Loltoonni Somaaliyaa Eertiraatti leenjirra turan yeroo duraaf ifatti mul'atan

Madda suuraa, @HAWELTI
Waggoota lamaan darbaniif siyaasaa Somaaliyaa keessatti falmisiisaa ta'uun kan ture dhimmi loltoota Somaaliyaa kumaatamaan lakkaa'amanii gara biyya Eertiraatti ergamanii amma kan xumura argachuuf jiru fakkaata.
Guyyaa Sambataatii kaasee dowwannaa guyyoota afuriitiif kan Ertiraatti argaman pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad bakka argamaniitti eebiifamunsaanii kan himamee looltoonni Somaaliyaa amma haalli irratti argaman ifa ta'eera.
Dilbata Adooleessa 10, 2022 mootummaan Eertiraa akka beeksiiseetti looltoonni Somaaliyaa waggoota sadan darbaniif Ertiraatti leenjii'aa turan bakkapirezidaanti Hasaan argamaniitti eebbifaman.
Dhimmi loltoota Somaaliyaa kunis keessatti waggoota daban keessa waraanni kaabaa Itoophiyaa kan Ertiraan keessatti qooda fudhatteen wal qabatee Somaaliyaa keessatti maatii lenjiitootaafi namoota siyaasaa jidduutti wal dhabdee cimaa uumee ture.
Mormitoonni pirezidaantiin Somaaliyaa duraanii Faarmaajoo, loltoota bakka hin beekamneetti erguun walaana keessatti hirmaachiseera jechuun himataa turan.
Kana hordofees maatiiwwan waa'ee ijoollee saanii baruuf hiriira gaggeessaa turunsaanii gabaafameera.
Leenjiitoonni Somaaliyaa kunneenis erga icciitiidhaan bakka ifatti hin himamneetti ergamanii booda jette jettee ka'een wal dhabdichi caalaa cimee ture.
Waraanaa Naannoo Tigraayiitti gaggeeffameen wal qabtees Dhaabbanni Mootummoota gamtomaniifi humnootiin TPLF, loltoonni Somaaliyaa waraanaa kaaba biyyatii keessatti humna waraanaa motummaa federaalaa maddii hiriiruun waraanarratti hirmaataniiru jechuunsaanii ammoo gaaffii biraa kaaseera.
Kanaan dura Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi humnootiin Tigraay waraana waliinii kaaba biyyattii keessatti lotoonni Somaaliyaa mootummaa Itoophiyaa tumsuun hirmaataniiru jechuun komatanii turan.
Loltoonni Somaaliyaa Eertiraatti argamuun leenjii fudhachuus ta'e waraana kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaachuu mootummaan Somaaliyaa Moqadishoo jiru haaleera.
Haata'u malee Pireezidantiin duraanii biyyattii Abdullaahii Farmaajoo dhiheenya kana wayita aangoo dabarsanii kennan, loltoonni Somaaliyaa 5,000 ta'an Eertiraatti leenji'aa jiraachuu mirkaneessanii turan.

Madda suuraa, @HAWELTI
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni Maree Mirga Namoomaa gabaasa isaa waggaa darbee keessatti loltoonni Somaaliyaa Eertiraatti leenji'an mootummaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun waraana Tigraay keessatti hirmaataniiru jedhe.
Manni maree kun sanada akkaataa qabiinsa mirga namoomaa Eertiraa irratti qopheesse keessatti, loltoonni Somaaliyaa leenjiirra turan adda waraanaa Tigraayitti akka geeffamanii fi magaalaa Aksuum keessa socho'aa turuusaaniif ragaa qabaachuu ibseera.
Mootummaa federaalaa waliin walwaraanaa kan jiran humnoonni TPLF loltoonni Somaaliyaa biyya ollaa kan taate Eertiraa akka ulaatti gargaaramuun naannoo Tigraayitti seenanii nu waraanaa jiru jechuun ibsanii turan.
Mootummaan Somaaliyaa himata kana haaleera. Mootummaan federaalaa Itoophiyaa dhimma kanarratti hanga yoonaa ifatti waan dubbate hin qabu.
Eebba loltoota Somaaliyaa
Erga Pireezidantiin haaraa Somaaliyaa daawwannaaf gara Eertiraa imalanii booda Dilbata kaleessaa, Adoolessa 10, 2022, loltoonni Somaaliyaa hedduun wayita eebbifaman suuraadhaan akkasumas gabaasonni miidiyaa Eertiraan gadi dhiifamaa turaniiru.
Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yamaanee Gabramasqal tiwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti kanneen eebbifaman keessaaloltoonni Somaaliyaa waggoota sadan darbaniif leenji'aa turan tokko ta'uu ibsan.
Sirna eebbaa kaleessaarratti loltoonni Somaaliyaa eebbifaman meeqa akka ta'an, leenjii akkamii akka fudhatan, yoom akka achi geeffamanii fi yoom akka biyyasaaniitti deebifaman wanti ibsame hin jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
''Ijoolleen keenya eessa jiruu?''
Loltoonni Somaaliyaa waraana Tigraay keessatti hirmaataniiru gabaasi jedhu erga dhagahamuu eegalee jalqabee lammiileen Somaaliyaa (maatii fi firoonni) magaalota Moqaadishoo fi kaan keessatti hiriira ba'uun, ''Ijpoolleen keenya eessa jiru? Ijoollee keenya nuuf fidaa!'' jechuun gaafachaa turan.
Loltoonni kunneen jalqaba bara 2019 keessa gara Eertiraa geeffamuu gabaasonni ba'an ni mul'isu.
Loltoonni kunneen osoo biyyaa hin baafamin duraan gara biyya waancaa addunyaa qopheessaa jirtuu-Kaataar- deemtu jedhamanii turan.
Abbaan ilmasaanii haala kanaan dhaban kan Rooyitarsi dubbise-Alii Jimmaak Duudii, ilmisaanii waancaa addunyaa Kaataar qopheesiturratti tajaajila waardiyummaa kennuuf garas imaluun itti himamuu akka beekan dubbatan.
Abbaan kun ilmisaanii Eertiraa akka du'e hubachuu dubbataniiru.
Maatiin hedduun ijoolleensaanii eessa akka jiran akka hin beekne Rooyitarsitti hiamniiru.












