Saan waggaa 10 booda Tootenhaam gadhiisuuf, garam deema?

Saan

Madda suuraa, Getty Images

Amballiin Tootenham Saan He'uung-min waggaa 10 booda ganna kana keessa kilabicha gadhiisuuf akka jiru hime.

Taphataan pirofeeshinaalaa lammii Kooriyaa Kibbaa kun bara 2015 keessa ture kilaba Jarmanii, Baayer Leeverkusen irraa kan Tootenhaamitti makame.

Turtii isaa Tootenhaam Hotispar waggaa 10 kana keessattis taphoota 454 taphatee gooliiwwan 173 lakkoofsisuu danda'eera.

Ji'a Caamsaa keessa tapha waancaa Yurooppaa Liigii irratti yeroo Tootenhaam Maanchester Yunaayitidiin mo'ate amballiin Saan ture. Waancaan Yurooppaa Liigiin Tootenhaam Saaniin durfamee injifate kunis waancaa waggaa 17 as keessatti kilabichi argatedha.

Taphataan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 33 ta'e kun, Tootenhaam waliin kontiraata hanga bara 2026 turu qaba.

Saan kilaba Piriimer Liigii kana gadhiisee eessa deema kan jedhu gaaffii ta'uun isaa hin oolu.

Akka odeeffametti, maqaan isaa Maajer Liigii Sookar Ameerikaa keessaa kilaba Los Anjalas FC waliin maqaan isaa ka'aa jira.

Saan waa'ee kilabicha gadhiisuuf murteessuu yeroo ibsetti, " jiruu kiyya keessatti [murtee] isa baayyee hunda caalaa ulfaataa ta'edha" jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan Kooriyaa Kibbaa kun kana kan dubbate ibsa manaajera Tootenhaam haaraa Tomaas Firaank waliin dhiyaate miidiyaaf wayita ibsa kennettidha.

"Ani daa'ima ta'een gara Landan Kaabaa dhufe - yeroon umurii baayyee ijoollummaa keessa jiru. Gurbaa xiqqaa afaan Ingiliffaallee dubbachuu osoo hin danda'iin gara Landan dhufen ture," jedhe Saan.

"Kilaba kana keessaa nama guddaa ta'ee ba'uun kiyya waanan baayyee, baayyee itti boonudha."

Yeroo ammaa kana Tootenhaam tapha dursaa qophii bara kanaatiif Saan waliin See'ul kan jiru yoo ta'u, yeroo dhumaatiif kilabichaaf kan hiriiru isa biyya isaa Kooriyaa Kibbaatti taphatu kana ta'a jechuudha.

Tapha michummaa Dilbata dhufu Niiwukasil waliin taasisan irratti garuu Saan hin hirmaatu.

Anje Postekaaguluu bakka bu'uun leenjisaa haaraa Tootenhaam kan ta'e Firaank, Saan "goota Tootenhaam dhugaa" fi "taphattoota baayyee ciccimoo Piriimer Liigii keessa taphatan keessaa isa tokkodha" jechuun isa ibseera.

"Kun Saaniif tapha isaa dhumaa [Tootenhaam waliin] taanaan, asitti deeggartoota biyya isaa duratti ta'uun isaammoo akkam gaariidha," jedhe Firaank.

"Xumura miidhagaa ta'uu danda'a."

Tootenhaam Hagayya 13 tapha Uefa Super Cup irratti Paariis St-Jermeen waliin taphata, yeroo sanatti garuu Saan gadhiisee deemuu danda'a.