Maan Yuunaayitid Sheeskoo mallatteessisuuf Yuuroo mil.85 dhiyeesse

Beenjaamin Sheeskoo

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Beenjaamin Sheeskoo Maanchister Yuunaayitidii fi Niwkaasil waliima isaanii akka wal'aansoo wal qaban gochaa jira jedhe gaazexaan biyya Jarman Bild.

Maan Yuunaayitid yoo Sheeskoon kileba keenya galuuf fedha qaba tahe gatii keenya ni dhiyeessina jedhanii ture.

Har'a hanga yuuroo miliyoona 85 gahu dhiyeessaniiru.

Sheeskoon kileboonni lameenuu yoo isa gaafatan pirojektii isaanii ilaalee tole jechuun akka fedha qabu agarsiiseera jedha gabaasni kun.

Maanchister Yuunaayitid erga taphattoota lama paawondii miliyoona 130'n mallatteesisee xiyyeeffannoo isaa inni guddaan taphataa sarara duraa barbaaduudha.

Lakkoofsa tokko irratti kan barbaadu ammoo Beenjaamiin Sheeskoodha. Taphataa kana kileboota hedduutu barbaada. Amma garuu morkichi Maanchister Yuunaayitidii fi Niwkaastil Yuunaayitid gidduutti taheera.

Niwkaastil Yuunaayitid Aleeksaander Isaak tures kilebicha gadhiisee bahes Sheeskoo mallatteessisuuf humna akka qaban himaniiru.

RB Leepzhigiif hanga paawondii miliyoona 70 akka dhiyeessan miidiyaaleen gabaasaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanchister Yuunaayitid gatii Niwkaastil dhiyeesse gadi haa tahuyyuu malee Yuuroo miliyoona 85 har'a dhiyeessera.

RB Leepzhiig hanga ammaatti gatii kam akka fudhatan hin murteessine.

Miiidyaaleen biyya Sheeskoo, Islooveeniyaa keessaa guyyaa lamaan dura akka gabaasanitti taphatichi Niwkastiliin filachuu hin hafne.

Haa tahu malee, odeeffannoon har'a dhagahamu yooma hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii hin qaban taheyyuu Sheeshkoon Maanchister Yuunaayitid akka filatu kan akeekan jiru.

Bild Sheeskoon pirojektii Niwkaastilitti %100 hin amanne jedhe. Yaadni isaa gara Maan Yuunaayitiditti kan duufe fakkaata jedhe.

Maanchister Yuunaayitid akkaataa kaffaltii fi gatii taphatichaa irratti mari'achaa turuun hanga paawondii miliyoona 73tti kaffaluuf akka fedha qaban odeeffannoon agarsiisanis bahaa jiru. Kun boonasii fi kaffaltiiwwan dabalataa kaan dabalateeti.

RB Leepzhig ammoo taphatichi akka baay'ee barbaadamu waan beekaniif paawondii miliyoona 78 gadi hin gurgurru jechaa akka jiran 'Teamtalk' gabaaseera.

Niwkaastil tapha ykn qumaara Sheeskoo kana waan jaalate hin fakkaatu. Murtoo isaa yeroo gabaabaa keessatti barbaadu.

Niwkaastil Sheeskoo kan dhaban yoo tahe taphataa sarara duraa PSG Gankaaloo Raamos mallatteessisuuf fedha akka qaban himaniiru.

Maatiyaas Kuunaa fi Biriyaan Embuumoo fuulduratti Sheeskoo kan barbaadan Ruuben Amoorim osoo Piriimer Liigiin hin jalqabiin argachuu barbaadu. Garuu haaluma kanaan yoo dorgomicha jalqabnes ''rakkoo hin qabu'' jedhanii ture.

Garuu Jooshoyaa Zirkizee fi Rasmas Hooyilaandi irratti hirkachun Maan Yuunaayitidiin rakkoo galchii lakkoofsisuu keessaa waan baasan hin fakkaatu.

Rasmas Hooyilaandi yoo Maanchister Yuunaayitid kileba kana gadhiisi na jedhe malee asuma tureen bakkakoof falmadha jedhe.

Bakka bu'aan Sheeskoo kaleessa gara Jarmanitti imaluun RB Leepzhig waliin mari'ateera.

Kilebichis gatii barbaadu argannaan taphaticha gadhiisuu akka danda'an ibsaniiru.

Zhaavii Siimonsi Cheelsiitti gurguraa kan jiru kilebichi Sheeskoos gatii sirrii argannaan ni gurgura.

Bara kana hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii kan dhabe RB Leepzhig taphattoota isaa ciccimoo dhabaa jira.

Yuunaayitid Sheeskoo waggoota sadii oliif hordofaa ture. Bara Ten Haagis akkasuma taphaticha mallatteessisuu barbaadee ture.