Leenjisaa Gammadoo wanti har'a mudate maali?

Leenjisaan Gammadoo Daddafoo Kamisa ganama mana isaanii erga fuudhaman booda maatiin yaadda'uu miseensi maatii BBC'tti himaniiru

Madda suuraa, Gemedo Dedefo

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Gammadoo Daddafoo Kamisa ganama mana isaanii erga fuudhaman booda maatiin yaadda'uu miseensi maatii BBC'tti himaniiru

Leenjisaan maaraatoonii torban kana badhaasa fudhachuu diduun ijoo dubbii kan turan, Gammadoo Daddafoo, guyyaa har’aa erga to’annoo jala oolan booda galgala keessa gadhiifamaniiru.

BBC’n miseensota maatiifi kanneen isaan beekanirraa akka odeeffatetti, leenjisaan kuni ganama manaa fuudhaman.

''Sa’aa 12 irratti manumaa fudhatan'' kan jedhan miseensi maatii maqaa isaanii dhoksine, sababa kanaanis maatiin yaaddoorra bu’uu himan.

''Wanti tokko yoo uumame gaaffiin kama jiru. Bakki inni bu’e dhabuu keenyatu baay’ee nu dhiphise’’ jedhan haala ture yeroo ibsan.

BBC’n maddeen garagaraarraa akka odeeffatetti, kanneen leenjisaa kana manaa fudhatan humnoota tikaati.

''Nuyi daninnatiidha [humnoota tikaati]. Gaaffiif si barbaanneeti jedhaniituma'' fudhatan kan jedhan maddi BBC.

Hanga gadhiifamanii manatti deebi’anitti bakki tursanis akka hin beekamne himan. ''Hin beekamne hanga ammaa'' jechuun ibsan.

''Wanti guddaan inni galuu isaati.''

Maaliif to'atan?

Dhimma leenjisaa Gammadoo Daddafoo irratti hanga yoonaa qaami mootummaa ifatti dubbate hin jiru.

Sababa mana dhufanii isaan fudhatan kan gaafataman miseensi maatii BBC’n dubbise haala ture akkanaan himan.

''Tarii namni duubarra jiraateetin dhiibbaan jiraate wanta kana haasa’uf kana kana adda baafatuufi,’’ jechuu himan.

Erga leenjisaan kuni badhaasa birrii miiliyoona lama didan booda kaan itti duulaa, kaan immoo deeggaraa ture.

Badhaasa kanammoo kan kennaa turan Pirezidantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee turan.

Dubbiin leenjisaa kuni erga ijoo dubbii ta’e booda BBC’n kan gaafataman leenjisaan kuni, ‘konkolaataa malee birrii eeganii akka hin turre’ dubbatan.

Miidiyaa biyyaalessaa EBC irratti dhihaataniimmoo ‘Pirezidantii Itoophiyaafi ummata Itoophiyaa dhiifaman gaafadha’ jedhanii dubbataniiru.

Eegasii guyyaa sadaffaa ganamadha manaa fudhatamuun isaanii kan gabaafame.

Haala guyyaa guutuu itti dabarsan hanga ammaa hin baramne.

Akkamiin gadhiifaman?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataan gadhiifaman kan gaafataman maddi BBC, warruma isa to’atanitu manatti deebise jedhan.

''Isaanumatu deebise, makiinaadhaan deebisan. Deebisaniituma naannoo manaatti buusani,‘‘ jedhan.

Isaanirratti wanti mudate yoo jiraate gaafatamanii ''homa takka rakkoon hin jiru’’ jedhan.

Leenjisaan fageenya dheeraa atileetota jajjaboo horaa jiran kuni erga dhiifaman gaafatan boodas maallaqi isaanii hin deebifamne.

Guyyaa har'aa qondaalli Ministeera Aadaa fi Ispoortii miidiyaa biyya keessaatti yoo dubbatan ''maallaqni gara kaazinaa mootummaatti deebi'a,'' jedhan.

''Sababni isaa kennaa dirqamaan fudhaa waan hin jedhamneef,'' jechuun dubbachuun isaanii gabaafameera.

Waggoota 20 siqaniif ispoortii keessa kan leenjisaa jiran Gammadoon, atileetota waltajjii addunyaarratti medaaliyaa injifatan horataniiru.

Atileetota kanneen keessaa kan Olompikii Paarisitti maaraatoonin rikardii Olompikii cabsuun warqii injifate Taammiraat Tolaadha.

Atileetiin isaan leenjisan biroo Tigist Asaffaa immoo Olompikii Paaris kanarratti medaaliyaa meetii injifachuun ishee ni yaadatama.

Itoophiyaan Olompikii baranaarratti medaaliyaa afur kan argatte yoo ta'u, qabxiin kunis hawaasa mufachiiseera.

Medaaliyaa afur keessaa lama atileetoti lamaan isaan keenjisan biyyaaf argamsiisuu eerun ture Gammadoon badhaasichi 'na hin madaalu' jechuun kan dubbatan.

Dubbiin isaanii kuni sagantaa televijinii biyyaalessaarratti kallattiin darbaa tureerratti mul'ateera.