Gaafa kutaa tokko seenan seenaa waardiyyaa mana barumsaa isaan itti baratanii tokko ammoo akka barumsaaf ta’u nama hundatti akka himan dubbatu.

“Gaafan kutaa tokko sana seenu waardiyyaa mana barumsaa tokkotu ture. Barumsa hin qabu. Garuu manuma barumsaa oola.

''Manni isaas achuma mana barumsaa bira. Maaliif hin barattu jennaan ‘kana booda maal fayyada dulluma keessa’ naan jedhe.

''Gaafas ani kutaa tokkon jalqabe. Amma ani kutaa 12 gaheera. Inni garuu ammayyuu qubee tokko hin beekin jira,” jechun kutannoo malee umuriin barnootaaf akka nama hin daangeessine himu Obbo Qoncorriin.

“Keessa kiyya kan jiru ‘waan namni beeku akkamin wallaala’ kan jedhudha.

''Yeroo namni qaama hir’uu ta’elleen baratu kanatti ani akkamitti qaama guutuu ta’ee qubaan mallatteessa kan jedhuun yaada. Ganna nahafe kanatti dhaqqabadhee bu’aa buusa jedheen itti jira kunoo.”

Barataa mana barumsa Qophaa’ina Bulee Horaa kan ta’an maanguddoon kun Wixata darbe kana qorumsa biyyaalessaa fudhachuuf unka isaanii guutanii qorumsaaf qophiitti jiru.

Maanguddoo ganna 61 qormaata biyyoolessaaf qophaa'an

Qorumsa biyyaalessaa kanaan yoo milkaa’an, bara dhufu yunvarsiitii seenanii eebbifamuun galma isaanii ijoo ta’uulleen dubbatu.

“Qormaaata dhufu kana Waaqni yoo naqaxxaamurse yunvarsitiin seena.

''Barsiisaan kiyya tokko ‘biyya alaatti maanguddoo dulloome tokko digirii lammeessoo isaa barachuuf ilmaan isaatu bobaa bobaa qabee fooqii yaabsisee barata’ naan jedhe.

''Sun hamilee tiyya baayyee cimse,” jechuun gorsi sun akka hamilee kenneef ibsu.

“Ani amma maanguddoodha malee lafeen kiyya cimaadha. Yoon yunvarsiitii seene fooqi feete qarqaarsa malee ruqqisee bahee ruqisee bu’ee nan baradha,” jedhu.

Karoora isaanii gara fuuladuraa yoo ibsanis, ”yunvarsiitiirraa eebbifamee maatii kiyya, barsiisota kiyya, hawaasa ganda kiyyaalleen gammachiisuun fedha. Ammoo waan baradhe kanaan ambaashaalleen nyaachuu fedha,” jedhan.

Barnoonni umuriin hin daangessu kan jedhan maanguddoon kun, dargaggoonnis ta’e hawaasni cufti yeroon kiyya darbeera jedhanii barachuurraa abdii kutachuu hin qaban jechuun dhaaman.

Bara kana keessa maanguddoon biraa, Obbo Taaddasaa Gichillee jedhamanii fi kan umurii 69 ta’an qabxii qorumsa seensa yunvarsiitii argachuudhaan Yunvaarsiitii Jimmaa galuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Qoncorriin waa’ee maanguddoo yunvarsiitii seenan kanaa amma dura hin dhageenye ‘‘Innimmoo umuriidhaan nacaala, garuu akkuma kiyya nama cimaadha jechuudha,’’ jechuun raajeffatan.