'Isaakiin kilabni nu gaafate hin jiru' leenjisaa

Alezaander Isaak

Madda suuraa, Getty Images

Niiwkaasil Yunaayitiid taphataasaa sarara duraa Alezaander Isaakiin fudhachuuf gareen gaaffii dhiyeesse akka hin jirre leenjisaan kilabichaa Edii Haawu beeksise.

Jifataan lammii Siwiidiin maatii Ertiraarraa dhalatu Isaak, tibba jijjiirraa kanatti kilabicha gadhiisuuf filannoowwan jiran ilaaluuf garee Niiwkaasil qophiif gara Ezhiyaa imale keessaa hafeera.

Amma dura gareen Saawdii Al-Hilaaliifi shaampiyoonaan Ingiliz bara darbee Liiverpuul jifataa kana akka barbaadan gabaafameera.

Al-Hilaal taphataa kanaaf torbanitti miindaa paawundii 700,000 gahu dhiyeessuus Isaak ammatti gara Saawdii imaluu akka hin barbaanne ibsuun sadarkaa dhuunfaatti gaaffii dhiyaate kufaa gochuun gabaafameera.

Maddi tokko yaada BBC Ispoortiif kenneen ammoo Liiverpuul jifataa lakkoosa sagal irra taphatu Huugoo Ekitikee paawundii miliyoona 69n mallatteessifachuu boodas ammallee Isaakiin barbaada.

Warri Magpiis jifataasaanii hanga bara 2028tti isaan bira turuuf mallattesse kana tursiisuu fedhu. Leenjisaa Edii Haawu garuu hegereen taphataa kana guutummaatti nu harka hin jiru'' jedhe. Ammoo ammatti gaaffiin dhiyaatee isaan bira gahe akka hin jirres dubbate.

''Ammayyuu taphataa keenyadha. Kontiraatnisaa ammallee nu waliini'' jedhe ibsa miidiyaaleef kenneen.

''Nuti hegreesaarratti hanga ta'e murteessuu dandeenya. Nuuf carraan isa tursuu jira jedheen abdadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Fedhiin koo akka inni as turuudha, garuu guutummaatti wantan ani to'adhu miti. Kalaba kamuurraa garuu ammatti gaaffiin nuuf dhiyaate hin jiru.''

Isaak bara 2022 Riyaal Soseedaad irraa paawundii miliyoona 60n Niiwkaasilitti makame. Kontiraatni isaa xumuramuufis waggootni sadii ni hafu.

Isaak Niiwkaasiliif yeroo 109 hiriiree goolii 62 lakkoofsiseera. Bara darbe qofa dorgommii hunda irratti goolii 27 galcheera.

Liiverpuul kan amma jifataa sarara cinaasaa lammii Kolombiyaa Luwiis Diyaaz paawundii miliyoona 65 ta'uun Baayer Muunikitti gurgurachuu booda Isaakiin fudhachuuf carraa akka qabu gabaafamaa ture.

Kilabichi Isaak kan paawundii miliyoona 150 baasa jedhamuuf gatii jijjiirraa Piimiyeer Liigichaa ta'e akka qopheessus himamaa ture.

Isaak dhuunfaatti Liiverpuul waliin marii godhee miidnaafi kontirata waggaa shanii mallatteessuuf tole jehcuun gabaafameera.

Sa'aatiiwwan dhufan keessatti Liiverpuul jifataa kaa fuhachuuf gatii jijjiirraa paawundii miliyoona 100 ta'u akka dhiyeessu eegama.

(Sky Sports Switzerland - in French) akka gabaasetti waliin dubbiin kilaboota lamaanii guyyoota lamaan dhufan keessatti eegala.

Liiverpuul marii keessa jijjiirraa Isaakiif hanga paawundii miliyoona 120 baasuuf qophaa'eera jedhame.