Giyookeresh tapha Maan Yunaayitid waliin taasifamuuf "%100" ni qophaa'a - Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images
Tapha michummaa bara dhufuuf itti qophaa'an Viyaariyaal waliin taasifamedha; akkas ta'ees deeggartoonni Arsenaal jifataa haaraa Paawondii miliyoona 64n mallatteessifatan Viktoor Giyookeresh Istaadiyeemii Emireetis keessatti osoo taphatuu arguudhaaf miirri gammachuu tureefi wanti eegan addadha.
Deeggartoonni jifataan umuriin isaa waggaa 27 ta'e kun kilabichatti makamuun isaa qaawwa goolii lakkoofsisuu qabu duuchuun dheebuu waancaa erga bara 2020 kaasanii qabanii isaan baasa jedhanii abdii addaan eeggachaa jiru.
Tapha Viyaariyaal waliin taphachuuf dirreetti bahan dursee yeroo toora qabatanitti maqaan Giyookeresh sagalee guddaan waamamee yeroo daawwattoota waliin akka wal baru taasifametti dirreen sagalee guddaan 'qodaa xaxate'- Iyyaafi fooricoo gammachuuti.
Boodarra yeroo gurbaan xiqqaa umuriin isaa waggaa 15 Maaks Doowmaan isa jijjiiree seene garuu sagaleen mormiis xiqqoo dhagaamuun hin oolle.
Yeroo kubbaan gara miila taphataa internaashinaalaa Siwiidin kanarra geessuufi taphattoonni garee isaa dirree keessa jiranis akka inni tapha isaa jalqabaa kanaan dirree ofiirratti lakkoofsisu hawwii qabaniin yaalaaa turanitti daqiiqaa hunda eegaa turan deeggartoonni.
Tapha michummaa kilaba La Liga irraa ta'e Viyaariyaal taasifame Arsenaal 3-2n mo'ame kanarratti garuu kan deeggartoonni eegan hin taane.
Taphataa Arsenaal ganna kana mallatteessifate Kiristaan Noorgaard fi amballii kilabichaa maartiin Odegaard garuu goolii tokko tokko lakkoofsisaniiru.
Haata'u malee, wantonni abdachiisoo ta'an mul'ataniiru. Giyookeresh sa'aatii taphate keessatti tapha Piriimer Liigii jalqabaa Arsenaal Hagayya 17 Maanchester Yunaayitid waliin taasisu dursee ga'umsa barbaachisurra gahuuf murteessoo turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga Ispoorting gadhiisee ji'ootaaf Arsenaal waliin yeroo shaakalaa kan hin argatiin jiru Giyookeresh, tapha michummaa Sambata dhufu Atileetikoo Bilbaa'oo waliin qabuunis, Manaajer Mikeel Arteettaaan taphataan sarara fuula duraa kun %100" qormaata Oold Tiraafoordiif guutummaatti ni qophaa'a jedhe.
"Ani sammuun qophaa'aa akka jiruufi maal hojjechuu akka fedhu nan hubadha, %100 ykn isaa ol qophiidha," jedhe Arteettaan.
"Sababiin isaas, baayyee fedhiifi ofitt amanamummaa waan qabuuf kallattiimaan waan irraa eegamu ni bahata. Ani shakkii tokko hin qabu, bakka sirrii ni qabata.
"Har'a toora sana keessa galeera, sababiin isaa isaaf tapha jalqabuun baayyee barbaachisaa ture, akkasumas miiraafi hariiroo garicha waliin mijeeffachuunis isaaf murteessaadha.
"Torban tokko ykn isaa ol qofa kan inni nu waliin ture. Haata'u malee, ani waan hedduu, kaka'umsa hedduu, keessumaa bakkeewwan ta'an keessatti akkamitti akka inni jifatu argeera.
"Kanaaf, walumaagalatti, taphattoota baayyee daqiiqaa hedduu hin taphanneef, amma waan baayyee qabna. Haala baayyee fooyya'aa ta'e keessatti Sambata [Bilbaa'oo] waliin qophaa'uu danda'u."
Ga'umsarra gahuufi madaquu
Arsenaal cimina Giyookeresh qabutti fayyadamuuf kubbaa baayyee saffisaan sarara fuula duraa keessa galchuuf waan yaalu fakkaata.
Kubbaa walakkaa jalqabaarratti galchuutti dhiyaatee ture. Tapha boqonnaan boodaarratti kubbaa rakkistuu isa bira geesse tokko qixeessee gooliitti yaalee ture garuu sirriitti jalaa qolatamte.
Arteettaan taphataan sarara fuulduraa duraanii Kooventrii Siitii Viktor Giyokeresh bakka haaraa isaa sirriitti madaqee qubachuuf yeroo hangamii fudhata jedhamee gaafatamee ture. Leenjisaan Arsenaal kun amma itti itti bara kan jedhu abdii guddaa qabaachuu dubbate.
"Guyyoota keessatti [madaqa] akka ta'u abdiin qaba" jedhe kolfaa.
"Guyyaa hunda shaakala keessatti dhuguma miira gaarii argachaa jira jedheen yaada."
"Alattis [dirreen ala] walitti dhufeenya ijaaraachaa jira, kunis taphattoota bakka inni taphaturratti akka baruuf isa gargaaruuf deeman waliin dhuguma barbaachisaadha."
"Sadarkaa dandeettii qaamaasaa, ji'a lamaaf garee tokko waliin shaakala hin goone. Kan har'aan dura shaakala shanirratti kan walga'amerratti argama jedheen yaada. Sambata tarkaanfii biraa fudhatee haalaan fooyya'a jedheen yaada."












