Sareen qaama saalaa taphataa duraanii Baarseloonaa ciniinte

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan lammii Ispeen tibbana qaama saalaa isaarra sareen akka malee ciniinte hospitaala galuun yaalamaa ture.
Taphataan kun Giriik keessatti osoo saree isaa qabatee daandiirra deemaa jiruu ciniiname.
Saree isaa fi saree gara biraatu daandii irratti wal lolan. Addaan baasuuf yeroo yaalu gidduutti ciniiname.
Taphataan kun qaama saalaa isaarra ciniinamuun yaalamaa ture.
Bakka jaha qaamni isaa hodhameefii hakiimni isa hordofaa jira.
Kaarles Peereez jedhama. Baarseloonaa keessa taphataa ture. Baarseloonaatii bahuun bara 2020 Roomaa gale.
Achiin booda ammoo kileba Ispeen Seeltaa Viigoo kan gale taphataan kun ergisaan amma kileba Giriik Aris Tesaloonik jedhamuuf taphata.
Taphataan ganna 27 kun kilebichaaf tapha jalqabaa isaa taphatee guyyaa tokkoon booda ciniiname.
Kilebni isaa Aris dorgommii Konfiraansii Awurooppaadhaan kileba Araz-Nakachivan jedhamu waliin taphachuun guyyaa tokko booda miidhaan kun irra gahe.
Miidhaan isarra gahe kun lubbuu isaaf hin sodaachisa jedhameera. Garuu tajaajila baqaqsanii yaaluu waan isa barbaachisuuf hordoffiin godhamaafii jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gahumsa gaariitti deebi'uuf jecha ergisaan gara kileba Giriik kan deeme Peerez yoom akka taphatti deebi'uu hin baramne.
Peereez akkaadaamii Baarseloonaa La Masiyaa keessatti guddate. Garee Baarseloonaa ga'eessotaaf hiriiruun taphoota 13 taphateera.
Seeltaa Viigoo irraas bara darbe ergisaan kileba Ispeen biraa Getaafeef taphateera.
Taphoota 30 irratti hiriiree taphachuun galchii sadii Geetaafeef lakkoofsiseera.
Kilebni Giriik Aris haala gaariirra jiraachuu ibsuun odeeffannoo haaraa deeggartoota isaan akka dhaqabsiisu ibseera.
Garee dargaggoota Ispeeniifis taphoota 18 irratti hiriiree taphateera. Ama mana yaalaatii bahuun mana isaatti bayyaannataa jira.
Taateen akkasii taphattoota kubba miilaa yoo mudatu yeroo hedduu dhagahamee hin beeku.
Taatee naasisaan bara kana dhagahame balaa konkolaataa taphataa Liiverpuul Deegoo Jootaa fi obboleessa isaa mudatedha.
Bara darbe ammoo taphataan lammii Giriik tahe Baaldook jedhamuu fi kileba Ingilizii Sheefiildi Yuunaayitidiif taphataa ture osoo bidhaan daakuu achuma keessatti du'ee argame.












