Sheeskoo moo Giyookeres, Arsenaal moo Maanchister Yuunaayitiditu milkaa'e?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa Arsenaal barbaadaa ture Sheeskoon gara Maanchister Yuunaayitid, inni Maan Yuunaayitid barbaadaa ture Giyookeres ammoo gara Arsenaal galeera. Garuu kilaba kamtu milkaa'e? Maaliin wal caalu?
Waggoota sadan darban Arsenaal hanga dhumaatti waancaaf falmachuun Maanchister Siitii fi Liiverpuuliif harka kennuun xumure.
Waancaa Piriimer Liigii waggoota 20 oliif kilebicha irraa fagaate taphataan duraanii Arsenaal kan amma kilebicha leenjisaa jiran Mikel Arteettaan gara Emireetisitti deebisu jedhamee abdatamaa ture.
Bara darbe yeroo Maanchister Siitiin gadi bu'u Liiverpuul cimee dhufuun waancaa Piriimer Liigii mo'ate.
Arsenaal miidhama Kaayi Haaverti, Saakaa, Odeegaardii fi kaaniin gara boodaatti qabxii isa barbaachisu guutuu argachuu hin dandeenye.
Arteettaan taphataa sarara duraa cimaa galchii 20 fi isaa ol lakkoofsisuuf tokko akka isaan barbaachisu xiinxaltoonni kaasaa turan.
Bara darbee eegaluun barbaadaa kan turan Beenjaamin Sheeskoo yeroo jijjiirraa ganna kanaatti mallatteessisuuf akka malee barbaadaa turan.
Amma kan mallatteessisan Viiktar Giyookeresidha. Giyookeres kileba biyya Poorchugaal yoo tahu, taphataa kana waggaa lama dura ture Kooventarii irraa kan mallatteessise.
Arsenaal amma taphataa waggaa lama keessatti taphoota 102 irratti galchii 97 lakkoofsise harka galfate. Taphataa kana Maanchister Yuunaayit baay'ee barbaadee ture. Giyookeres garuu Arsenaal malee du'een argama jedhe.
Miindaa isaa irraa gara Yuuroo miliyoona lamaa kan tahu Ispoortiingiif dhiisuun akka waliigaltichi xumuramu godhe.
Giyookeresii fi abbaan isaa wlaiigaltichi dafee xumuramuu dide jennaan hanga imimmaan buusanii boo'uutti gahaniiru.
Arsenaal Sheeskoo dhiisee fuula isaa gara Giyookeresitti erga deebisee halkanii guyyaa irratti hojjechuun taphaticha harka isaa galfate.
RB Leepzhiig Arsenaal deebi'ee Sheeskoo gaafata jedhee eegaa akka ture miidiyaaleen gabaasaniiru. Garuu kunis hin taane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mee garaagarummaa taphattoota kanneenii haa ilaallu. Giyookeres Liigii Poorchugaal keessa waggaa lama qofa ture.
Umuriin isaa ganna 27 yoo tahu, yeroo gahumsa isaa guddaa kennuu danda'u irra jira. Taphataan kun maashinii goolii oomishu jechuun danda'ama. Yoo akka Ispoortiingi Liisbanitti itti fufe.
Bara dorgommii xumurame kileba isaa shaampiyoonaa yeroo taasise taphoota 33 irratti galchii 39 lakkoofsise.
Leenjisaan kanarra isa gahe garuu Ruubeen Amoorim kan amma Maanchister Yuunaayitid leenjisaa jirudha.
Falaasamni taphaa Arteettaa akkuma kan Ruuben Amoorim kan isaaf mijatu yoo tahe galchii hedduu lakkoofsisuu danda'a. Garuu kun Piriimer Liigiidha. Akka liigii Poorchugaal galchii lakkoofsisuun salphachuu dhiisuu mala.
Giyookeres bara darbe dachaa sadii galchii Beenjaamiin Sheeskoo lakkoofsiseeti kan kileba isaaf lakkoofsise. Kana jechuun Sheeskoon bara dorgommii darbe galchii Bundisliigaa 13 RB Leepzhiigiif lakkoofsise jechuudha.
Sheeskoon umurii isaa ganna 22. Abdii boriiti. Garuu dandeettii akkamii akka qabu Bundisliigaas tahe biyya isaaf yeroo taphatu argameera.
Kilebni isaa RB Leepzhiig bara dorgommii darbe toorbaffaan waan xumureef gahumsi Sheeskoos isa waliin gadi bu'eera.
Garuu kanaan taphataa kana addatti madaaluun ulfaata. Akka gareetti waan gadi bu'aniif.
Yaalii gara galchiitti taasise Bundisliigaa keessaa 16ffaa irra isa kaa'a.
Giyookres yoo xiqqaate daqiiqaa 20 keessatti al takkaa gara galchiitti kubba tokko yaala. Sheeskoon daqiiqaa 35 keessatti al tokko yaala.
Kubba qilleensarraa galchiitti jijjiiruufis tahe garee isaaf dabarsuudhaan Sheeskon Giyookeres irra caalmaa qaba. Keessumaa bara 2023 keessa gahumsa guddaa agarsiiseera.
Saffisa qabuun ammoo Bundisliigaa keessaa warra jalqaba irartti argaman keessaa tokko.
Kubba naannoo galchiitti argate qofa osoo hin taane fageenya irraa rukutee lakkoofsisuunis taphataan kun gahumsa addaa qaba.
Taphattoota liigota Awurooppaa gurguddoo shan keessa taphatanii fi umuriin isaanii waggaa 23 gadi tahan keessaa galchii lakkoofsisuun tokkooffadha.Liiverpuul kan gale Filooriyaan Wiirziin galchii shaniin caala.
Beeliingihaam kan amma Riyaal Maadiridiif taphatuun ammoo galchii tokko caala.
Yoo Maanchister Yuunaayitid akka gareetti bayyaanatee dorgomaa jabaa taheef Sheeskoon galchii hedduu lakkoofsisuu danda'a.
Yuunaayitid taphaticha Maatiyaas Kuunaa fi Biriyaan Embuumoo gidduun lakkoofsa sagal irra akka taphatuuf mallatteessisaa jira.
Arsenaal Giyookeres qofa osoo hin taane Noonii maduweekee Cheelsii irraa mallatteessiseera.
Zuubimandii, Odeegaardii fi Raayis akkasumas gahumsa saakaa fayyadamee Giyookeres carraa galchii hedduu Arsenaaliif lakkoofsisuu qabu guddaadha.
Garuu muuxannoo Piriimer Liigii guddaa hin qabu. Shaampiyoonshiippii keessa Kooventariif taphateera.
Biraayitan yeroo ture ammoo carraa gahaa hin arganne. Birqabaan yoo ilaalamu Bundisliigaan Piriimer Diviziyoonaa Poorchugaal caalaa cimaadha.
Arsenaal Sheeskoon kileba keenya galuuf RB Leepzhig akka gatii hir'isuuf dhiibbaa hin goone jechuun dafee fuula isaa Giyookeresitti naannafate.
Amma falmii Maanchister Yuunaayitidii fi Niwkaastil gidduutti taphataa kanaaf godhamaa jiruun odeeffannoon bahaa jiru Sheeskoon Maan Yuunaayitid galuu akka barbaadudha. Kun kan milkaa'u yoo tahe galchii hedduu lakkoofsisuuf bara darbe kan rakkate Yuunaayitid goginsa kana keessa bahaa?
Arsenaal hoo galchii Giyookeresiin dheebuu waancaa Piriimer Liigii bahaa?












