Maan Yunaayitid Jaaksan dabalatee jifataa barbaacha gabaa jiraachuufi oduu jijjiirraa biroo

Nikoolaas Jaaksan

Madda suuraa, Getty Images

Jifataan Chelsii Nikoolaas Jaaksan Maanhechester Yunaayitid fi Niiwukasil Yunaayitidiif akka filannootti ilaalamaa jira.

Kilaboota lamaan keessaa abbaan jifataa RB Leepizhiing Beenjaamiin Sheeskoo dhaban taphataa lammii Senegaal kana fudhachuuf karoorfataniiru.

Kilabni bara kana gara Piriimer Liigiiitti o guddate Senderlaand ammoo Doominiik Kaalvert-Leewin fudhachuuf yaadaa jira.

Gama biraan West Haam taphataa Aston Viilaa Jaakob Raamsee fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.

Looyid Keelii

Madda suuraa, Getty Images

Maanchester Yunaayitid fi Niiwukasil Yunaayitid jifataa lammii Siloveeniyaa Benjaamiin Sheeskoo fudhachuuf dhimmanii hordofaa jiru.

Kilaboota lamaan keessaa abbaan taphataa umuriin isaa waggaa 22 ta'e kana RB Leepizhing irraa fudhachuurratti hin milkaa'iin hafe garuu taphataa lammii Senegaal umuriin isaa waggaa 24 Nikoolaas Jaaksan Chelsiirra fudhachuuf karoora qabu.

Karaa biraan ammoo Maanchester Yunaayitid Sheeskoo argachuu baannaan taphataa Ingilaand umuriin isaa waggaa 29 Olee Waatkins Aston Viilaarraa fudhachuuf yaada qaba.

RB Leepizhing ammoo taphataa Ingilaand sarara gidduu umuriin isaa waggaa 22 ta'e Harvii Elliyoot Liiverpuul waliin dubbachaa jira. Liiverpuul taphataa kanaad Paawondii miliyoona 40 fi booda irratti iaalamee kaffaltaa dabalataafi booda ammoo deebisanii bitachuu, ykn ammoo kun yoo hafe paawondii miliyona 50 gaafateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanchester Yunaayitid taphataa isaa lammii Ingilaand sarara ittisaa umuriin isaa waggaa 32 ta'e Harii Maaguweeriif fedhii kilaboota Piriimer Liigii fi Xaaliyaanirraa dhiyaate dideera.

Juuvenuus taphataa lammii Ingilaand sarara ittisaa umuriin isaa waggaa 6 ta'e Looyid Keelii gurguruun bakka isaa taphata sarara ittisaa lammii Polaand umuriin isaa waggaa 25 Jaakub Kiwoorii Arsenaal irraa fudhachuuf yaada qabu.

Bara kana gara Pirimer Liigiitti an ol guddate Sanderlaand ammoo jifataa Everten Dominiik Kaalvert-Lewiin fudhachuuf yaadaa jira. Taphataan Ingilaand umuriin isaa waggaa 28 ta'e kun amma eessattuu jijjiiramuuf bilisa yoo ta'u, kilaboonni Piriimer Liigii biroo yoo kan isa gaaftan ta'eefis eegaa jira.

West Haam taphataa sarara gidduu lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 24 Ason Viilaarraa fudhachuuf yaadaa jira. Taphataan kun garuu gara fuula duraatti maal gochuuf akka jiru ammallee hin murteessiin jira.

Liiverpuul taphataa lammii Xaaliyaanii umuriin isaa waggaa 18 ta'e Jooaanii Liyoon Paarmaa irraa fudhachuu dabalatee taphattoota umuriin isaanii reefu ta'an sarara ittisaarratti argachuu Awurooppaa waliin gahaa jira.

Niiwukasil taphataa sarara ittisaa lammii Jarmanii umuriin isaa waggaa 23 Maalik Taawii fudhachuuf AC Miilaan gaafachaa jira.

Nootingihaam Forest taphataa sarara gidduu lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 27 ta'e Doogilaas Luwiiz Juuventuus irraa fudhachuuf bakka bu'aa isaa waliin dubbachaa jira.

Kana malees, Notingihaam Frest, RB Saalzibarg irraa taphataa sarara gidduu lammii Daach umuriin isaa waggaa 24 ta'e Maadis Biidistiraap fudhacuuf irrratti xiyyeeffatee adamsaa jira.

Taphataan sarara bitaa duraanii Maanchester Yunaayitid umuriin isaa waggaa 24 ta'e Biraadon Wiliyaams ammoo kilaba tokko keessa osoo hin galiin ji'oota 12 dabarsullee Haal Siitii dabalatee kilaboonni Shaampiyoonships keessa jiran baayyeen barbaadaa jiru.

Darbii Kaawontiin ammoo taphataa lammii Ingilaand sarara gidduu duraanii Liiverpuul umuriin isaa waggaa 20 ta'e Roobii KilaarkRB Leepizhing irraa ergisa yeroo dheeraatiif fudhachuu abbalaa jira.

Tootenhaam ammoo sarara fuula duraa isaa cimsachuudhaaf AC Miilaan irraa taphataa lammii Poorchugaal umuriin isaa waggaa 26 ta'e Raafaa'el Liiyoo, Riyaal Maadiriid irraa ammoo taphataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 24 ta'e Roodiriigoo fudhachuuf yaadaa jira. Kilabni Landan kun tokko yoo dhabe kaaniin milkaa'uuf akka filannootti qabateera.