Chaayinaa fi Indiyaan 'michuu malee masaanuu' akka walii hin taane waadaa galan
Hoggantoonni Chaayinaa fi Indiyaa waldhabdee daangaa waggoota dheeraaf ture dhaabuudhaan amma walitti dhufeenya gidduu isaaniitti cimfachuuf hojjataa jiraachuu ibsan.
Pirezdantiin Chaayinaa Shii Jiinping fi Ministirri Mummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin, magaalaa buufata doonii Tiyaanjinitti Dhaabbata Tumsa Shaangaayii (SCO) waliin wal arganiiru. Moodiin waggoota torba keessatti yeroo jalqabaatiif Chaayinaa dowwatan.
Shiin Chaayinaa fi Indiyaan masaanuu osoo waliif hin taane michuu ta'uu akka qaban Moodiitti kan himan yoo ta'u, Moodiin ammoo amma ''haala nagaa fi tasgabbiitu'' gidduu isaanii jira jedhan.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutinis walgahii kana irratti kan argaman yoo ta'u, hoggantoonni addunyaa 20 ol biraatis kan yaa'icharratti hirmaatan yoo ta'u, bara kana waraana daldalaa US waliin gaggeeffameen golgameera.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Indiyaan boba'aa Raashiyaa irraa bitachuu itti fufuu isheetiif adabbii akka ta'uuf meeshaalee biyyattii irratti qaraxa cimaa kan kaa'an yoo ta'u, Puutin waraana Yukireen irratti gaggeeffamaa jiruun qoqqobbii akka irra kaa'amu doorsisaniiru.
Hariiroon Ameerikaa fi Indiyaa rakkoon mudatuu dabalaa dhufnaan Moodiin Shiinitti dhihaachaa jira. Biyyoonni lamaan baay'ina ummataa qaban qofa osoo hin taane, dinagdee addunyaa keessaa isaan gurguddoodha.
Moodiin balaliin Indiyaa fi Chaayinaa gidduutti taasifamaa ture, kan erga bara 2020 sababii walitti bu'iinsa daangaa Himaalaaya waliin qooddatan irratti lubbuun namootaa galaafate booda addaan cite, yeroo osoo hin kennin akka deebii'anii eegalan beeksisaniiru.
Shiin ''gama lachuunu hariiroo keenya olka'iinsa tarsiimoo fi ilaalcha yeroo dheeraatiin itti dhiyaachuu fi qabachuu qabna'' jechuun ''garee lamaan michuu ta'uun filannoo sirriidha'' jedhan.
Walgahiin Dhaabbata Gamtaa Shaanghaayi (SCO) mataansaa baay'inaan fakkeenya ta'us hoggantoonni rakkoo waloo fi dantaa waliinii akka qooddattan kan dandeessisu ta'a.
Kunis agarsiisa waraanaa guddaa Beejiingitti gaggeeffamuuf guyyoota muraasa kan erga Waraanni Addunyaa Lammaffaa xumuramee waggaa 80 kan guutuuteen duradha.
Garee kana keessatti biyyoonni miseensa ta'an 10: Raashiyaa, Paakistaan fi Iraan dabalatee, michoota marii fi taajjabdoonni 16 argama.
Michuu dhiyoo Chaayinaa kan ta'an Puutin, Guyyaa Dilbataa ture kan simannaa hafaa diimaa Tiyaanjinitti taasifameef.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen SCO kunis Chaayinaa, Raashiyaa fi biyyoota Giddugaleessa Eeshiyaa afuriin bara 2001tti dhiibbaa gamtaa warra lixaa kan akka Naatoo daangeessuuf kan uumamedha.
Haata'u malee, walgahiin bara kanaa erga hundeeffamee as isa guddaadha.
Tiyaanjiniif walgahiin kun baanarootaa fi biilboordii magaalaa buufata doonii kaabaa guutuu keessatti beeksifamuun taatee guddaa ta'eera.
Halkan daawwattoonni naannoo sanaa kuma kudhaniin lakkaa'aman naannoo qarqara laga sanatti yeroo walga'iin kun gaggeeffamu agarsiisa ibsaa masaraawwan irratti agarsiifamu argaa turaniiru.
Daandiiwwan baay'ee namaan guutamaniiru, keessumaa riqicha seena qabeessa Ji'eefaang irrattii fi naannoo isaatti namoonni socho'uu illee akka hin dandeenye taasiseera.
Guyyaa keessa ammoo, namoonni miilaan deeman akka eegatan taasifamaa jira. Sababiin isaas daandii cufamuun waan dabalaa jiruuf, konkolaattonni hoggantoota addunyaa daawwatan dafanii akka darban taasisa.
Tajaajilliiwwan taaksii fi kiraa konkolaataa biroo naannoo magaalaa guddootti addaan citeera, kunis quuqama namoota hedduu walgahii seena qabeessa jedhamuun ibsame kana keessaa qaama ta'uu barbaadan akka hin laaffisnefiidha.
Haata'u malee, poolisiin jiraattonni Tiyaanjin miliyoona 13 ol ta'an yoo danda'ame magaalattii keessa akka hin sochoone, akkasumas meeshaalee hatattamaa kamiyyuu bitachuuf suuqiiwwan dhiheenya naannoo isaaniitti argamaniitti akka fayyadaman gorseera.













