Shiin, Puutiniifi Kiim waliin ta'uun US irratti shira xaxaa jiru jedhan Tiraamp

Doonaaldi Tiraampii fi Shii Zhiinpiingi, Pirezidaantii Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gitnisaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing hogganoota Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa waliin ta'uun US irratti shira xaxaa jiru jechuun himatan.

Yaadni Tiraamp kun kan dhagaahame Shiin Beejiingitti hoogganoota biyyoota kanaafii kaan hedduu simachuun wayita marii gaggeessanittidha.

Roobii har'aa ammoo Puutiniifi Kiim dabalatee hoggantootni biyyoota biroo hedduun agarsiisa waraanaa guddaa guyyaa yaadannoo injifannoof qophaayerratti argamaniiru.

Maxxansa Truth Social gubbaa kaahaniin ''Tiraamp Yunaayitiid Isteets of Amerika irratti wayita shira xaxaa jirtan kanatti adaraa nagaa ho'aasaa Vilaadmiir Putiinifii Kiim Joong Uuniif naa dabarsi'' jedhan.

Tiraamp amma dura hariiroon Raashiyaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo gidduutti o'aa jiru sadarkaa idila addunyaatti UStti rakkoo ta'a yaada jedhu mormanii turan.

Tiraamp dabaluun wayita waraana addunyaa lammaffaa US Chaayinaaf dhiiga dabalatee deeggarasa olaanaa gooteetti jedhan.

Agarsiisni waraanaa guddaan Chaayinaa kun waggaa 80ffaa Jappaan Waraana Addunyaa lammaffaarratti Chaayinaaf harka kennite yaadata. Kunis injifannoo humnoota Chaayinaa qabatanii turaniitti xumura godheera.

''Ameerikaanonni hedduun duula Chaayinaan injifannoofi olaantummaaf gootuuf warreegamaniiru. Isaan gootummaafi aarsaa isaaniif akka ta'utti yaadatamaniiru, kabajamaniiru jedheen abadadha'' jedhan Tiraamp maxxansa isaaniin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shiin yaadannoo kana agarasiisa waraanaa amma dura mul'atee hin bekennen yoo yaadatan dureewwan biyyoota 26 irratti hirmaataniiru. Kiim Joong Uun fi Vilaadmiir Puutiin argamuun warra Lixaaf ergaa biraa dhaameera.

Tiraamp erga marsaa lammataan Waayit Haawus qabataniifi tarkaanfii Taarifaa fudhachuun diinagdee fi siyaasa addunyaa sochoosanii as Chaayinaan akka biyya faallaa USDn madaala eegduutti socho'aa jirti.

Tiraamp tarkaanfiin fudhatan kun fedhii biyyaalessaa US kabachiisa jedhanii amanu. Sababa kanaattis gatii dippiloomasii kaffalchiisu kamuu fudhachuuf qophaa'uu himan.

Beejiingiifi michootnishee tokkummaa tokko ijaaruun yoo gadi itti bahan maal akka godhan gaaffii BBCrraa dhiyaateef Tiraamp ''lakki. gonkumaa. Chaayinaan nu barbaaddi'' jechuun deebisan.

Dabaluunis pirezidant Shii waliin hariiroo gaariin qaba. Chaayinaan garuu hamma nu Isaan barbaannu caala nu barbaadu. Suni ta'ee natti hin mul'atu'' jedhan.

Gaaffiif deebii sagantaa raadiyoo tokko irratti ammoo hidhata naannoo Raashiyaafi Chaayinaatti jabaateen akka hin yaaddofne dubbatan.

Sagantaa raadiyoo Iskoot Jeeniings irratti ''Ameerikaan humna waraanaa addunyaarratti isa guddaa ta'e qabdi, humna isaanii gonkumaa nurratti hin fayyadaman'' jedhan.

''Na amanaa sana yoo godhan waan hamaa isaan godhan ta'a.''

Gaaffiif deebii san keessatti dhimma waraana Yukireen dhaabuurraatti waliigaluu dhabuusaaniin ''Putiinitti baayyee gaddeen jira'' yoo jedhanis dhagaahamaniiru.

''Pirezidant Putiinitti baayyee gaddeen jira, kanan jedha'' jedhan. Uummata Yukireen gargaaruuf ni hojjenna jechuunis dubbatan. Maal akka gochuu yaadan garuu hin dubbanne.

Warri Lixaa Raashiyaan Yukreen weeraruusheef wayita qeeqan Chaayinaan gocha kana hin qeeqne. Booda warri Lixaa boba'aa irraa bituufi dhiyeessii mishaalee adda addaan Raashiyaa hirphiti jechuun qeeqaniiru. Chaayinaan himannaa kana hin mormiti.

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii ammoo Raashiyaan naannoo daangaatti ammallee waraana haaraa ijaaraa jirtii jechuun himateera.

''Putiin tole jedhee nagaatti adeemaa hin jiru'' jedheera.