Arsenaal, Maan Siitii moo Chelsii; barana Liiverpuulitti eenyuti falma?

Madda suuraa, Getty Images
Liiverpuul ganna kana taphattoota ciccimoo maallaqa gurguddaa baasee mallatteessifatee booda shaampiyoonummaa isaa dabarsee eenyuufuu akka hin kennine qoma dhiibee dhiyaachaa jira.
Liiverpuul bara darbe kana leenjisaa haaraa Arnee Siloot jalatti osoo taphni afur isaan hafuu waancaa nyaachuu mirkaneeffatan, lamaffaan kan xumure Arsenaaliin qabxii 10niin caalee mirgaan gale.
Ganna kana ammo gareen Arnee Siloot hanga ammaatti maallaqa Paawondii miliyoona 269 baasee taphattoota qaqqaxalee fudhateera.
Taphattoonni kunneenis gatii kilabichaatiin rikkardii haaraa kan ta'e Paawondii miliyoona 100n taphataa sarara gidduu Baayer Liiverkusan irraa Filooriyaa Wiirtiz mallatteessifateera.
Gatiin taphtaa kanaa haalli jiru ilaalamee gara Paawondii miliyoona 116tti guddachuu danda'a.
Jifataan Eyintiraakt Firaankifart Huugoo Ekitiikee, (ka'umsa Paawondii miloiyoona 69n) ittisaa sarara gama bitaa Barnomaawoz Miloos Kerkeez (Paawondii miliyoona 40n), akkasmumas sarara ittisaa cinaa mirgaarraa Liiverkusan irraa Jermii Firiimpoong (Paawondii miloiyoona 29.4) taphattoota dabalataan Liiverpuul ganna kana fudhatedha.
Karra eegaan Vaaleenshiyaa Jiyoorjii Mamardaashiviil ammo bara darbe ture Paawondii miliyoona 25n Liiverpuulitti kan makame.
Gareen Siloot baasii guddaa hanga kanaa baasee boodallee dabalataan sarara fuula duraa isaa daran cimsachuuf jifataa Niiwukasil Aleksaader Isaak dabalatee taphattoota ciccimoo barbaadaa jira.
Haata'u malee, masaanonni ykn morkattoonni kaanis ganna kana baasii guddaa baasuun garee isaanii cimsachaa jiru.
BBC Sport kilaboonni Piriimer Liigii gurguddoo bara darbe tokkoo hanga shanii bahan ganna kana hangam akka baasaniifi eenyuun akka mallatteessifatan ilaaleera. Taphattoonni isaan mallatteessifatan kunneen Liiverpuul dura dhaabbachuuf kan isaan dandeessisudhaa?
Arsenaal (2ffaa, qabxii 10n caalamee)

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattoonni Arsenaal ganna kana mallatteessifate: Viktor Giyokeresh (Ispoortingirraa), Maartiin Zuubimendii (Riyaal Soosidaadirraa), Noonii Maaduweekee fi Kepaa Ariizabalaag (Chelsiirraa), Kiristaan Noorgaard (Bireetifoordirraa), akkasumas Kiristaan Moskeeraa (Valeenshiyaarraa).
Taphattoonni Arsenaal ganna kana gaggeesse: Kireen Tiyeernii, Jorjiinihoo, Tomaas Paartee, Takehiroo Toomiyaasuu.
Baasiin ganna kana baase: Paawondii miliyoona 210.
Rippoortarri BBC Sport Aleks Hoowel: "Barri kun Arsenaaliif bara gaarii ta'uu isaa namni haalu hin jiru.
Erga bara 2020 as waancaa argachuutti deebiyuudhaaf gareen kun 'sadarkaa haaraa kanaan dura irra hin turrerra gahuu isaatti' taphattoonni, manaajarrii fi hojjettoonni kilabichaa hunduu irratti walii ni galu.
"Ze Gaaners garee isaanii cimsachuuf taphataa sarara fuula duraa baayyee eegamaa ture Viktor Giyookeresh Ispoortingirraa fudhachuu dabalatee baasii jalqabaan Paawondii miliyoona 190 ol baasaniiru.
"Mikeel Arteetaa Arsenaal Piriimer Liigii keessatti dorgomaa cimaa taasisuu keessatti hojii ajaa'ibaa hojeteera.
Akkuma kana ammoo dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatis walitti fufinseen akka hirmaatu taasiseera.
Amma garuu tarkaanfii itti aanu fudhachuuti irraa eegama. Wagoota walitti aananiif waancaa bira gahee hin argatiin waan tureef barri kun bara dhiibbaan irra jiraatudha.
"Arteettaan akkaataa tapa Arsenaal itti taphatus waan jijjiiraa jiru fakkaata. Tapha michummaa taphataa turaniin kubbaa saffisafi gara fuula duraatti deemee goolii akka ta'u barbaadan taphachaa turan.
"Hundi isaa ammoo yeroo kan gaafatu ta'ullee tooftaa tapha Giyookereshiif akka ta'utti yaadameeti. Tooftaan kun yoo hojjete Arsenaal ammas baayyeedhuma dhiyaachaa dhufa"
Maanchester Siitii (3ffaa, qabxii 13n caalamee)

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni ganna kana mallatteessifate: Tijjaanii Rejinder (AC Miilaanirraa), RaayaanCherkii (Liyoonirraa), Raayaan A'it-Nuur (Wolvizirraa) Jams Tiraafoord (Burnileerraa), akkasumas Siviir Niipaan (Roozenbergirraa).
Taphattoota gaggeessan: Keevin Dee Biruunee (ni gadhiise), Kaayel Wookar (Barnilee)
Maallaqa ganna kana baase: Paawondii miliyoona 154.
Rippoortarri BBC Sport Shaamoon Hafeez: "Waancaa tokko osoo hin argatiin kan dabarse Maanchester Siitiin shakkii tokko malee qeerramsa madaa'e ta'e ta'ee deebiyuun isaa hin oolu.
Kana malees, Waancaa Kilaboota Addunyaa keessaas haala nama rifaasisuun kan bahe maanchester Siitiin, aariifi seetoon guutamee deebiya.
Leenjisaan kilabichaa Peep Gaardiyoolaa taphattoota haaraa shan mallatteessuun kilabicha haaromseera. Kun ammoo Tijaanii Rejindersiin AC Miilaan irraa fudhatee sarara gidduuf utubaa cimaa tolchuu dabalateeti.
"Erga bara 2017 as Maanchester Siitiin Piriimer Liigii keessatti sadaffaa ta'ee xumuree hin beeku. Kanaaf, bara kana akkamitti akka qophaa'anii dhufan tilmaamuun nama hin rakkisu."
"Barana morkii cimaa gaggeessu jedhamee kan odeeffamaa jiru shaampiyoonaa bara darbee fi Arsenaalidha. Maanchester Siitiin akka kanaan duraa odeeffamuu baatus, salphaa hin ta'u."
Chelsii (4ffaa, qabxii 15n caalamee)

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni bara kana mallatteessise: Liyaam Delaap (Ipswiichirraa), Jaawoo Pediroo (Biraayitenirraa), Jaamii Giitens (Boorsiyaa Doortimondirraa), akkasumas Joorel Hatoo (Ayaaksirraa).
Waliigalteen duraan taasifamee ganna kana xumura argate: Daariyoo Essugoo (Ispportingirraa), Estaavaa'oo Wiliyaan (Palmeeriyaarraa).
Taphattoonni gaggeessan: Keppaa Ariizabalaagaa (Arsenaal), Jaa'oo Feeliks (Al-Naasir, Jorjee Petiroovich (Barnimaawooz), Maatis Amuuguu (Istuutbarg)
Maallaqa ganna kana baase: Paawondii miliyoonaa 249
Rippoortara BBC Sport Nizaar Kinsellaa: "Waancaa Kilaboota Addunyaarratti Chelsiin 3-0n shaampiyoonaa Awurooppaa kan ta'e Paarisen Jarmeen (PSG) mo'achuun isaa bara kana humna cimsatee dhufuu isaa agarsiisa.
"Manaajerri Chelsii Enzoo Mareeskaa kilaba Paawondii biliyoona 1.4 baasu walitti qabee ijaareera. Kun akka herregni kilabichaa agarsiisuttidha. Taphattoonni harki caalan bara darbe kana taphattoota umuriin isaanii reefuu ta'etti kan caalu ta'ullee, waancaa mo'achuuf garuu gaarii turan.
"Taphattoota cocollee kilabichi qabu keessaa Kool Paalmer, Enzoo Fernaandeez, Moo'ises Kasiheedoo fi Maark Kukurellaan keessatti argamu.
Haata'u malee, Chelsiin taphattoota warra akka Jaa'oo Pediroo, Liyaam Delaap, Jaamii Giitens, Estevaa'oo Williyaan fi Joorel Hatoo hirmaannaa shaampiyoons Liigii dabalataan isaan ko'oomsuu danda'u keessatti cimanii argamuuf dabalataniiru.
Akka karooraatti, Chelsiin tokkoo hanga afur keessa galuun xmuruuf bara kana karoora qabataniiru, haata'u malee, taphataan sarara ittisaa isaa Leevii Koolwil warra bara kanarraa kaasanii Piriimer Liigii ykn Shaampiyoons Liigii fudhannu malee jechuun tilmaamaa jiran keessaati."
Niiwukasil (5ffaa, qabxii 18n caalamee)

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni bara kana mallatteessise: Antoonii Elaangaa (Notingihaam Forestirraa), Aroon Raamsaadel (Saawozhaampitanirraa ergisaan).
Taphattoota gaggeessan: Siin Loongistaaf (Liids)
Waliigalteen bara darbe taasifamee ganna kana xumurame: Looyid Keelii (Juuventuusirraa)
Maallaqa ganna kana baase: Paawondii miliyoona 55
Rippoortarri BBC Sport Kiyaaraan Kelii: "Niiwukasil bara darbe taphni lama osoo isa hafuu kilaboota duraa keessaa tokko ta'ee akka xumuru ta'u mirkaneeffachuun isaa waan dagatamu miti.
"Niiwukasil Yunaayitid sadarkaa shanaffaan kan xumure yoo ta'u, carraa shaampiyoonsii keessatti hirmaachuusaa mirkaneeffatee xumuruun isaa hawwii yeroo dheeraaf qabu ture kan itti mirkaneeffatedha.
"Kun qofaan garuu kilbciha ceesisuuf gahaa miti.
"Niiwukasil taphattoota ciccimoo kanneen akka Huugoo Ektikee, Jaa'oo Pediroo, Jams Tiraafoord, Liyaam Delaap, akkasumas Diin Hujiseen fudhachuuf hawwus dhabeera.
"Atakaaroon dhimma Aleksaander Isaaq waliin walqabatee jirus fala osoo hin argatiin itti fufeera, Ispoorting Daarektarii Paawol Micheel gadhiisuu hordofees boordii keessatti dallansuun dhalateera.
"Waan ni ta'a jedhamee hin yaadamne ture."
Akka waancaa karabaawoo Kaap Liiverpuul waliin tapahatanitti taanaan Niiwukasil Yunaayitid ammallee morkii keessaa waan bahu miti. Haata'u malee, garee taphattoonni jalaa haphateeru kun garee duraa keessaa tokko ta'ee ba'uudhaaf hatattamaan qaawwa jiru guutuu gaafata.
Akkaataa kanaan kompiitara kilaba kamitu mo'ata jechuun tilmaamu Koptaa dabaltee sadarkaan tilmaamame kana fakkaata:
Liiverpuul, Arsenaal, maanchester Siitii, Chelsii ta'a. Tilmaamni kun sadarkaa bara darbe kana waliin wal fakkaata.
Isin eenyu mo'ata jettanii yaaddu?












