Maallaqi abbaa qabeenyaa Niiwkaasil Liivarpuul jifataa akka bitu gargaaruu malaa?

Daarwin Nuunez (bitaa) fi jifataa Niwkaasil Aleeksaandar Isaak

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daarwin Nuunez (bitaa) fi jifataa Niwkaasil Aleeksaandar Isaak

Liigiin Sa'udi Arabiyaa ganna kana bakka qubannaa jifataa Liivarpuul Daarwin Nuunez ta'uu mala.

BBC Sport akka odeeffateetti taphataan lammii Uraagaay gara Giddugala Bahaatti deemuuf akka jedhuufi dalaaloti waliigaltee kana xumuruuf cimanii hojjetaa jiru.

Kilabiin Al-Hilaal kan dhaabbata Sa'udii Public Investment Fund (PIF) jedhamuun to'atamuufi leenjisaa duraanii Intar Miilaan Simoon Inzaagiin leenji'aa jiru, Nuneez ofitti fiduu barbaada.

Nuneez ofirraa gaggeessuun immoo Liivarpuul Aleeksaandar Isaak Niskaasil irraa akka fidatu gargaaruu mala.

Niwkaasil kilaba biraa qabeenya dhaabbata Sa'udii Public Investment Fund (PIF) ta'edha.

Kanaaf, yoo Al Hilaal Nuuneziin mallatteessise dhaabbati Sa'udii kuni kilabiin isaanii tokko miidhaa kaan akka buufatu eeyyamuuf jira jechuudhaa?

Wanti dursa kennuuf maali?

Ammatti Nuuneez, ganna 26, kilaba Awurooppaa dhiisee bahuuf qophaa'uun isaa mirkana miti.

Kilaba Awurooppaa biroon ala shaampiyoonaan Xaaliyaanii baranaa Naappoliin Nuunez mallatteessifachuu barbaada.

PIF Al Hilaal dabalatee kilaboota gurguddoo Sa'udii afur keessa qooda 75% qaba.

Kilaba Niwkaasil keessammoo qooda 80% qaba.

Kilabiin Niwkaasil gaafa Jimaataa paawundii miiliyoona 110 Liivarpuul irraa dhihaateef hin fudhanne.

Sababni isaa Niwkaasil jifataa isaa taphataa lammii Siwizerlaandiif paawundii miiliyoona 150 gaafate.

''PIF wanti dursa kennu maali akka jedhee yaadu na taasise,'' jedha barreessaan dhimma Niwkaasil katabu Chaarlot Roobsan.

Chaarlot dhaabbati Sa'udii Niwkaasilif dursa kennuu isaarratti gaaffii qaba.

Miirri akkanaa deeggartoota keessa cimee akka mul'atu kaasa.

Livarpuul bituu danda'aa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'u malee, ekispartiin faayinaansii kubbaa miilaa Kiyeeraan Maaguwer Liivarpuul Nuunez jiraates bahes Isaak bituu inuma danda'a jedha.

''Jijjiirraa taphattootaa keessatti haala ho'aan hirmaatanis, yoo dhuguma barbaadan, paawundii miiliyoona 200 - 250 baasuu danda'u ture,'' jedheera.

Liivarpuul Filooriyaan Wiirz, Huugo Ekitikee,Miloos Kerkeez, Jereemi Firiimpong, Jiyoorjii Mamardashvilii fi Armiin Peksii bituun walumaa gala paawundii miiliyoona 265 baaseera.

Kuni, baasii dabalataa baase hin dabalatu.

Ta'us, taphattoota isaa kilabicha gadhiisan kanneen akka Luwis Diyaaz, Jaarel Quwaansah, Kaawomin Keleer fi Tireent Aleeksaandar-Arnoold irraa paawundii miiliyoona 115 argateera.

Maaguweer dabaluun ''Akkan yaadutti PIF caalaa Liivarpulitu kana keessa fayyadama jedheen shakka. Niwkaasil Isaak gurguruu hin fedhu.

''Al Hilaal immoo jifattoota biroo bituu danda'an qabu. Nuneez waan jiruuf, filmaata kana hordofuu barbaadan,'' jedhe.